“Mootummaan tajaajila intarneetii addaan kutuuf karoora hinqabu; garuu biyya diiga taanaan hinoolu” -Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Ministirri Muummee Mootummaa Rippabilikii Federaalawaa Dimokiraatawaa Itoophiyaa (RFDI),  Doktar Abiyyi Ahmad dhimmoota wayitawaa eegumsa mirga namoomaa, olaantummaa seeraa, akkasumas nagaafi tasgabbii biyyattiirratti dheengadda  waajjirasaaniitti gaazexeessitoota biyya keessaafi alaaf ibsa kennaniiru.

Wayita ammaa Itoophiyaa keessatti dhoksaadhaan nama ajjeesuun, dukkana keessatti nama hidhuufi dararsuun akka hinjirre himanii, namni yakka raawwate kamuu garuu karaa seera eeggateen gaafatama, seeraanis gadi lakkifama. Kanaan booda mirga namoomaa sarbuun akka hinjiraannes ibsaniiru.

Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf lammiileen hunduu gahee isaanirraa eegamu osoo bahachuu qabanii namoota badii qaban sabummaadhaan golguun sirrii  akka hintaanes dubbataniiru. Kana sirreessuuf ammoo mootummaansaanii kutannoo olaanaadhaan hojjechaa akka jirus ibsaniiru.

Naannoo Amaaraatti Waxabajjii 15 bara 2011 mootummaa biyyattii humnaan kuffisuuf yaaliin gaggeeffame osoo milkaa’eera ta’ee gochaa biyya balleessu ture kan jedhan ministirri muummichaa, kaayyoonsaa inni guddaanis jijjiiramoota siyaasaa biyyattii keessatti mul’achaa jiran duubatti deebisuudhaan ergamasaanii galmaan gahachuuf ture. Kanaaf ammoo namootni biyya alaarraa dhufuun hojjettoota mootummaa muraasaaf leenjii kennaa turuusaanii mootummaan ragaa gahaa akka qabu ibsaniiru.

Kanaan booda Itoophiyaa keessatti mootummaa humnaan jijjiiruun kan hinyaadamnedha jedhanii, falli jirus filannoo yeroosaa eeggate, bilisaafi dimokiraatawaa gaggeessuun aangoo dabarsuudha. Kanaaf ammoo paartiinsaanii ADWUIn ejjennoo socho’uu hindandeenye kan qabu yoo ta’u, paartileen morkattootaas tumsa onneerraa madde gochuu akka qaban hubachiisaniiru.

Mootummaan tajaajila intarneetii addaan kutuuf ykn dhaabuuf karoora kan hinqabne ta’uusaas ibsanii, lammiileen olola sobaan gowwomfamanii waliiwaliisaanii akka hinajjeesneef cufamuunsaa garuu yaada fudhatama qabuudhaa jedhan. Biyya diignaan garuu mootummaan tajaajila intarneetii addaan kutuunsaa kan hinoolle ta’uun hubatamuu qabas jedhan. Kunimmoo mootummaan akka waan lammiileen yaada qaban bilisaan hin ibsanneetti dhorkeera kan jechisiisus miti jedhan.

Rakkooleen nageenyaa naannoo Ummattoota Kibbaa keessatti mudatan adeemsa seeraan furamaa akka jiru ibsanii,  gaaffileen gara naannootti guddachuu ka’aa jiranis karaa tasgabbii qabuun kan raawwatamu ta’a jedhaniiru.

Hariiroon mootummaafi paartilee obbolaa naannolee guguddoo arfan bulchan kanneen akka Oromoo Dimokiraatik Paartii (ODP),  Paartii Dimokiraasummaa Amaaraa (ADP), Warraaqsa Dimokiraasummaa Ummattoota Kibbaa (WDUK)fi Adda Bilisummaa Ummata Tigiraayi (ABUT) gidduu jirus sababoota garagaraan laafaa ta’uusaa dubbataniiru. Kunis rakkoo ilaalchaarraa madde yoo ta’u, miseensotni paartilee kanneenii tokko tokko yaadaafi ejjennoo moofaadhaan Itoophiyaa gaggeessuuf fedhii akka qaban himaniiru.

Kanarraa kan ka’es jijjiiramoota siyaasaa guutummaa biyyattii keessatti mul’achuu eegalan altokkotti galmaan gahuun ulfaataa ta’eera. Hoggantootni olaanaa naannolee jijjiiramicha gufachiisuuf hojjetan  suutuma suuta akka geeddaraman taasifamaa jiraachuus eeraniiru. Hoggansa geddaruu qofaanis furmaata waan hintaaneef tarkaanfiin qorannoo saayinsaawaarratti hundaa’e ni fudhatama jedhaniiru.

Mootummaan qaala’iinsa jireenyaa to’achuuf dhiyeessa omishaaleefi shaqaxootaarratti cimee kan hojjetu ta’uusaas beeksisaniiru jechuun kan gabaase gaazexaa Addis Zamaniidha.

Takkaalliny Gabayyootiin

Suurri Daanyee Abarraatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

7 Comments to ““Mootummaan tajaajila intarneetii addaan kutuuf karoora hinqabu; garuu biyya diiga taanaan hinoolu” -Doktar Abiyyi Ahmad”

  1. Pingback: lottovip
  2. Pingback: dee88
  3. Pingback: กงล้อ888
  4. Pingback: Sawan888

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *