Miixannaa Korporeeshinii Sibiilotaafi Injinariingii

Finfinnee: Korporeeshiniin Sibiilotaafi Injinariingii bara 2002tti erga hundeeffamee kaasee indastiriiwwan addaddaa keessatti misooma teknolojii babal’isuufi carraa hojii uumuun guddina dinagdee Itoophiyaa hanga tokko si’eessaa tureera.

Waggoota shanii as garuu hojmaatni korporeeshinichaa adeemsa seeraa hordofuun raawwatamaa waan hinturreef kaayyoofi ergamasaa galmaan gahachuu hindandeenye. Kanarraa kan ka’es bajetni mootummaafi ummataa korporeeshinichaan hogganamu qarshiin biliyoona 57 seeraan ala qisaasamuusaa hubachuun danda’ameera.

Qabeenyiifi meeshaaleen indastiriiwwan korporeeshinichaa kanneen akka awutoobisootaa, konkolaattota bottee, paampiiwwan bishaanii, tiraaktarootaafi maashinootni addaddaa gatii mi’aawaan bitaman hojii tokko malee yeroo dheeraaf kuufamanii waan turaniif  irra caalaansaanii tajaajila ala ta’aa akka jiran hubatameera.

Kanarraa kan ka’e irra caalaan indastiriiwwan korporeeshinichaa kisaaraa keessa galuurra darbee akka indastiriitti itti fufuufi dhiisuuf daandii qaxxaamuraarra dhaabachaa akka jiran beekuun danda’ameera.

Korporeeshiniin Sibiilotaafi Injinariingiis Amajjii 1 bara 2011 irraa kaasee of baraaruuf rifoormii adeemsisaa turuyyuu sanadoota maallaqni korporeeshinichaa seeraan ala socho’aa turan hanga har’aatti gonkumaa argachuu akka hindandeenye ibseera. Kunimmoo akka korporeeshiniitti itti fufuufi dhiisuusaarratti bowwoo itti ta’eera. Kisaaraa keessa gales kaffaluu waan hindandeenyeef miixachaa jiraachuunsaa hubatameera.

Gaggeessaan hojii Indastirii Awutomootivi Injinariingii Bishooftuu Koloneel Biqilaa Baqqaanaa akka ibsanitti, bara 2008 irraa kaasee hojiileen Korporeeshinii Sibiilotaafi Injinariingii sababoota addaddaatiin dadhabaa tureera. Indastiriin Awutoomootiivii Bishooftuus hojmaata iftoomina hinqabne hordofaa waan tureef hanga har’aatti kisaaraa keessaa bahuu akka hindandeenye eeru. Kanaanis maqaa gaarii korporeeshinichiifi indastiriinsaanii duraan itti beekaman gurraacha’ee badeera jedhu.

Walakkaa ji’a baranaarraa kaasee garuu hojmaata badaafi maqaa gaarii indastirichi qabu sirreessuuf qorannoorratti hundaa’anii hojiilee guguddoo hojjechaa turuusaanii dubbataniiru.  

Kanaanis rakkoolee bulchiinsa gaarii hojjettootaan ka’aa turaniif deebiin akka kennamu ta’eera, sirni gurgurtaafi bittaa meeshaalees qajeelfamarratti hundaa’uun akka raawwatamuufi bajeta waliigalaan qisaasame adda baasuutiin kallattii furmaataa kaa’uun danda’ameeraa jedhan.

Indastiriin Awutoomootiivi Injinariingii Bishuuftuu meeshaalee soddomaa ol omishaa jiraachuusaa kan ibsan Koloneel Biqilaan, awutoobisoota nama fe’an omishuutiin magaalota guguddoo biyyattiif dhiyeessaa jiraachuusaas ni eeru. Baranuma qofaallee Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiif awutoobisoota 430 dhiyeessuun danda’ameera jedhu. Hariiroo indastirichi maamiltoota waliin qabu cimsuufis hojiilee hedduun hojjetamaa turuu himaniiru.

Galiin indastirichaa waggaadhaa waggaatti garaagarummaa yaa qabaatu malee erga waggoota sadii as garuu kisaaraa keessa bu’uusaa dubbatanii, bara 2010tti qarshii miliyoona 57 dhabuusaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Bu’aafi kisaaraan indastirichaa garuu waliigalaan hangam akka ta’e tilmaamuun rakkisaa ta’uu ibsaniiru. Kunimmoo indastirichi qabeenyasaa sirnaan hojiirra oolchaa akka hinturre mul’isa jechuudha.

Indastirichi wayita ammaa hojjettoota kuma sadiifi 400f mindaa kaffaluun hojjechaa kan jiru yoo ta’u, qarshiin miliyoona 800 seeraan ala qisaasa’uusaas dubbataniiru. Kisaaraa keessas waan tureef maallaqa liqaa indastiricharra tuulamaa ture qarshii biliyoona 1.7 dhaabbilee addaddaatiif kaffaluun danda’ameeras jedhu. Sanadootni seeraan ala hojjetamaa turanis hedduu waan ta’aniif waan fuudhaniifi qaban isaan wallaalchisuusaa addeessaniiru. Murtee mootummaaf dabarsineerras jedhan.

Dariktarri olaanaa Korporeeshinii Sibiilotaafi Injinariingii Birgaader Jeneraal Mohaammad Hamzaa akka ibsanitti, kaayyoon hundeeffama korporeeshinichaa damee indastirii injinariingii babal’isuutiin misooma dinagdee biyyattii utubuudha ture. Haa ta’u malee waggoota shanan darban keessa hojmaatni adeemsa seeraa bu’uureffate waan hinturreef rakkoolee hedduun  itti fayyadama faayinaansiifi teknolojii, hoggansa pirojektotaa, akkasumas sirna bittaafi gurgurtaa meeshaaleerratti bal’inaan mul’achaa turaniiru jedhu.

Keessumaa ammoo sirni faayinaansii korporeeshinichaa seeraan ala fedhii hoggantoota duraaniirratti hundaa’ee faffaca’aa waan tureef maallaqni mootummaafi ummataa garmalee qisaasamaa turuu dubbatan. Kunimmoo adeemsa keessa korporeeshinichatti ba’aa ta’aa waan dhufeef kisaaraa hamaa keessa nu galcheera jedhu.

Hanga har’aattis korporeeshinichi liqaa maallaqa addaddaa sanadootaan hinmirkaneeffamne gara qarshii biliyoona 57 ofirraa qabaachuusaa ibsanii, kana keessaa mootummaan qarshii biliyoona 44 akka haquufiif gaaffii dhiyeessaniiru. Kan hafe qarshiin biliyoona 13 garuu sirriitti baasii korporeeshinichaa ta’uu waan mirkaneeffameef waggoota muraasa keessatti kaffalamuu akka qaban murteessuusaanii eeraniiru.

Kana malees baasiiwwan dhaabbilee kanneen akka gumuruukii, tajaajila elektirikii, korporeeshinii keemikaalaafi sukkaaraa waliin walqabatan hedduunis waan jiraniif korporeeshinichi waggoota shanan dhufan keessatti ofirraa duguugee deebisuuf karoorseera jedhu. Mootummaan garuu yaada murtee dhiyaateefiirratti hatattamaan deebii kennuu akka qabus cimsanii gaafataniiru.

Korporeeshiniin Sibiilotaafi Injinariingii kufaatii hamaa keessa kan jiru yoo ta’u, kanaaf ammoo adda durummaan kan itti gaafataman hoggantoota yeroosan turan qofaa akka hintaane dubbataniiru. Miseensotni boordii korporeeshinichaa, Ministeerri Maallaqaa, Baankiin Biyyaalessaafi Daldala Itoophiyaa gaafatamuu akka qaban sababasaa waliin eeraniiru.

Korporeeshinichi garuu miixannaa kana keessaa bahuuf tarsiimoo humna faayinaansii itti guddifatu qopheessuun hojjechaa akka jiru hubatameera. Indastiriiwwan korporeeshinichaa bu’aa barbaadamu buusuu danda’anis filachuun deggarsa addaa taasisaa akka jiru ibsameera. Carraan indastiriiwwan laafanii garuu diiguun gara kaawwaniitti makuu akka ta’es himameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

(Suurri Hadush Abrahaatiin)

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

9 Comments to “Miixannaa Korporeeshinii Sibiilotaafi Injinariingii”

  1. Pingback: Clicking Here
  2. Pingback: iTunes gift card
  3. Pingback: Khủng bố
  4. Pingback: wm casino
  5. Pingback: live webcams
  6. MAKEUP JUNKIE BAGS Around the clock support, kindly reach out to us at our support email customercare@makeupjunkiebags. Custom makeup bags are an affordable promotional giveaway, perfect for sororities, corporate gifts, spas, bachelorettes, or event giveaways. The most popular materials for our custom cosmetic bags include satin, vinyl, vegan leather, and confetti. When exploring our selection, consider your target audience and what you plan on using the makeup bags for. This bag solves two of the biggest gripes when it comes to makeup bags: 1) If you’re sick of digging for that one thing you need, it zips open on three sides to give you full access to your products. Oh, and did something spill? Throw the whole bag in the laundry—it’s machine washable. The MATEIN is all about self-expression.
    http://www.bjmetal.co.kr/bbs/board.php?bo_table=free&wr_id=11753
    Australia’s No.1 Brush Brand Data sourced from IRI MarketEdge based on data definitions provided by Nude by Nature. Australia Pharmacy; Category: Cosmetics Brushes – Brushes, Dollars and Units, MAT 26 01 2020. Australia’s No.1 Brush Brand Data sourced from IRI MarketEdge based on data definitions provided by Nude by Nature. Australia Pharmacy; Category: Cosmetics Brushes – Brushes, Dollars and Units, MAT 26 01 2020. Although every step towards a cruelty-free life is an admirable one, going through the trouble of making sure your makeup is cruelty-free and or vegan and then applying it with a real fur brush feels kind of counter-productive. (20) Spectrum Collections unicorn vegan makeup brushes are some of the most stunning brushes I’ve ever laid eyes on! They also have some gorgeous and unique cosmetic bags so that can you elegantly store your lovely Spectrum cruelty-free makeup brush set! 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *