Adooleessa 22: Waamicha Abbichuu ooluun booreedha

  • Guyyicha Oromiyaa qofatti biqiltuu mil. 300 dhaabuuf qophiin xumurameera

Finfinnee: Iftaan, Adoolessa 22 akka guutuu biyyaatti biqiltuu miliyoona 200 dhaabuuf karoorri kan qabame yoo ta’u, Oromiyaa qofatti miliyoona 300 dhaabuuf qophiin hundi xumuramuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa ibse.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa, Obbo Indaalkaachoo Tafarii waltajjii dhimmicha ilaalchisuun Roobii darbe qophaa’erratti akka jedhanitti, Oromiyaatti biqiltuu jedhamee ol dhaabuuf qophiin barbaachisu kan xumurame yoo ta’u, aanaalee baadiyyaa  290 godinoota  20tti  argamaniifi magaalota filataman  32tti guyyicha barii sa’aa 12:00 irraa eegalee hanga galgala sa’aatii 12:00tti biqiltuuwwan jedhaman ni dhaabamu.

Kanaafis koreewwan hundeessuurraa kaasee, hanga boolla itti dhaabamu qotuufi biqiltuu qopheessuutti hojiin jiru kan raawwatame ta’uu eeranii, bakkeewwan itti dhaabamanis adda baafamuusanii ibsu.

Sadarkaa Oromiyaatti hojjettoonni mootummaa kuma sadiifi 280 sektaroota 54 irraa baba’an bakkeewwan sadii Sabbata, Holotaafi Yararitti boolla biqiltuu kuma 80 qophaa’erratti akka dhaaban eeranii, sadarkaa federaalaatti ammoo hojjettoonni kuma 31fi 153 bakkeewwan adda baafaman shanirra biqiltuwwan kuma 317fi 950 ni dhaabu jedhamee akka eegamu addeessu. 


Guyyicha Oromiyaa guutuutti lammiileen miliyoona 6.5 ashaaraa magariisasaanii ni kaa’u jedhamee akka eegamu kaasanii, duula kanaan duula guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 66 dhaabuun rikardii kan qabatte Hindirraa dursa fudhachuun seenaa haaraa galmeessisuuf kan hojjetamu ta’uus ni himu. Kanaafis bakkeewwan dhaabbii biqiltuu kaartaa googilii (‘Google map’) keessa galfamuusaaniifi waantonni hundi kallattiidhaan weebsaayitii ‘National Green Development- planting trees for friendly https:/ ngd.essti.gov.et’ irratti akka darbu eeruun, namoonni biqiltuu dhaabanis kana hubachuun qulqullummaadhaan akka hojjetan waamicha dhiheessu.

Ministeera Qonnaatti Ministir De’eetaan Qabeenya Uumamaafi Wabii Midhaan Nyaataa Doktar Kabaa Urgeessaa gamasaaniin, guyyicha lammiileen sochii rikardii haaraa galmeessuu biyyattiin qabdu tumsuufis meeshaalee dhaabbiif oolan kanneen akka gasoofi akkaafaa akkasumas, nyaatawwan kanneen akka akaayiifi biskuutii qabatanii deemuun qooda lammummaasaanii akka bahatan gaafataniiru. Seektaroonnis geejiba dhiheessuu, biqiltuuwwan bakka dhaabbii geessuu, hojjettootaaf bunaafi shaayii dhiheessuufi kkfn hojicha akka si’eessan gaafataniiru.

Sadarkaa Fedraalaatti miseensi koree teknikii dhaabbii biqiltuu Obbo Geetaachoo Gizaawu, ashaaraan lammiilee dhalootatti akka darbuuf bakkeewwan dhaabametti taappeellaan akka maxxanfamuufi odeeffannoon addaddummaa sa’aatii sadii sadiin guutuu biyyaarraa sassaabamee weebsaayiticharratti waan maxxanfamuuf hunduu waamicha dhihaateef kabajee hojjechuu qaba jedhaniiru.

Bakkeewwan filatamaniitti miidiyaaleen biyya keessaafi alaa kallattiidhaan saganticha kan tamsaasan waan ta’eef duudhaa gaarii biyyattiin qabdu agarsiisuufis hojjetamuu qaba jedhu.

Rakkooleen fayyaafi nageenyaa akka hinmudanneef ogeessonni fayyaafi ambulaansiin akkasumas, komaandi poostiin qophaa’uu eeranii, tajaajilli bilbilaa, intarneetii, ibsaafi bishaan akka addaan hincinneefis seektaroota dhimmichi ilaallatu wajjin mari’atamee qophiin taasifamuu addeessu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

3 Comments to “Adooleessa 22: Waamicha Abbichuu ooluun booreedha”

  1. Pingback: sex trẻ em

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *