“Ce’umsiifi jijjiiramichi hattoota ADWUI keessa jiraniin butameera” -Pirofeesar Hizqe’eel Gabbisaa

Namni televizhiinii ilaaluu jaalatuufi yeroo hedduu hordofu isaan beeka. Namni marsariitii hawaasaa keessattuu feesbuukii fayyadamu immoo, sochii fincila waggoota darban akka biyyaafi Oromiyaa keessatti taasifamaa turerratti  yaadaafi ergaa isaan gama fuula feesbuukiitiin dabarsaa turaniin yaadatamu.

Hayyoonniifi namootni seektara barnootaa keessa jiran immoo muuxannoo gabbataa isaan barsiisummaarratti qabaniifi sadarkaa dhumaa barsiisummaa yunvarsiitii keessatti namni tokko argachuu danda’u Piroofeesarummaa, isayyuu yunvarsiitii biyyoota guddatanii keessatti argataniin isaan beeka.

Yunvarsiitii biyya keessatti barsiisummaa eegalanii gara Ameerikaatti imaluudhaan biyya hiyyeettiifi boodatti haftuu keessaa bahanis beekumsasaaniitiin warra dureessaafi qaroo ta’an dura dhaabbatanii barsiisaa jiru.

Kanaanis hiyyummaa qabeenyaa malee hiyyummaan sammuu akka hinjirre addunyaatti agarsiisanii osoo hinjaalatin liqimsiisaniiru.  Haalli jiruufi ogummaan isaan qaban biyyaa isaan baaftus osoo gaafa tokko biyyasaanii irraafagaanne har’a biyyatti deebi’uuf carraa argataniiru.

Yeroo biyya alaa turanittis dhimma biyyi keessa jiru dhiheenyatti hordofuun yaadaafi qeeqa qaban darbachuurraa osoo of hinqusatin beekumsa alatti horataniin qaroowwan hedduu horachuus eegalaniiru.

Ameerikaatti Yunvarsiitii Michigaanitti barsiisaa kan jiraniifi dabalataanis Yunvarsitii Finfinnee dabalatee yunvarsiitii Jaappaanitti argamu keessatti barattoota digirii 2fafi sadaffaa barsiisuurratti argamu. Keessummaan keenya har’aas nama gama hundaan gahumsa guddaa gonfaatan Pirofeesar Hizqe’eel Gabbisaati.

Hayyoota qaqqaalii yeroo ammaa Oromoon ittiin dhaadatu keessaa tokko kan ta’an hayyuun kun, gaafa mormiin biyya keessatti taasifamaa ture mormicha deeggaruu qofa osoo hintaane, jijjiiramaan boodas hanqinoota mul’atan irratti qeeqa beekumsarratti hundaa’e kennuudhaan beekamu.

Waan itti dhagahameefi itti amane ‘namni maal naan jedhaa” dhaan osoo duubatti hin jedhiin yaadasaanii ibsuun Pirofeesara beekamanidha. Keessattuu dhimma jimaarratti ijjennoo addaa qabachuun namoota hedduu bitaa itti galchuun beekamu.

Kanaanis walqabatee tibba tokko miidiyaarratti jimaa qama’uun nama mirqaansa ykn qaama namaa kakaasa malee, akka jedhamu sana nama hinhadoochu jechuusaaniitiin  mata duree oduu tibba sanaa ta’uusaa ni yaadatama.

Hayyuu ogummaafi muuxannoo gabbataa qabu kana keessummaa taasifachuunis dhimmoota garaa garaarratti turtii taasifne akka armaan gadiitti dhiheessina.

     Dhimma Heera biyyattiirratti

Heerri biyya tanaa bifa walii galaatiin yemmuu ilaalamu gaaffiilee yeroo dheeraaf biyyattiitti ka’aa turan kan deebise jechuun ni danda’ama.

Haa ta’uu malee dhimmoota muraasaafi sadarkaa yeroo ammaa addunyaan irra jirtuun walsimsiisuuf keeyyattoota muraasa fooyyessuun immoo barbaachisaa ta’a.

Heera fooyyessuun akka danda’amu immoo heerri biyyattii mataansaatuu waan ajajuuf yeroo kamuu fooyyessuun ni danda’ama. Heera fooyyessuu yemmuu jennu garuu keeyyattoota rakkoo qabu jedhamanii adda bahan fooyessuudha malee akkuma jiruun heericha gatanii haaraa barreessuu miti.

Kun kanaan osoo jiruu garuu “Heerri amma jiru gaafa tumamu nuti keessatti waan hinhirmaanneef, mirga keenyas waan daangesseef akkuma jirutti gannee kan biraa barreessuu qabna” gaaffiin jedhu garuu fudhatama hinqabaatu.

Kan ta’uu malu heericha keessatti keeyyanni rakkoo qaba jedhame sun tokko, lama jedhamee adda bahuudhaan akka sirreeffamuuf ykn fooyya’uuf gaafachuutu fala.

Biyyi tun mana yaalii heeraa miti. Yeroo hunda heera tokko gataa kan biroo barreessuun dadhabbii malee bu’aa hinqabu.

Hayilasillaaseen heera barreessee yeroon booda fooyyesseera, Dargiinis akkasuma amma immoo ADWUI s yeroo hunda heera barreessaafi jijjiiraa ooluu hinqabu.

Warroonni heerri amma jiru “Bakka nu hinbu’u, nuti keessatti hinhirmaanne” jedhan akkuma isaan jedhan inni amma jiru gatamee kan biroo barraa’es qaamni heericha mormu jiraachuu akka danda’u yaaduu qabu.

Keessattuu amma yeroo jijjiirama keessa jirrutti heera ture gannee heera kamiin haaraa barreessina? Kanaaf gaaffiin fudhatama qabu keeyyanni heerichaa tokko tokko akka fooyya’an isa jedhu malee hunda gatanii haaraa akka barreessaniif gaaffachuun gaaffiirra darbuu hindanda’u.

Heerri biyya tanaa immoo bilisummaafi mirgoonni sadarkaa addunyaatti fudhatama qaban kan ofkeessatti hammate ta’uunsaa dagatamuu hinqabu.

  Filannoo bara 2012 ilaalchisee

Haalli amma keessa jirru hanga fedhes ta’u filannichi adeemsifamuun dirqama. Sababnisaas heerri biyyattii kan ajaju waggoota shan shaniin filannoon akka gaggeeffamuudha. Sababa kamiinuu yoo ta’e filannoo heerri biyyattii ajaju kana gaggeessuu dhabuun heericha cabsuu waan ta’uuf sababootni adda addaa jiraatanis filannoo bara dhufuu adeemsisuun dirqama ta’a.

Sababootni gugguddoon filannoo kana gaggeessuuf nama rakkisan ni jiru taanaan immoo jalqaba heericha fooyyessuu barbaachisa.

Bakka kun hintaanetti immoo sababa tarreessanii filannoo heerri biyyattii waggoota shan shaniin akka adeemsifamaniif ajaju kana yeroo biraatti dabarsuun alseerummaadha. Mootummaan biyya bulchaa jiru kunis bara 2012tti filannichi hinadeemsifamu taanaan mootummaa seeraan alaa ta’a.

         Mirga addaa Oromoon Finfinneerraa qabu ilaalchisee

Heeraa biyyaa keessatti Oromiyaan Finfinneerraa mirga addaa qabaachuun heera biyyattii keesatti ifaan taa’eera.

Finfinneen durirraa kaatee teessoo Abbaa Muudaa turte. Bifa seenaa kamuu keessatti Finfinnee handhuura Oromiyaa ta’uun hinhaalamu.

Gaaffiin yeroo ammaa Oromoon gaafachaa jiru garuu gaaffii salphaa ture. “Biyyi tiyya ta’uushii naa beekaatii beekamtii naaf kennaa isa jedhu malee biyya koo dhiisaatii bahaa”  jechaa hinjiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnees “Lafti tun tan Oromooti“ jechuudhaan waggaatti qarshii takka Oromiyaaf kennee waan beekamtii laatu tokko agarsiisuu qaba.

Dabalataan immoo maqaa lafaa isaan dur ittiin waamamaa turan deebisuufi iddoowwan tokko tokko immoo maqaa hayyoota Oromootiin moggaasuudhaanis beekamtii kennuu qaba.

         ADWUI moofaafi haaraarratti

Akka namootni tokko tokko haasa’anitti jechi ADWUI 1fafi 2fa ykn moofaafi haaraa  jedhu anaaf hiika hinqabu.

Namootni muraasni sochii diddaa gabrummaa biyyattiitti taasifametti makamanii gara fuulduratti dhufan ilaalcha ummatummaafi waan dur paartichi hinbeekne ummata agarsiisaniiru. Kanaanis abdiifi deeggarsa ummataa aragataniiru.

 Haa ta’uu malee imaammanni paartichaa ammas isuma duriiti, tarsiimoofi hojmaatni hordofamaa jirus sanuma. Waan ta’eefis ilaalcha jijjiirama namootni muraasni aangoorra jiran qabanirraa ka’amee paartichi akka waan guutuutti geeddaramee fakkeessanii odeessuu san ani hinfudhadhu.

Warrumti ilaalcha jijjiiramaa qabatanii ummatatti as bahanii turan muraasni sunuu yeroo ammaa amala dur paartichi ittiin beekamu sana keessaa bahuu hindandeenye.

Sababoota gara garaa namatti barbaadanii nama doorsisuufi hidhuun iddoowwan adda addaa keessattuu Oromiyaatti mul’achaa jira.

Warri aangootti bahes wareegama dargaggoota jijjiirama fedhaniitiin achi ga’uusaanii dagatanii shira paartichi ittiin beekamuun kaayyoo jijjiiramichaa dabsaa jiru.

Yeroo duraa jijjiiramicharratti  abdii horachaa turrus amma abdiin ture baduufi gara abdii murannaatti nama geessaa jira. Kun immoo hattootaafi warroota diina ummataa ta’anii ammas paarticha keessa jiraaniin raawwatamaa jira.

Akka yaada dhuunfaa kiyyaatti inumaayyuu yeroo ammaa jijjiiramnis ta’e cee’imsi jedhamu hinjiru.

Hooggantootni jijjiirama kana namoota ummata hataafi miidhaa turan dafee seeratti dhiheessuu dhabuufi har’as warroonni ummata dararaa turan aangoorratti ol bahuunsaanii immoo kufaatii birootiif osoo isaan hinsaaxilin dafanii jara kana of keessaa baasuu qabu.

Warri qabsoo ummataatiin aangoorra bahe warra mormii ummataatiif sababa ta’e hammatee ce’umsis ta’ee jijjiiramni dhufu waan hinjirreef yeroodhaan of sirreessanii adeemuudhaan ofiisaaniis ta’e biyyattii kufaatiirraa baraaruu qabu.

Duudhaa Oromoorratti

Oromoon sirna Gadaa qofaan bulaa ture. Hanguma sirnichi babal’achaa deemeen iddoowwan sirnichi itti raawwatamu baay’inaan dabalaman.  Har’a Odaa Bisil, Odaa Nabee, Odaa Roobaa, Odaa Bulluq, Gumii Gaayyoo, Odaa Hulleefaan kanneen Gadaa mata mataasaanii  uumaniidha. Isaan kunniin waggaa saddeet saddeetiin Abbaa Muudaa bira deemuun tokkummaasaanii ibsatanii deebi’aa turan.

Duudhaan, safuufi aadaan kun egaa imaammata mootummaa dabalatee sababoota adda addaatiin akka laafu taasiameera. Keessumaa sirna Mootii Hayilasillaasee keessa Oromoo Booranaa, Shawaafi kkf jedhamee qoqqooduun tureera. Miidhaan bilchiinsaa hamaanis tureera. Afaan ibsituu eenyummaafi aadaa ta’us ummanni Oromoo fayyadamaa afaansaa ta’uu dhabuun duudhaaleen afaansaatiin darban laafaniiru, badaniiru jechuun ni danda’ama.

Dhimma Hortee Kuush dhaabuurratti

Ani ummata Kuush hinhundeessu. Ummanni Kuush ummata buleessaafi bu’uura biyyaati. Ummanni kun buleessa waan ta’eef gama tokkummaa biyya Itoophiyaa jedhamtuu eeguutiin gumaachisaa olaanaadha. Ummatoota Itoophiyaa keessaa harki 75 Hortee Kuushi. Isaan kun hariiroo aadaafi afaanii waan qabaniif yoo gamtaa qabaatanii ciman biyyattiin jabaachuu dandeessi yaada jedhun qaba. Sababiinsaas Affaar, Somaaleen, Oromoon, Sidaamaan, Walaayittaafi Beejjaafaa jennee walitti qabnee yoo eerre Itoophiyaa jechuudha. Dubbii keenyarratti Itoophiyaa jechuun afaan Girikiin, biyya ummata gurraachaa jechuudha. Kuush jechuunis afaan Ibraayisxiin kanuma. Kanaafuu Kuush jabeessuu jechuun Itoophiyaa jabeessuu waan ta’eef dhimma nama sodaachisu ta’uu hinqabu.

Adeemsi kun kan duraan Amaara, Oromoo, Tigree jechaa turre  sadarkaasaa ol kaasuun yaada tokkummaa argamsiisuu danda’uudha.

Afaanonni Kuushiifi Seem kanneen amma uumaman miti. Waa’eesaanii hindubbannu yoo jenneen ala yaadni kun yaada gaariidha. Ummatoonni Kuush tokkoomanii biyya kanatti nagaan akka bu’u gochuun akka hammeenyaatti fudhatamuu hinqabu.

Gaaffii naannoo ta’uu ilaalchisee dhiyaataa jirurratti

Godinaaleen Naannoo Ummatoota naannoo taana jedhanii gaafachuun mirga heerawasaaniiti. Heerichi ammoo mirga qofa oto hintaane haala raawwiisaas kaa’eera. Kun heericha keeyyata 47 irratti tumameera. Keeyyaticharratti naannoleen amma jiran tarreeffamaniiru. Gaaffiin ammaan tana dhiyaachaa jiranis mirgaafi hojmaata heerichaa hordofanii akka raawwatamaniif kaa’eera. Kanneen mirgicha bu’uureffatanii gaaficha dhiyeessaa jiran haaluma kanaan keessummeeffamuu qabu.

Waa’ee muudama Injiinar Taakkalaa Uumaarratti

Injinar Taakkalaa Uumaa Jiraataa Magaalaa Finfinneeti. Eddii Finfinnee jiraachuu eegalee bubbuleera. Maaliif miseensi ODP Finfinnee bulchaa yoo jedhame malee Taakkalaan Ambotti dhalatus jiraataa Magaalaa Finfinneeti. Otoo Finfinneetti hidhalatiin haala kamiin Finfinnee bulcha yoo jedhames kanneen hanga har’aatti Finfinnee bulchan namoota Finfinneetti dhalatan hinturre. Kan magaalattii bulchu nama jiraattotashii keessaa filatame ta’uun qabaan yaada sirriidha. Ofiin of bulchuu kan jedhamus kanuma. Kantiibota isa dura turan Arkaba Iqubaayiifi Dirribaa Kumaafaa yoo fudhanne dhalattoota Finfinnee ta’uu baatanis jiraattota Finfinneeti. Gaaffiin akkanaa maaliif yeroo sana hinkaane?

Haala caaseffama naannoleerratti

Caaseffamni naannolee federaalaa sabummaarratti hundaa’e hojiirra kan ooleef gaaffii tureef deebii kennuufi. Biyya kana keessa gaaffiin sabootaa turuun hindagatamu. Sirumayyuu gaaffiilee biyyattii garmalee raasaa turan keessaa tokko ture. Sirni federaalizimii paartiilee siyaasaa danuuf deebii kennuu kan yaaleedha. Adeemsa keessa gara federaalizimii biraatti deemuun ni danda’ama ta’a.

Haala amma keessa jirruun garuu kan filatame sirnaan hojiirra oolchuudhaan mirgi sabootaafi sablammootaa eegamee adeemsa keessa oggaa gaaffiin dhufu deebii biraa kennaa deemuu wayya natti fakkaata. Ammas dhaloota keenyaaf furmaanni sirna federaalizimii amma jiruudha. Oggaan kana jedhu garuu yaadicha cufuu koo miti. Gaaffiin lafa jiruufi dhugaan jiru kan eeyyamus federaalizimii sabummaati. Walaayittaan, Sidaamaan, Agawu, Qimaantifaan gaafataa kan jiran federaalizimii sabummaarratti hundaa’eedha.

Bayyanaa Ibraahimiin

 Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

One Comment to ““Ce’umsiifi jijjiiramichi hattoota ADWUI keessa jiraniin butameera” -Pirofeesar Hizqe’eel Gabbisaa”

  1. Pingback: trustbet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *