“Gaazexaan Bariisaa handhuura qabsoo Oromooti” -Abbaa Bariisaa

Keessummaan keenya har’aa Doktar Mahaadii Hamiid Muudee ykn Abbaa Bariisaa jedhamu. Hundeessaa Gaazexaa Bariisaati. Bariisaan aadaa, afaaniifi seenaa Oromoo guddisuufi dagaagsuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera; taasisaas jira. Faayidaa ummata Oromoo mirkaneessuu, mirgasaa kabachiisuufi rakkoon ummatichaa ifatti ba’ee furmaata akka argatu gochuu keessatti nama gumaacha olaanaa taasisaniifi taasisaa jiraniidha. Hayyuun kun dhimma ummata Oromootiif adda durummaan bu’aa tokko malee hojjechaa ykn qabsaa’aa turaniidha.

Nutis gaafdeebii Wiixata darbe keessummaa keenya wajjin taasifne akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineerra.

Bariisaa: Doktar wal haabarru, yoom, eessatti dhalattan?

Abbaa Bariisaa: Maqaan koo dhalootaa Mahaadii Hamiid  Muudee naan jedhan. Boodarra  maqaan ‘Abbaa Bariisaa’ jedhu naaf ba’e. Abbaa ‘Dikshinarii’ kan naan jedhanis jiru. Doktar Mahaadii ykn Abbaa Bariisaa jettanii nawaamuu dandeessu. Ani abbaa kiyya Obbo Hamiid Muudeefi haadha kiyya Aadde  Hamiidaa Ahmadirraan bara 1942  Oromiyaa Bahaa, Godina Harargee Lixaa, Magaalaa Ciroottin dhaladhe.

Bariisaa: Barumsa keessan sadarkaa tokkoffaa, lammaffaafi olaanaa eessatti barattan?

Abbaa Bariisaa: Mana barumsaa ammayyaa utuun hinjalqabin Mana Amantii Islaamaattan baradhe. Isa booda kutaa 3fa seeneen barumsa idilee ittifufe. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa Magaalaa Ciroo, mana barumsaa ‘Dajjaazmaach Waldagabiri’eel Abbaa Seexaan’ jedhamuttin baradhee xumure. 

Yeroo sana semistara tokkoffaatti tokkoffaa hanga sadaffaatti baanaan kutaa ittaanutti darbuutu ture. Kutaa ittaanuttis tokkoffaa hanga sadaffaatti baanaan kutaa tokko irra utaaluutu ture. Sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaatti ba’aa waanan tureef barumsa kiyya sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa waggaa ja’attin xumure. Barumsa kiyya sadarkaa olaanaa ammoo Yunivarsitii Finfinneettan waggaa sadiif baradhe.

Yunivarsitichatti barumsa Fiiziksii utuun barachaa jiruu waggaa sadaffaatti, shaakalaaf Naannoo Amaaraa, Godina Goojjam Bahaa, mana barumsaa sadarkaa lammaffaa ‘Nugus Taklahaymaanot’ kan Dabra Maariqoositti argamutti ramadameen barsiisaa ture.

Ati Islaama jedhanii mana natti kireessuu didnaanan ji’a sadii hoteela keessa taa’een barsiisaa ture. Ani sababa kanaan hojii dhiisee deemuuf  jennaan barsiisaa Fiiziksii tokko Baahir Daarii fidanii ana ammoo Baahir Daaritti na ergan.

Baahir Daaritti barattoonni hedduu waan turaniif dabaree lamaan baratu turan. Ani dabaree ganamaan barsiisaa ture. Waaree booda hojii waanan hinqabneef kitaaba adda addaa ijoollonni irraa baratan Afaan Oromootiin qopheessaan ture. Baahir Daaritti waggaa lamaafi walakkaa ergan barsiisee booda warraaqsi bara 1966 dhohe.

Yeroo sana barattoonniifi barsiisonni sadarkaa lammaffaafi yunvarsiitii duula Guddinni Gamtaadhaan ykn ‘Idiat Bahibrat’ haa deeman jedhame. Waajjirri muummee gamtichaa Finfinnee, naannawa ‘Ammisti Kiiloo’ ture. Anis waajjirichatti ramadame  hojjedheera.

Waajjirichatti kitaabotan Afaan Oromootiin qopheesse fuudheen namicha Irreessaa Kiroos Alamaayyoo jedhamutti agarsiise. Innis kitaabota ani Qubee Afaan Oromootiin qopheesse argee daran gammade. Garuu maaliif qubee Laatiiniitiin barreessite naan jedhe. Qubee Laatiinii fayyadamuun jechoota Afaan Oromoo dheeraafi gabaabaa, jabaafi laafaa sirriitti adda baasanii barreessuufi jechoota Afaan Oromoo hunda bareessuuf kan mijatu ta’uusaan hubachiise.

Irreessaa Kiroos yeroo sana Tigriffi afaan barnootaa akka ta’u barbaada ture. Haata’u malee afaanichi afaan barnootaa haa ta’u jedhee dubbachuuf rakkataa ture. Kanaafuu Afaan Oromoo afaan barnootaa akka ta’uuf abbootii taayitaa Dargii bira deemee erga eeyyamamee booda Tigriffis afaan barnootaa akka ta’u gaafachuu barbaadee ture. Ani waajjiricha keessatti wantoota Afaan Oromootiin barreeffaman hundaaf ittigaafatamaa muummeen ture. Yeroo sana kitaabota miliyoona sadiifi walakkaa Afaan Oromootiin barreessinee barattoonni akka irraa baratan taasisneerra. Kun bara 1967 hanga 68tti ture.

Bariisaa: Gaazexaa Bariisaa qopheessuu akkamitti jalqabdan?

Abbaa Bariisaa: Yeroo sana gaazexoonni afaanota adda addaatiin maxxanfaman hedduu turan keessaa kan Afaan Oromootiin maxxanfamu hinturre. Gaazexaan Afaan Oromootiin maxxanfamu maaliif hinjiru gaaffiin jedhu yeroo hunda sammuu keessa na dedeebi’aa ture. Kanarraa ka’uun Gaazexaa Afaan Oromootiin maxxanfamu jalqabuun barbaade.

Yeroo duraa gaazexaa Afaan Oromootiin jalqabuufi qopheessanii maxxansiisuun waan salphaa natti fakkaachaa ture. Yeroon gara hojiitti seenu garuu gaazexaa qopheessuun rakkoo guddaa kan qabu ta’uun hubadhe. Bara 1964 Ministira Beeksisaa kan ture Doktar Tasfaayee Gabra’igzii bira deemee Gaazexaa Afaan Oromootiin qopheessuun barbaadaa naaf eeyyamaa jedhee gaafadhe. Namichis aariidhaan “Hangam na tuffatteeti Afaan Oromootiinan Gaazexaa qopheessaa naaf eeyyami jettee biiroo kiyya kan dhufte, ba’i!” jedhee na ifate. Dhugaa Rabbii akkasuma jedhee na ifataa biiroosaa keessaa nabaase. Anis aaree gubadheen ba’ee deeme.

Bara 1966 ammoo namichi Ahaaduu Saaburee jedhamu Ministira Beeksisaa ta’ee muudame. Anis deebi’een Afaan Oromootiin Gaazexaa akkan qopheessuuf naaf eeyyami jedheen gaafadhe. Obbo Ahaaduun naa eyyamuu baatus akka Doktar Tasfaayee Gabra’igzii  na hinifanne, na hinarrabsines. Dhuma bara 1966fi jalqaba bara 1967tti Haylasillaaseen aangoorraa buufamee Dargiin aangoo qabate. Kun Fulbaana 2 bara 1967 ture.

Bara 1967 Kumaalaa Girmaay Yilmaa Ministira Beeksisaa ta’e. Anis deemeen Afaan Oromootiin gaazexaa akkan qopheessuuf naa eeyyamaa jedheen. Isa warri kaan na ifatanii na ari’an, Kumaalaa Girmaay taa’i jedhee ‘Maakiyaatoo’ na affeeree nahaasofsiise. “Ati waan hintaane lama nagaafatte. Inni tokkoffaan namni dhuunfaan gaazexaa qopheessuu hindanda’u. Inni lammaffaan Afaan Oromootiin gaazexaa qopheessuun hindanda’amu. Afaan biraatiin barruu qopheessuuf utuu nagaafattee garuu har’uman sii eeyyama. Ani gaazexaa dhuunfaa Afaan Oromootiin akka ati qopheessituuf sii hineeyyamu garuu abbootii taayitaa biroo gaafachuu ni dandeessa” naan jedhe.

Ani yeroo sana namoota biroo kanneen akka Luba Guddinaa Tumsaa, obboleessasaanii Baaroo Tumsaafi Obbo Leencoo Lataa wajjin walbareera. Nuti mari’annee nama Oromoo, abbaa taayitaa mootummaa Dargii, Koloneel Takkaa Tulluu jedhaman, kan dhimma Oromoo jaalatan tokko bira deemuuf murteessine. Ana, Baaroo Tumsaafi Leencoo Lataa waliin taanee Koloneel Takkaa dubbisne. Koloneel Takkaanis “Maal barbaacha dhuftan?” jedhanii nu gaafatan.

Nus “Gaazexaa Afaan Oromootiin qopheessuuf eeyyama gaafachuu dhufne” jenneen. Koloneelichis “Maaliif Ministeera Beeksisaa hingaafattan?” nuun jedhan. Nutis “Dhaqnee gaafanneerra, garuu nuuf eeyyamuu didan” jennee deebisneef. Tole isiniifan gaafadha nuun jedhan. Nutis tole yoo waan biraa dadhabdan guyyaa tokko qofaaf akka nuu eeyyamaniif nuu gaafadhaa jenneen.

Ayyaana waggaa tokkoffaa aangoo qabachuu mootummaa Dargii sababeeffachuun Fulbaana 2 bara 1968 guyyaa tokko qofa Afaan Oromootiin Gaazexaa Bariisaa  akka  qopheessinuuf  eeyyama nuu kennan. Nuti garuu duunus niduuna, jiraannus ni jiraanna jennee hiree (carraa) akkanaa lammata hinargannu jechuun kanaan booda Gaazexaan Bariisaa torban lama lamaan ba’a, yoo ba’uu baate mootummaafi dabballoota mootummaa gaafadhaa jechuudhaan Gaazexaa Bariisaa yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin qopheessinee baafne.

Bariisaa: Gaazexaa yeroo jalqabaatiif qopheessitan kana akkamitti raabsitan?

Abbaa Bariisaa: Gaazexaa Bariisaa yeroo jalqabaatiif habbaa (koppii) kuma 20 maxxansinee baafne keessaa kuma tokko ‘Kibur Zabanyaadhaaf’, kuma tokko kutaa waraanaa afraffaa Finfinnee naannawa Laga Harreetti argamuuf, kuma tokko poolisiif akkasumas habbaa kuma tokko Humna Qilleensaa Bishooftuutti argamuuf, habbaa kuma tokko Humna Galaana Mistuwwaafi qonnaan bultoota Oromootiif tola kennine. Kanneen hafan  ammoo gaazexaa tokko saantima 10n gurguraa turre.

Obbo Leencoo Lataafaan Addabaabaayii Masqalaatti Gaazexaa Bariisaa yeroo jalqabaatiif maxxanfamee bahe santima 10n gurguraa turan. Torban lammaffaatti barreeffamoota Gaazexaarratti baafnu qabannee Ministeera Beeksisaa gaafa dhaqnee gaafannu “Waanti akkana jedhamu hinjiru. Nuti yeroo tokko qofa akka qopheessitaniif isinii eeyyamne, isin garuu gaazexichi torban lama lamaan ba’a jettanii ummata dogoggorsuun mootummaarratti akka ka’u taasiftaniitu” jechuun naqabanii ‘Maa’ikelaawwiitti’ na hidhan.  Anis utuun baay’ee hinturinan mana hidhaatii ba’e.

Bariisaa: Gaazexaan Bariisaa utuu deebi’ee hinmaxxanfamin hangam ture? Akkamitti deebi’ee maxxanfamuu jalqabe?

Abbaa Bariisaa: Gaazexaa Bariisaa utuu deebinee hinmaxxanfamin ji’a shan turre. Utuu kanaan jiruu hireen ykn carraan tokko argame. Innis Koloneel Asraat Dastaa  Ministeera Beeksisaatti Ittigaafatamaa Hariiroo Ummataa ture. Wayita koloneelichi leenjiidhaaf biyya alaa deemetti namichi Irreessaa Fissahaa Gadaa jedhamu eeggataa ta’ee hojichaa ture.

Nuti nama kana bira deemnee Gaazexaa Bariisaa qopheessuuf akka inni nuu eeyyamu gaafanne. “Ani waan koloneel didee deeme isiniif eeyyamuu hindanda’u, yeroo deebi’u waanan mallateesse waan ilaaluuf anas, isinis hidhuu danda’a” nuun jedhe.  Garuu mala isiniif dha’uun danda’a jedhe. Innis nama anarra jabaa, Koloneel Asraat sodaatu bira deemee isiniif mallatteessisuun danda’a jedhee Mangistuu Hayilamaariyaam (pirezidaantii duraanii Itoophiyaa) bira deemee eeyyamsiise.

Gaazexaan Bariisaa mallattoofi eeyyama Kolonee Mangistuutiin deebi’ee torban torbaniin maxxanfamuu jalqabe. Koloneel Asraatti gara biyyaatti yemmuu deebi’u Gaazexaan Bariisaa eeyyama argachuusaa dhagahee “Maal ta’a biyya alaa yeroon deemuuf ka’e miillikoo utuu na citee” jedhe.

Ijaa nu ba’achuufis ifaajaa ture. Gaazexaa Bariisaa ummata Oromoo ijaaruufi tokkummaasaa cimsuuf, faayidaafi mirgasaa kabachiisuuf akkasumas afaan, aadaafi seenaa ummatichaa guddisuuf dhimma itti bahaa waan turreef mootummaa biratti jibbame.

Bara 1969 Agarsiisa Aadaa Oromoo Finfinnee, Galma ‘Biheraawwii Tiyaatiritti’ qopheessine. Kaayyoon agarsiisichaa inni guddaan galii Gaazexaa Bariisaatiif walitti qabuu ture. Agarsiisacharratti godinaalee Oromiyaa hundarraa namootni kudhan kudhan akka hirmaatan taasifne. Gaazexaan Bariisaa akkasitti ummata Oromoo gurmeesseefi ijaaree Finfinneetti agarsiisi aadaa akka qophaa’u taasisaa waan jiruuf sagantichi akka hafuuf abboomamne. Agarsiisni aadaa sun hafuu akka hindandeenye yeroo baran garuu waanti isin hojjettan hundi maqaa Ministeera Aadaatiin ta’uu qaba jedhan. Gaazexaan Bariisaas Guraandhala bara 1969 mootummaadhaan dhaalame. Mootummaadhaan dhaalamuun gaazexichaas raadiyoodhaan himame.

Bariisaa: Gaazexaan Bariisaa yeroo harka nama dhuunfaa tureefi eddii mootummaadhaan dhaalame garaagarummaa maalii qaba?

Abbaa Bariisaa: Gaazexichi yeroo harka nama dhuunfaa ture hojjetaan hundi mindaa malee tola hojjetaa ture. Lammeessaa Boruu abbaa maatii waan ta’eef ji’atti qarshii 100n, Immiruu Angoosee ammoo qarshii 70n hojjetaa turan. Ibraahiim Hajii Alii waggaa lama guutuu mindaa tokko malee hojjetaa ture. Anis mindaa tokko maleen hojjechaa ture. Waajjira Guddinni Gamtaadhaaniirraa garuu mindaa argachaan ture. Hojjetoonni warri kaanis dhimma Oromoorratti quuqama guddaa waan qabaniif mindaa tokko malee hojjechaa turan.

Yeroo gaazexichi harka nama dhuunfaa ture ummatni Oromoo hundi rippoortaroota ykn madda odeeffannoo keenya ture. Nus waan ummatni keenya dhaga’uu, baruu barbaaduufi bu’aa fiduufii danda’urratti xiyyeeffannee hojjechaa turre.

Erga gaazexichi mootummaadhaan dhaalamee booda garuu odeeffannoo gaazexicharratti ba’u harki caalu fedhii mootummaa ummatatti himuudha ture. Maddi odeeffannoo keenyaa ummata ta’uun hafee mootummaa ta’e. Waa’ee dhimma Oromoo mootummaatti beeksisuun hafee fedhii mootummaa ummattatti himuun jalqabame.

Mootummaan Gaazexaa  erga dhaalee booda waggaatti qarshii kuma 500fi konkolaataa tokko ramadeef. Akkasumas rippoortaroota kanneen akka Caalchisaa Ciibsaa, Waaqgaarii Gunjoo, Mahaammad Hasan, Bulloo Siibaa, Ibiraahiim Hajii, Kuwee Kumsaafaa miindeffamanii hojjechaa turan.

Kana malees soroorsitoonni (‘Piruuf riiderii’) nama lamaafi ‘firii laasariinis mindeeffamaniiru. Anis mindaa qarshii 800n gulaalaa gaazexichaa ta’ee hojjechaan ture. Yeroo mootummaan gaazexicha dhaale ana dabalatee Ibiraahiim Hajii Aliifi Immiruu Angoosee hojjettoota gaazexicha waliin dhaalamaniidha.

Bariisaa: Bariisaan erga mootummaadhaan dhaalamee hangam hojjettan?

Abbaa Bariisaa: Gaazexaan Bariisaa erga mootummaadhaan dhaalamee booda akkan barbaadetti bilisummaadhaan hojii gaazexaa hojjechuu akkan hindandeenyen hubadhe. Haalli siyaasaa yeroo sana tures rakkisaa waan tureef hojicha gadlakkisee adeemuuf murteeffadhe.

Yeroon hojii gadlakkisee deemu Gaazexaan Bariisaa akka hinduuneef hojjettoota gaazexichaa na jala turan keessaa nama bakka kiyya bu’u guddisuufi leenjisuun jalqabe.  Hojjettoota na jala turan torban torbaniin gegeeddaree akka gulaalaa olaanaa gaazexichaatti akka hojjetaniifi geggeessan taasisuun ji’a sadiif of jalatti ergan leenjisee boodan hojicha gadlakkisee deeme.

Bariisaa: Gaazexaan Bariisaa   ummata Oromootiif bu’aa maalii buuse?

Abbaa Bariisaa: Gaazexaan Bariisaa handhuura qabsoo Oromooti. Gaazexichi tokkummaa Oromoo cimsuu, afaan, aadaa, seenaafi eenyummaa Oromoo beeksisuufi guddisuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera. Waa’ee mirgaafi faayidaa Oromoo mirkaneessuurratti waan xiyyeeffatuuf gaazexaa ABOti jedhamee jibbamaa ture. Bariisaan siyaasa Oromoorraa adda hinba’u. Hojjettoonni gaazexichaas dhimma Oromoorratti quuqama cimaa waan qabaniif baay’eensaanii hidhamaniiru ajjeefamaniirus.  

Bariisaa: Akkamitti maqaa Abbaa Bariisaa jedhu argattan?

Abbaa Bariisaa: Hundeeffama gaazexichaarraa  kaasee hangan dhiisee ba’utti gulaalaa olaanaan gaazexichaa ana ture. Kanarraa ka’uudhaan maqaan Abbaa Bariisaafi Abbaa ‘Dikshinaarii’ jedhu biyya alaatti naaf ba’e.

Bariisaa: Eddii Gaazexaa Bariisaa dhiistanii deemtanii maal hojjechuu jalqabdan?

Abbaa Bariisaa: Ani yeroo sana Waajjira Guddinnni Gamtaa  keessan hojjechaa ture. Yeroo sanahaala siyaasa Itoophiyaa Bahaa tasgabbeessii kottu jedhanii Harargeetti na ergan. Raadiyoo Harar, Tajaajila Oduu Itoophiyaafi waraana leenjisii qindeessi jedhanii na ergan. Akkuman Harar deemeen ijoollee Oromoo sababa siyaasaatiin hidhaman akka gadlakkifaman taasiseen anis utuun hinturin gara Saa’ud Arabiyaa deeme. Ani yeroo sana miseensa ABO waanan tureef Saa’ud Arabiyaatti hawaasa Oromoo walitti qabee qarshiifi wantoota adda addaatiin ABO akka deggaran taasisaan ture.

Oromoon biyya itti dhalatetti garbummaan jiraachuu hinqabu jennee qabsaa’aa turre. Mootummoota biyya alaa waliin hariiroo uumnee waa’ee dhimma Oromoo akka beekan taasisaan ture. ABOn maaliif akka hundaa’eefi  maaliif akka qabsaa’us hubachiisuudhaan deggersa akka taasisan gochaan ture. Saa’ud Arabiyaa waggaa afuriifi walakkaaf tureen Amerkaatti qajeele.

Bariisaa: Dhiibbaan akka dhuunfaatti yeroo Gaazexaa Bariisaarra hojjetan isinirra gahe jiraa?

Abbaa Bariisaa: Dhiibbaan adda addaa narra gahaa tureera. Ani garuu dhugaa dubbachuufi hojjechuuf duubatti deebi’ee hinbeeku. Nahidhu, na ajjeesu, hojiirraa na ari’u jedhees sodaadhee hinbeeku. Garuu dubbiin cimee yeroon mana kiyya buluu itti dadhabe tureera. Mana kiyya dhiiseen mana firaa, hiriyaafi mana siree bulaa tureera.

Ergan biyyaa ba’ees haadha kiyya halkan sa’aatii 6:00tti qabanii buufata poolisiitti geessanii ‘bakka ilmi kee jiru nutti himi’ jedhanii rukutaafi doorsisaa turan. Miidhaan sababa kootiin haadha kiyyarra gahe daran hamaadha. Isheen ergan manaa bahee waanan hojjedhuufi bakka ani jiru hinbeektu turte. Namootni na waliin hojjechaa turanis daran miidhamaniiru.

Bariisaa: Gaazexaa Bariisaa waggaa 42 booda Amerkaadhaa deebitanii yeroo argitan maaltu isinitti dhagahame?

Abbaa Bariisaa: Gammachuufi gaddatu natti dhagahame. Gaazexaan kun utuu hindu’in ykn hinbadin waggaa 42 booda deebi’ee arguu kootti gammachuu guddaatu natti dhagahame. Akka gaazexaan kun hinduuneef waantan hojjedhee deeme isinitti himeen ture.

Gaazexaan kun erga hundaa’ee waggaa 44  keessatti ammayyuu torbanitti guyyaa tokko qofa maxxanfamuun daran nagaddisiisa. Habbaan gaazexichaa yeroo jalqabaa kuma 20 ture gara kuma 10tti gad bu’uunis daran na gaddisiiseera. Ummata Oromoo miliyoona 50 ta’uuf gaazeexaa habbaa kuma 10 maxxansiisanii raabsuun maal jechuudha? Kun waan sirriitti itti yaaduufi irratti hojjetamuu qabuudha.

Bariisaa: Gaazexaan Bariisaa gara fuulduraatti sadarkaa akkamiirra gahee arguu hawwitu?

Abbaa Bariisaa: Habbaan gaazexichaa miliyoona tokkoo ol ta’ee argamuu, guyyaa guyyaatti akkanni maxxanfamee bahu, hordoftoonni ‘Feesbuukii’ gaazexichaa miliyoona tokko ol ta’anii argamuu, raabsi gaazexichaa bakkawwan hundatti hanga biyya alaatti qaqqabamaa akka ta’un hawwa. Gaazexichi manneen barnootaa Oromiyaa keessa jiran hunda bira akka ga’un hawwa. Manneen kitaabaa ummataa keessattis argamee namootni carraa argatanii akka dubbisan taasisuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Qabiyyeen gaazexichaa maalirratti yoo xiyyeeffateedha ummata Oromoo biratti daran jaalatamuu kan danda’u?

Abbaa Bariisaa: Gaazexichi ummata Oromoo biratti jaalatamuufi  jaalatamuu dhabuusaa kan murteessu qabiyyee gaazexichaati. Isin daangaa keessatti hojjechuu qabdanii ala ba’uu hindandeessan. Sobarratti hirkatanii mootummaa faarsuudhaan jaalatama argachuurra dhugaarratti hirkatanii jaalatamummaa argachuun barbaachisaadha.

Gaazexichi waan sirrii, dhugaafi haqa ta’e qoratee baasee ummataaf kan dhiyeessu yoo ta’e, ummata biratti ni jaalatama. Dhugaafi haqa jiru dubbachuun mootummaa birattillee nama hingaafachiisu. Qabiyyeen gaazexichaa rakkoo ummataa ifatti baasuu, haqaafi dhugaarratti kan xiyyeeffatu yoo ta’e ummata biratti jaalatamummaa guddaa argachuu danda’a.

Qabiyyeen gaazexichaa dhimmoota afaan, aadaafi seenaa ummata Oromoo guddisaniifi dagaagsan akkasumas faayidaa ummatichaa eegsisan, mirga isaa kabajchiisaniifi rakkoo ummataa ifatti baasuun furmaata akka argatu taasisuu irratti xiyyeeffachuun dhugaafi haqaan ragaa qabatamaa irratti hundaa’uun hojjechuu qaba. Qabiyyeen gaazexichaa dhimmoota kunneen irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’e ummata Oromoo biratti jaallatamummaa guddaa argachuu kan danda’u.

Bariisaa: Ameerikaa yeroo jirtan waa’ee dhimma Oromoo akkamitti hordofaafi irratti hojjechaa turtan?

Abbaa Bariisaa: Namni waan lama hojjeta; tokko waan mindaa itti argatee ofiifi maatiisaa ittiin jiraachisuudha. Inni lammaffaa ammoo waan sammuun isaa itti amaneedha. Waa’ee dhimma Oromoorratti hojjechuun waan sammuun koo itti amane waan ta’eef duraanis mindaa maleen hojjechaa ture; gara fuulduraattis akkanuma. Waanan hojjedhee doolaara kuma meeqa itti argadhurra dhimma Oromoofan dursa kennee hojjechaa jira.

Ameerkaatti kitaabota 10 barreessee maxxansiiseera. Hiika jechootaa (Dikshinarii) Hamiid Muudee jedhamuun beekamu tokkos qopheessee maxxansiiseera. Afaan Oromoo Afaan teknolojii gochuufis waggaa 21 dura ‘soofti weerii’fi maanuwaalii soofti weericha waliin deemu qopheesseera.    

Bariisaa: Jijjiirama yeroo ammaa biyyattiitti mul’achaa jiru akkamitti ilaaltu?

Abbaa Bariisaa: Dhugaa dubbachuuf taanaan jijjjiiramni biyyattiitti mul’achaa jiru daran nagammachiiseera. Biyyattiin gaaga’ama guddaafi badiirraa baraaramtee jijjiiramni kun mul’achuun waan nama gammachiisuudha. Mirgi dhala namaas kabajamuusaatti gammachuu guddaan qaba.

Ammayyuu garuu yaaddoo guddaas nan qaba. Lammiilee of wareeganii jijjiiramni kun akka dhufu taasisaniif galata guddaan qaba. Anis biyya kanatti deebi’ee dhufuu kanan danda’e jijjiirama argame kanaani. Jijjiiramni kun gara fuulduraatti akka tarkaanfatus nan barbaada.

Bariisaa: Miidiyaalee yeroo ammaa biyyattii keessa jiran akkamitti ilaaltu?

Abbaa Bariisaa: Miidiyaaleen biyyattii keessumaa miidiyaaleen dhuunfaa tokko tokko siyaasa jibiinsaarratti hirkatanii waan biyyattii ijaaru utuu hintaane biyya balleessuufi diigu hojjechaa jiru. Kun waan hedduu na yaaddessuudha. Miidiyaaleen mootummaas ta’e dhuunfaa waan haqaafi dhugaa ta’erratti hundaa’anii loogii tokko malee hojjechuu qabu. Odeeffannoonsaaniis ragaa qabatamaafi dhugaarratti kan hundaa’e ta’uu qaba. Soba irra deddeebi’anii dubbachuudhaan sammuu namaa hadoochuun dhaabachuu qaba. Miidiyaan dhugaaf hojjetu miidiyaa soba afarsu dura dhaabbatee dhugaafi haqa jiru baasuu qaba.

Waldaan gaazexeessitootaa miidiyaalee hunda to’atuufi hordofu tokkos utuu hundaa’ee gaariidha. Waldaan kun miidiyaa soba afarsu kan saaxilu, kan to’atuufi hordofu ta’uu qaba. Mootummaa utuu hintaane waldaan miidiyaalee to’atee sirreessu utuu jiraatee gaariidha. Waldaan kun akka hundaa’uufis mootummaan deggersa taasisuu qaba.

Miidiyaaleen dubbiin tokko dhugaafi soba ta’uu utuu hinmirkaneeffatin kan tamsaasan yoo ta’e ummatni akka walfixuufi biyyi akka diigamtu waan taasisuuf of eeggannoon hojjechuutu irraa eegama. Miidiyaaleen soba miidiyaa tokkoo dhugaa jirurratti hundaa’uun saaxilanis babal’achuu qabu. Oduu sobaatiin saba tokko saba biraa waliin walitti buusuun dhaabbachuu qaba.

Bariisaa: Gara fuulduraatti Gaazexaa Bariisaa akkamitti deggeruu barbaadu?

Abbaa Bariisaa: Ani hanga dhimmi Oromoo furmaata argatutti hirriba hinqabu. Sabboonummaan Oromoo har’allee na keessa jira. Waan maanguddoon tokko hojjechuu danda’uun Gaazexaa Bariisaafis ta’e ummata Oromootiif hojjechuurraa duubatti hindeebi’u. Gaazexichi hanga biyya alaatti akka beekamuufis nan hojjedha. Biyyattiis beekumsaafi waanan qabuun gargaaruu nan barbaada.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

One Comment to ““Gaazexaan Bariisaa handhuura qabsoo Oromooti” -Abbaa Bariisaa”

  1. Pingback: fifa55

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *