“Barnootni Afaan Oromoo kan eegalame, Amaariffa dura” -Hayyoota

Jimma: Biyya sabaafi sablammoota hedduu taate keessatti olaantummaan afaan tokkoo qofti akka uumamu ta’e jedhamee sirnoota darbaniin hojjatamaa turuusaatiin godaannisni seenaa uumameera.

Sirni bulchiinsaa sabootaafi ummattoota hundaa fedhaanis ta’ee humnaan bulchaa ture sun aadaafi afaan saba biroorratti fe’uu bira darbee seenaa dogoggoraa barreessuudhaan dhalootas dogongorsaa jiraachuutu himama.

Afaanota sirnoonni darban cunqursaa turan keessaa tokko kan ta’e Afaan Oromoo, akka waan waggoota 27 darbanitti eegalameefi sanaan dura hojirra oolee hinbeekneetti ololli oofamu dhugaarraa kan fagaate ta’uu hayyoonni ni dubbatu.

Afaan Oromoo yeroon booda sirnoota turaniin akka itti dhimma hinbahamin seeraan dhoowwame malee jalqaba dhimma itti bahamuudhaan Amaariffa kan dursu ta’uu,  hayyuun seenaa Pirofeesar Makuriyaa Bulchaa ni dubbatu.

Bara daldala garbaarraa eegalee Oromootni hedduun biyya itti gurguramanitti kitaabota argatan gara Afaan Oromootti hiikaa dhimma itti bahaa turuusaanii kan eeran Pirofeesar Makuriyaan, keessattuu Onisimos Nasiibiifi Aster Gannoo erga gurgurtaa garbaa irraa biyyatti deebi’anii booda bara 1904 irraa kaasee mana barnoota Afaan Oromoo ijaaruu kan eegalan ta’uu ibsu.

Akka ibsa Pirofeesarichaatti; manni barumsaa yeroo jalqabaatiin Amaariffaan barsiisuu manni barumsa Minilik  kan baname bara 1907 yemmuu ta’u, Afaan Oromootiin Wallaggatti barnoota kan eegale immoo kan Amaariffaa waggaa lama dura bara 1905tti ta’uu himu.

Akkasumas manni barumsaa dubartoota (‘female bording school’) Amaariffaa kan eegalame Finfinneetti manni barumsa Iteegee Manan bara 1931tti yemmuu ta’u, kan Afaan Oromoo garuu Naqamtetti bara 1909fi Dambi Doollotti immoo bara 1924 ta’uu ni dubbatu.

Boodarratti  garuu mootii Hayilasilaaseen afaanichi hojiirra akka hinoolleefi akka dhimmi itti hinbahamne seeraan dhoowwan.

Seenaan biyya tanaa irra jireessi  eenyummaafi Afaan Oromoon dhoksuurratti kan xiyyeeffate ta’uu kan himan immoo Doktar Gammachuu Magarsaa, seenaa sobaa kana sirreessuun ga’ee hayyoota Oromoo hundaa ta’uu ibsu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

6 Comments to ““Barnootni Afaan Oromoo kan eegalame, Amaariffa dura” -Hayyoota”

  1. Pingback: BIPOC
  2. Pingback: cardetaling
  3. Pingback: fuckboy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *