“Oromiyaatti kennamaa kan jiru tajaajila lammummaa malee lammummaa miti” -Obbo Iisaa Boruu

Finfinnee: Caffeen Oromiyaa walga’iisaa torban kana taa’een labsii Kenna Tajaajila Lammummaa Naannoo Oromiyaa murteessuuf ba’e sagalee guutuudhaan mirkaneesseera.

Kenni tajaajila lammummaa kaayyoowwan, dhaloonni akkaataa duudhaan sirna Gadaa barsiisuun naannoo isaaf ga’ee lammummaa isaa akka ba’u taasisuun dhaloota dandeettii, ga’umsaafi jaalala biyyaa cimaa qabu ijaaruu akkasumas, Beekumsa, dandeettiifi qabeenya hawaasaa qindeessuudhaan Oromiyaa badhaatuu ijaaruun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu jedhu qaba.

Kanneen malees, dhaloonni aadaafi duudhaalee hawaasa keessa jiru akka hubatu, jaalalaafi quuqama biyyaafi naannoo isaa akka qabaatu, aadaa waliin hojjechuu akka gabbifatu taasisuufi.

Kenna tajaajila lammummaa jajjabeessuun miirri lammiif tumsuu akka uumamu gochuu, dhaloota ittigaafatamummaan itti dhagahamu, dirqama lammummaa ba’atuufi fakkeenya gaarii ta’uu danda’u uumuu darbees, iddoo uwwisni tajaajila mootummaa dhaqqabamaa hintaanetti qaawwa jiru guutuu kaayyeffatee kan ba’eedha.

Akka labsicharraa hubachuun danda’ametti namni kenna tajaajilaa kanarratti hirmaate faayidaawwan argatu ni qaba. Kunneenis, carraa hojii uumamu, dorgommiiwwan adda addaafi tajaajiloota biroo mootummaan kennaman keessatti deggarsa dabalataa argachuu, tajaajila liqiifi deeggarsawwan adda addaa mootummaan kennamu keessatti deeggarsa dabalataa argachuu,  akkaataa ulaagaafi hojmaata diriirutiin tajaajila lammummaa kenneef beekamtiifi waraqaa ragaa argachuu ni danda’a. Akkasumas, tajaajila lammummaa kennaa osoo jiruu miidhaan yoo irra gahe dhaabbata fayyaa mootummaa keessatti tajaajila yaalaa bilisaa argachuufi
sirna diriirurratti hundaa’uun onnachiiftuuwwaniifi badhaasa addaa addaa argachuudha.

Barbaachisummaafi qabiyyeen labsiichaa kan ta’us yaadonni “Oromiyaan lammummaa kennuu eegale” jedhan miidiyaalee hawaasaarratti adeemaa jiru. Kana ilaalchisuun Waajjira Caffee Oromiyaatti, Durataa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Obbo Iisaa Boruu Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, yaadonni ka’aa jiran waa’ee labsichaa hubachuu dhabuufi heera mootummaa beekuu dhabuurraa kan maddanidha. Aangoo lammummaa kennuu kan qabu mootummaa fedeeraalaati malee kan naannoo miti; kanaafuu Oromiyaanis aangoo akkasii hinqabu.

Kenna tajaajilaa jechuun hojii tola ooltummaa kennuu jechuu ta’uufi dhaloota waliif tumsuufi walgargaaru uumuuf yaadamee kan qophaa’ee malee hiika biraa akka hinqabne hubatamuu qaba jedhu.

Namni tajaajila lammummaarratti hirmaates faayidaawwan eeraman qabaachuu kaasanii, namoonni biyya alaadhaa dhufan yookiin naannoo biraarraa dhufanis irraatti hirmaachuu akka danda’an akkasumas, faayidaawwan jedhaman argachuu akka danda’anis ni kaasu.

Dhimmi kunis caalaatti akka hubatamuuf kaleessaafi dheengadda guutuu Oromiyaatti mariiniifi kenni tajaajilaa adeemsifamaa jiraachuu kan eeran Obbo Iisaan, marii hubannoon kanaan booda ilaalchi akkanaa akka hafuufi hubannaan walfakkaataa ni jiraata abdii jedhu akka qabanis ni ibsu.

Xumura marii kanaa irrattii Manni Maree Tajaajila Lammuummaa qaama kenna tajaajila lammummaa olaantummaan qindeessu ta’ee, sadarkaa naannoo, godinaa, aanaa yookiin magaalaafi gandaatti kan hundeeffamu ta’a. Mariin akka xumurameenis sochiin kenniinsa tajaajila lammumaa guutuu Oromiyaatti finiinee kan itti fufu ta’u sagantaan jiru ni mul’isa.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

One Comment to ““Oromiyaatti kennamaa kan jiru tajaajila lammummaa malee lammummaa miti” -Obbo Iisaa Boruu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *