Waldaan Qorannoo Oromoo yaa’iisaa waggaa Finfinneetti geggeeffataa jira

Finfinnee: Waldaan Qorannoo Oromoo (Oromo Studies Association -OSAn) yaa’iisaa 33fa kaleessarraa eegalee guyyoota sadiif turu handhuura Oromiyaa, Finfinneetti taa’aa jira.

Pirezdaantiin waldichaa Aadde Kuulanii Jaalataa baniinsa yaa’ichaarratti haasawa taasisaniin waldichi aadaa, eenyummaafi duudhaan Oromoo addunyaarratti akka beekamuuf qorannoowwaniifi jornaalota hedduu maxxansiisuusaa ibsaniiru. Waldichi wareegama qarreefi qeerrootiin biyyatti deebi’uusaatti gammaduusaanii eeraniiru.

Waldichi biyya hambaa taa’ee seenaa Oromoo qofa osoo hintaane kan ummattoota Kuush kanneen akka Sidaamaa, Hadiyyaafi kkf irratti hojjechaa turuu eeranii, kana boodas hayyoonni Oromoo biyya keessaafi alaa walta’uun waa’ee Oromoofi Itoophiyaarratti caalaatti akka hojjetan addeessaniiru.

Yaa’ii Galma Yunvarsiitii Riifti Vaaliitti geggeeffamaa jiru kanarratti kan argaman Pirezdaantii      Ittaanaan Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniin OSAn seenaafi eenyummaan Oromoo qajeelee akka hubatamuuf gumaacha olaanaa taasisuusaa ibsaniiru.

Kana boodas hayyoonni Oromoo caalaatti tokkoomuun falaasama Gadaa waraabamee hindhumne agarsiisuu akka qabaniifi beekumsa ganamaa ummatichaa qorachuu qabu jedhaniiru. Tajaajila lammummaarrattis akka hirmaataniif waamicha dhiheessaniiru.

Hayyoonni yaa’icharratti hirmaatan tokko tokko yaada kennaniin waldaan biyya hambaa taa’ee Oromoof gumaacha olaanaa taasisaa ture biyya abbaasaatti deebi’uusaatti kan gammadan ta’uu himaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

One Comment to “Waldaan Qorannoo Oromoo yaa’iisaa waggaa Finfinneetti geggeeffataa jira”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *