Gaaffilee ofiin of bulchuu ka’aa jiran deebisuuf bu’aan qorannoo dhihaate

-Qorannichi Godina Sidaamaafi Hawaasaa hin hammanne

Finfinnee:  Naannolee guguddoo biyyattii afran keessaa tokko kan ta’e Naannoon Ummattoota Kibbaa, sabootaafi sablammootaa 56 ta’an of keessatti  hammatee argama.

Yeroo mootummaa ce’umsaatti naannolee shanitti qodamee kan ture naannoon kun, boodarratti garuu gara naannoo tokkootti akka deebi’u taasifameera. Gara naannoo tokkootti dhufuu naannichaa kana mormaa kan turan sabootni gurguddoon naannichaa, yeroo dheeraaf mirgi naannoo ofii uummachuu akka isaaniif kabajamu gaafachaa turaniiru.

Godinoota naannichaa 21 ta’an keessaas yeroo ammaa godinootni 10 gaaffii naannoo ta’anii gurmaa’uu kan dhiheessan yemmuu ta’u, kana keessaa immoo hanga ammaatti murtii kan argate kan saba Sidaamaa qofaadha.

Gaaffilee naannoo ta’anii gurmaa’uu bal’inaan naannichatti dhihaataa jiran kana qorannoo saayinsaawaa ta’erratti hundaa’amee deebii akka argataniif haaluma murtaa’ee tureen qorannoon ji’oottan torbaaf gaggeeffamaa ture torbee Roobii darbe iftoomeera.

Bu’aan qorannichaa yaadota murtii sadii kan qabu yemmuu ta’u isaanis, naannichi akkuma jiruun itti fufuu, naannolee lamaafi sanaa oliin hundeessuu, yeroo hinmurtoofneef gaaffii naannoo ta’uu ugguruudha.

Bakka gaaffileen ka’aa turan  mannen mareetti fudhatama argatanii ragga’anitti qorannoon kun adeemsifamuun bu’aa kan hinqabne ta’uusaafi, qorannichi dursee osoo murteen siyaasaa hindarbin dhihaachuun kan isarra ture ta’uu  hayyoonni dhalattoota naannichaa qeeqaniiru.

Erga dhimmichi paartii naannicha bulchuun murtii argateen booda qorannoo kana dhiheessuun gaaffii kan isaanitti uume ta’uu kan himan Pirofesar Birhaanuu Naggaa, murtii siyaasaa kanaan erga wanti hedduu karaarraa maqee booda yaada murtii dhiheessuun qorannoo kana booda taasifamuuf akka maddaatti tajaajiluun ala bu’aa tokkos kan hinqabne ta’uu ibsu.

Biyya kanatti murtii siyaasaa dabarsuuf qorannoo saayinsaawaa gaggeessuu keessatti inni kun kan jalqabaa ta’uu kan himan immoo Pirezidaantiin Yunvarsiitii Arbaa Mincii  Daamxawu Darzaa(PhD), paartiin naannicha bulchu garuu qorannoon kun akka taasifamuuf akkuma ajajeen murtii siyaasaa dabarsuun duratti bu’aa qorannichaa eeguun kan isarra ture ta’uu dubbatu.

Argannoon qorannichaa  namoota kuma 17 ta’an  dubbisuun ykn gaafachuun kan dhihaate yoo ta’u, naannichatti lakkoofsa ummataatiinis ta’e bal’ina lafaatiin ummatni Sidaamaa dursaa ta’uusaa ibsameera. Qorannichi wayita adeemsifametti garuu Godina Sidaamaafi magaalaa Hawaasaa kan hinhammanne waan ta’eef gaaffii uumaa jira.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

4 Comments to “Gaaffilee ofiin of bulchuu ka’aa jiran deebisuuf bu’aan qorannoo dhihaate”

  1. Pingback: ลีโอ 999

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *