“WDO cimsuun dubartoota Oromoo gama hundaan cimsuudha” -Aadde Ababaa Bayyanaa

Adaamaa: Waldaan Dubartoota Oromiyaa (WDO) jaarmiyaa siyaassarraa bilisa ta’eefi dubartoota Oromoo hawaas-dinagdeedhaan fayyadamoo taasisuuf  bara 1993 dhaabateedha. Waggoota 18n darbanis rakkoo miseensotasaa gama hundaan hiikuuf sochii garagaraa taasisaa kan ture yoo ta’u, miseensota miliyoona 2.5 horateera.

Amma immoo magaalaa guddittii Oromiyaa, Finfinneetti gamoo abbaa darbii sagalii qarshii miliyoona 500 ijaaruun miseensoota dinagdeedhaan utuubuuf dizaayiniin isaa xumurameera. Kanaafis teletoonii qopheessaa kan jiru yoo ta’u, Kibxata darbes haala sassaabbii galii ijaarsa gamichaarratti miseensota Caffee waliin marii’ateera.

Dura teessuun waldichaa Aadde Ababaa Bayyanaa karoora ka’umsaasaa dhiheessaniiru. Akkasaan jedhanitti, waldichi yeroo ammaa riifoormii qopheessee qaama kamirraayyuu bilisa ta’ee socho’uudhaaf qophii xumureera. Of danda’ee rakkoon gama dinagdeetiin isa danqee jiru keessaa ba’uuf madda galii miseensotasaarraa walitti qabataa jiru cinaatti maddoota galii ofisaa horachuufis carraaqaa jira.

Carraaqqii taasisaa jiru keessaa gamoo jedhame ijaaruun tajaajilawwan addaddaatiif oolchuun isa tokko ta’uu eeranii, ijaarsa gamoo kanaatiif dizaayiniin qophaa’e  xumuramee waan jiruuf ummanni Oromoo hundi tumsa akka taasisu gaafataniiru. Kanaafis koreen dhaabatee sochiin eegalamuusaa eeraniiru.

Waldaa kana cimsuun dubartoota Oromoo gama hundaan cimsuu waan ta’eef hayyoonni, beektonniifi hawaasni Oromoo marti cinaasaanii akka dhaabbatu kan gaafatan durateessuun tun, waldichi waldaa geggeessitoonni dubartootaa dandeettiifi beekumsa qaban horachaa tureefi ammas jiru ta’uu ibsaniiru.

Miseensonni caffee tokko tokkos yaada kennaniin, waldaa kana deggaruun dubartoota deggaruu waan ta’eef cinaa akka hiriiraniif ummata bakka bu’anii dhufan kakaasuunis fixaan ba’umsasaatiif kan hojjetan ta’uu waadaa seenaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

2 Comments to ““WDO cimsuun dubartoota Oromoo gama hundaan cimsuudha” -Aadde Ababaa Bayyanaa”

  1. Pingback: sell drugs

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *