Gocha kontorobaandistoota duuba harki mootummaafi hawaasaa jiraachuun himame

-kontorobaandistoonni kun konkolaataa rasaasni hin seenneen deeggaramaa jiru.

Finfinnee:  Biyya keenyatti dhimmoota guddina dinagdeettirrattis ta’e nageenyarratti danqaa olaanaa ta’an keessaa inni guddaafi olaanaan kontirobaandiidha. Gocha hamaa guddina biyyaa quucarsu kana duuba duuba harki mootummaafi hawaasaa waan jiruuf guutummaatti dhabamsiisuun laayyoo akka hintaaneedha kan ibsamu.

Ministira Galiiwwanii Aadde Adaanachi Abeebee marii Roobii darbe qaamota dhimmisaa ilaallatu wajjin dhimma kontirobaanditootaarratti Finfinneetti gaggeeffamerratti dubbii dubbataniin gochichi hammaachaa dhufuu ibsan.

Gocha seeraan alaa kontirobaandistootaa kana dhabamsiisuuf bara 2006 kaasee qabsoon gaggeeffamaa turus hanga yaadame akka hindeemamne Aadde Adaanachi ibsaniiru.

Sosochiin seermaleeyyiiwwan kana dhabamsiisuuf taasifamu guutummaatti akka hinmilkoofne kan taasise harki qaamota mootummaafi hawaasaa tokko tokko kontirobaandistoota kana waliin hidhata qabu jiraachuus ni eeru.

Akka ibsa ministirittiitti kontirobaandistoonni hedduunnsaanii deeggarsa qaama mootummaafi hawaasaa keessaa akka qaban agarsiistuuwwan gara garaa jiraachuu kaasaniiru.

Keessumattuu humnoonni seermaleeyyii kunneen daldala seeraan alaa gaggeessan kana karaa qindaa’een raawwachaa jiru jedhanii, konkolaataa isaan itti fayyadaman hedduunsaanii kan mootummaa ta’anii argamuu himaniiru.

Konkolaattoonni mootummaa hojii kontirobaandii babal’isuuf bobbahan hedduu hordoffii cimaa taasifameen to’atamuu Aadde Adaanechi himanii, maqaa tuuristoota feeneerra jedhuun meeshaa seeraan alaa biyyatti galchaa jiraachuu himaniiru.

Konkolaattonni kunneen maqaa tuurstoota feeneerra jedhuun socho’anis dhoksaan baala sammuu hadoochu, meeshaalee waraanaa, elektirooniksii, uffatawwan gara garaa geejjibuu hojii godhachuus dubbataniiru.

Kaayyoon kontirobaandistoonni kunniin konkolaattota mootummaatti fayyadamanii socho’anii kun imala jijjiiramaa mootummaan haaromsaa eegale gufachiisuun seermaleessummaa babal’isuu akka ta’e ministirittiin ibsanii, tumsa hawaasniifi mootummaan taasisaniin gochicha dhabamsiiuun kan dandahamu ta’uu eeraniiru.

Ministirri muummee ittaanaan Obbo Dammaqaa Mokonnon gamasaaniin gochaa kontirobaandistoonni konkolaataa mootummaatti fayyadamuun raawwachaa jiran kana ilaalchisuun haasa’a taasisaniin, dhimmichi dhimma xiyyeeffannoo qaamota hundaa barbaadudha jedhaniiru.

Seermaleeyyiin biyya qullaatti hambisuun kufaatii dinagdee qaqqabsiisuuf kaachaa jiru jedhanii, hunduu gocha hamaa kana dhabamsiisuuf dammaquu akka qabu dhaamaniiru.

Komishinarri Gumurukii Obbo Dabalaa Qaabataa gamasaan waraqaa qorannoo dhiyeessaniin kontirobaandistoonni kunneen qaama mootummaafi hawaasaan kan ijaaraman ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsa isaaniitti, kutaalee Itoophiyaa daldalli seeraan alaa itti heddummaatu gara garaa keessatti wayita sakatta’insi taasifamu namoonni tokko tokko kontirobaandistoota kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Kontirobaandistoonni deeggarsa hawaasaa argachuusaaniin akka fedhan sosocho’uuf haala mijataa argachaa jiraachuus eeranii, hojiin hubannoo uumuu yoo uumameen alatti balaa guddaa akka qabu himaniiru.

Konkolaattota gocha seermaleessummaarratti bobba’uun to’ataman keessaa arki caalu kan mootummaa ta’uu Komishinar Dabalaan dubbataniiru. Kun ammoo hordoffiin gama kanaan gaggeeffamu walxaxaa kan taasiseedha jedhan.  

Akka ibsa komishinarichaatti kontirobaandistoonni Somaaleerraan meeshaa seeraan alaa galchan konkolaataa akka xiyyaaraa saffisuufi rasaasni hinseennetti kan fayyadaman ta’uus beeksisaniiru.

Gochichi balaafamaa ta’uusaatiin hordoffii hawaasa quuqama biyyaa qabaniifi humnoota nageenyaan taasifameen konkolaattonni to’annoo jala ooluu himaniiru.

Konkolaachisichi maal akka fe’e wayita gaafatamutti daakuu qamadii ‘UNICEF’ gargaarsaaf erge ta’uu uffata konkolaatichaa saaqee agarsiisus daakuu muraasa fe’ame jala meeshaan kontirobaandii  gatii miliyoonotaan tilmaamamu kan baasu akka ta’e Komishinar Dabalaan ibsaniiru.

Konkolaataan to’atame rasaasni kan isa hinseenneefi Itoophiyaa keessattillee kan hinargamne ta’uus himanii, wayita to’atamanitti meeshaaleen elektiroonksii, baala sammuu hadoochu, meeshaan waraanaa ammayyaa, rasaasni gara garaa fe’amee argamuu eeraniiru.

Gocha seermaleessummaa kontirobaandistoonni kun konkolaataa ammayyaafi mootummaatti fayyadamuun raawwachaa jiran hanna babal’isuun alatti jijjiirama mootummaa haaromsaan eegalame gufachiisuuf kan akeeke ta’uu Komishinar Dabalaan hubachiisaniiru.

Keessumattuu qaamota mootummaa ta’uun humnoonni seermaleessummaa babal’isaan kunneen tarkaanfii barsiisaa yoo hinarganne kontirobaandistoota kanneen to’achuun ulfaataa ta’uu ni dubbatu.

Kutaaleen hawaasaa seermaleessotaaf dahoo ta’uu barbaadanis gochaasaaniirraa akka deebihaniif hojiin hubannoo uumuufi dadammaqinsaa taasiafmuu akka qabu dhaamaniiru.

Hojiin kontirobaandii kun akka biyyaatti naannolee mara keessatti kan heddummaatu ta’uu ragaan qorannoo komishinarichaa kan ibsu yoo ta’u, hundeedhaa gogsuuf tarkaanfiin fudhatamu si’ataafi kan irraa baratamu akka ta’uuf yeroorraa yerootti hawaasaaf iftoomuu akka qabu kan agarsiisuudha.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

5 Comments to “Gocha kontorobaandistoota duuba harki mootummaafi hawaasaa jiraachuun himame”

  1. Pingback: sell drugs

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *