“Mootummaan walabummaa dhaabbilee misoomaa mirkaneessuu qaba” -Obbo Girmaa Waaqee

Gaazexaan Bariisaa akkuma kanaan dura keessummoota adda addaa wajjin gaafdeebii taasisee fuula kanarratti dhiyeessaa ture. Maxxansa kanaanis nama jireenyasaanii guutuu industirii daandii qilleensaa keessatti dabarsan, Daandii Qilleensa Itoophiyaa sadarkaa olaanaatti guddisan, hojjettootasaanii birattti maqaa gaarii qabaniifi badhaafaman, Obbo Girmaa Waaqee raawwachiisaa hojii duraanii dhaabbatichaa qabannee dhiyaanneerraa. Dubbisa gaarii!

Bariisaa: Eessatti, yoom, eenyurraa dhalattan, mee achirraa haa eegalluu?

Obbo Girmaa: Dhaladhee kaniin guddadhe Finfinnee, Eekkaa, naannawa Anqorcaa jedhamuttin abbaa koo Obbo Waaqee Bashaafi haadha koo Dimbushee Gorantoorraan bara 1935tti dhaladhe. Qubee kaniin lakkaa’e bataskaanatti. Maatiin koo qonnaan bulaadha. 

Bariisaa: Obbo Girmaan abbaa ijoollee meeqaati? Jireenya hawaasummaarratti hoo akkami?

Obbo Girmaa: Ani abbaa ijoollee shaniiti. Tokko dhiira. Ijoolleen saddeetiif akaakayyuu ta’eera. Aniifi haati warraa koo eddii gaa’elaan walitti dhufnee waggoota 50 lakkoofsisneerra. Hundumtuu sadarkaa barnootaatiinis ta’e hojiidhaan sadarkaa olaanaarra qaqqabaniiru. Lamaansaanii ala jiru. Ani ijoollee kootiif hiriyaadha. Walitti dhiyeenyi keenya akka hiriiyaati jechuudha. Aniifi haati warraa koo ijoolleefi ilmaan ijoollee keenyaa ilaalaa jiraanna. Jireenyi hawaasummaa koos gaariidha.

Bariisaa: Barumsa idilee eessatti barattan, attamiinis Daandii Qilleensa Itoophiyaa seentan?

Obbo Girmaa: Barumsa koo sadarkaa 1fa kutaa 1fa hanga 8fa Finfinnee Mana Barumsaa Dajjaazmaach Wandiraadittin hordofe. Sadarkaa 2fa ammoo Mana Barumsaa Qadaamaawwii Hayilasillaaseefi Kotobeettin baradhe. (Manni Barumsaa Kotobee kan ammaan tana Yunivarsitii Metiropolitaanii Kotobe ta’e).

Sana booda Yunivarsitii Finfinneen seene. Yunivarstichatti otoon akaakuu barnoota Herregaa barataa jiruu hiriyoota koo miiltessee Daandii Qilleensa Itoophiyaa dhaqe. Akkuma tasaa hiriyoonni koo ‘galmaa’anii qormaata fudhadhu naan’ jedhan. Anis tole jedhee qormaata balaliisummaa xayyaaraatiif kennamu fudhadhee darbe.  ALA bara 1965 Daandii Qilleensa Itoophiyaa seenee paayileetummaan leenji’e. Oggaa Dargiin kufee ADWUIn aangoo qabatu waanti natti hintolle waan jiruuf paayleetummaa fedhiidhuma kootiin dhiisee bahe.

Bariisaa: Maalinni laata waanti isinitti toluu dide sun? Sana booda hoo eessatti hojii ittifuftan?

Obbo Girmaa: Dhimmisaa dhimma dhuunfaa otoo hintaane waa’ee imaammataa natti fakkaata. Koreen Obbo Siyyee Abrahaa (Ministira Ittisa Biyyaa duraanii) hogganan tokko hundaa’ee daandii qilleensaa akka qo’atu, hojmaannisaa haa jijjiiramu jedhamee ture.

Qo’annicharratti ani bulchiinsa daandii qilleensaa bakka bu’ee miiltoowwan koo biroo wajjin dhaqaan ture. Walga’icharratti waantonni dhaabbatichaaf hinmijanne tokko tokko ka’aa waan turaniif, “Hinta’u” jedhee waanin mormaa  tureef “Callisii hojii kee hojjedhu. Ta’uu baannaan…” oggaan naan jedhanin iddoo biraa walgeessuurra jedhee dhaabbatan waggoota 27 tajaajile gadilakkise.

Kanaanis ji’oota shaniif hojii malee mana taa’e. Sana booda Galfi Eyiritti (Gulf Air) mindeeffamee deeme. Otuman Galfi Eyir keessa hojjetaa jiruu “DHL” ergisaadhaan waggoota lamaaf na fudhate. Hangan Daandii Qilleensa Itoophiyaatti waamamee deebi’utti achuma keessa hojjedhe. Galfi Eyiretti hojii geggeessaa kaargoo ta’een hojjetaa ture.  Achii ALA baatii Guraandhalaa 1 bara 2004 keessa waamamee gara Daandii Qilleensa Itoophiyaatti deebi’e.

Bariisaa: Waggoota 27n sadarkaalee hojii akkamiirra hojjettan?

Obbo Girmaa: Waggoota 27 hojiilee adda addaarrattin dabarse. Jimma hojjedheera. Kutaa daldalaa daandii qilleensaatti waggoota afuriifi walakkaaf barsiisaa ta’ees tajaajileera. Daandii Qilleensa Itoophiyaatti kutaa karooraa natu jalqabsiise. Achi keessas waggoota shaniif tajaajileera. Gaafa Dargii keessa ammoo adeemsisaa hojii ta’ee hojjedheera.

Bariisaa: Biyyoota alaatti hoo eessa eessa hojjettan?

Obbo Girmaa: Gaanaa, Taanzaaniyaa, Jarmanitti jijjiiramee hojjedheera. Finfinneetti ittigaafatamaa buufataalee Itoophiyaa keessa jiranii ta’ees tajaajileera. Oggaa daandiin qilleensaa xiyyaara kaargoo bituu barbaadus fedhiidhuma kootiin daarektara kaargoo ta’ee hojjedheera. Jidduu kanatti egaa oggaa ADWUINn aangoo fudhatu waljalaa siqsuun dhufe. Anis waliigalteen waan hinturreef ALA 1993 keessan Daandii Qilleensa Itoophiyaa fedhii kootiin gadilakkise. Dhimmichi ministira muummee yeroo sanaa, Obbo Taammiraat Laayinee bira qaqqabee gaggeeffame.

BariisaaSababni akka ADWUIn aangoo qabateen hojii keessan gadilakkistan isin taasise maalinni?

Obbo Girmaa: Sababiinsaa adda addummaa hojmaataati. Yeroo sana oggaa dhufan daandiin qilleensaa kun akkuma dargiin eegalu godhe ilaalcha maaliif barbaachise jedhu qabu turan. Lammaffaa yeroo sana humni qilleensaa sirna Dargii keessa nu miidheera, nu waraaneera, jechuun dhaabbaticha qeeqaa turan.

Yeroo sana ijoolleen humna qilleensaa daandii qilleensaa keessa turan. Daandii qilleensaa keessaa paayileetota nu waraananiiru jedhanii shakkan ni hidhan. Kunis daandii qilleensaa humna qilleensaarraa adda baasanii ilaalaa akka hinturre kan agarsiisuudha. Adeemsa daandiii qilleensaa jijjiiruufis yaadaa turan. Jijjiiruusaaniirratti komii hinqabu. Ilaalchi haaraan hammeenya hinqabu. Garuu waan yaadota  tasumaa hojiirra ooluu hindandeenye hinta’u jennee falmineef gara hintaanetti deemnaanin dhiisee deeme.

Bariisaa: Booda hoo haalli sirroofnaan deebitanii?

Obbo Girmaa: Kun kan ta’e bara 1993. Waggoota 11 boodan deebi’e. Yeroon duraan daandii qilleensaa gadilakkisee bahu kan walfalmine nama Obbo Siyyee Abrahaa jedhamu wajjini. Namni kun walitti qabaa koree daandii adeemsa daandii qilleensaa jijjiiruuf hundaa’eeti. Yeroo sana boordiin Daandii Qilleensa Itoophiyaa hinhundoofne.

Namoonni koree kana keessa jiran bulchiinsa dhaabbatichaa raawwachiisaa hojii dabalatee buleeyyii 35 baasanii namootasaanii iddoowwan adda addaatii fidanii daandi qilleensaa keessa galchanii turan. Ani fedhii kootiinin gadilakkise. Miiltoowwan koo mara garuu dhaabbaticha keessaa baasan.

Maanuwaalii, qajeelfamootaafi hojmaatawwan dhaabbatichaa imaammata Dargiiti jedhanii xureessuun diiganii turan. Obbo Siyyeen dhumarratti miseensa boordii waan ta’eef haalichi itti bareeduu dide. Daandiin qilleensaa gadideemaafi quucaraa, namoonnis gadilakkisaa dhufuufi dhaabbatichi tasumaa badaa jiraachuu hubate. Oggaa kana yeroo jijjiiruu yaadan koottu naan jennaanin dide.

Yeroo sana Kaapteen Bisraat raawwachiisaa hojii taasisanii namoota kaan achi keessa turan baasan. Bisraat dhaabbatichi gara hojmaatasaatti akka deebi’u taasise. Ani oggaa deebi’anii naa bilbilan umriin koo 60, umriin kun ammoo kan sooramaati, daandii qilleensaarraa waggoota 11f waanin fagaadheef achuma, dhaabbaticha keessa namoonni daran dhama’an waan jiraniif hindeebi’u jedheen dide.

Walittiqabaa boordii Daandii Qilleensa Itoophiyaafi Ministira Dhimma Alaa kan turan Obbo Siyyum Masfin deebitu malee jedhan. Ani nama kana hinbeeku. Garuu dhufeen bakka jirtutti si dubbisa naan jedhan.  Lakki, “Ministirri Dhimma Alaa na barbaachisa waan ta’eef alaa dhufuu hinqabu, yoo barbaachisaa ta’e Sanbata Sanbata boqonnaa waanin qabuuf dhufuu nan danda’a” garuu dhufuu hinbarbaadun jedheen.

Akkuman jedhe guyyaa Sanbataa dhufe waajira Ministeera Dhimma Alaa dhaqe. Oggaan dhaqu hoggantoonni koo duriifi miseensonni boordii achi jiru. Obbo Siyyumiin ala warra kaan nan beeka. Maaliif akka na barbaadan gaafadhee akka deebi’u akka barbaadan natti himan. Anis sababootan irranatti eere irra deebi’ee itti himuun kaayyoo deebi’uu akkan hinqabne ittihime. Dhaabbatichi rakkoo keessa waan jiruuf deebitu malee naan jedhan. Warri keessa jiran ittigaafatamummaa kana fudhachuuf waan hinqophoofneef koottuutii nama nuu qopheessi naan jedhan.

Kadhaa danuu booda tole jedheen. Garuu deebi’uuf haaldureewwanin qaban jedheen. Oggaan raawwachiisaa hojii ta’ee deebi’u, ajajaafi jidduseenummaan ebelu muudi, ebelu buusi, ebelu mindeessiiifi kkf hinbarbaadu. Yoo kun jiraate hindhufun jedheen. 

Karoora koo jalqaba waggaattin boordiif galcha. Boordichi ilaalee yaada irratti kennuu danda’a, kanaa achi jidduseenummaa kamuu hinbarbaadun jedheen. Mindaarrattis kafaltii addaa akkan hinbarbaadneefi hojii qofaaf akka dhufu itti hime. Isaanis tole jedhanii hojii koo jidduu akka hinseenne waadaa naa seenan. Turtii waggaa shaniitiifis dhufe.

Mindaan dhiisee dhufeefi asitti waliigalle harka kudhaniin walcaala. Yeroo sana ijoolleen koo guddataniiru. Ani nama soorummaa barbaadus miti. Mindaa naa kanfalamurra ogummaa kootiin tajaajiluutu caalaa jedheen kafaltii guddaa dhiisee dhufe.  Qofaa kootti mindaa guddaa argachaa hojjetaa biraa hogganuun akka hindanda’amnes nan hubadhe. Isaanis yaada koo ni fudhatan.

Waggaa shan oggaa guutu akka na harkaa fuudhan gaafannaan na didanin waggoota lama dabaladhe. ALA bara 2004 oggaan hoggansa kana fudhu qo’annoon eegalamee ture. Qo’annoon sun daandiin qilleensaa har’a eessa akka jiruufi eessa akka qaqqabu kan eeru ture.

Qo’annicha dhaabbata Ernasti Yaangi jedhamufaatu reefuma jalqabanii geggeessaa turan. Ani Galfi Eyir fa’irraa muuxannoo fudhadheen dhufe. Daandiin Qilleensa Itoophiyaa si’atee itti deemuurra suuta guddachuudha kan beeku. Biyya biraatti haalli akkanaa waan hinjirreef ija jabaatanii hojjechuun akka barbaachisu muuxannoo fudhadheera. Lammaffaa oggaan “DHL” keessa hojjetaa turetti attamitti akka hojjetan hubadheera. Bu’uuruma kanaan “Mul’ata (vision) 2010” jedhamu baafne.

Bariisaa: Qabiyyeen mul’ata kanaa maalinni?

Obbo Girmaa: Qabiyyeen mul’ata kanaa oggaan ani gara geggeessummaatti dhufu dhaabbatichi waggaatti maamila miliyoona 1.2 qaba ture. Baay’ina kana waggoota shan keessatti miliyoona sadiitti guddisuuf karoora baafne. Yeroo sana galiin waggaa keenya doolara miliyoona 390 ture. Kanas gara doolaara biliyoona tokkootti ni guddisna jennee qabanne.

Baay’ina xiyyaaraafi buufataalee xiyyaaraas ni guddisna jennee qabanne. Kanas qaama dhimmi ilaaluuf akka ibsinu gaafatamne. Kanaanis kanneen kun hinta’u, abjuudha nuun jedhan turaniiru. Waanti waggoota 60 keessatti milkaa’uu hindandeenye akkamitti waggoota shan keessatti miliyoona sadii qaqqaba jedhan. Hojjettoota dabalatee namoonni danuun shakkanis ani itti amaneera. Ibsaa waan itti deemneef garuu booda keessa hunduu amanee ALA bara 2004 baafnee bara 2005 hojiirra oolchine.

Kan bara 2010 itti qaqqabne jennee karoorfanne dursinee bara 2009 guutummaatti milkeessuun miliyoona 3.2 qaqqabe. Galiinis doolaara bililyoona 1.2 qaqqabe. Otuma hudhaaleen hedduu jiranuu baay’inni xiyyaaraafi buufataaleenis karooraa ol milkaa’an. Mul’anni kun dhumaa waan jiruuf kan biraa karoorfachuu akka qabnu hubanne.

Mul’ata waggoota shanii keessatti bittaan xiyyaaraa dursee waan hinajajamneef rakkoon nu mudate. Guddina barbaadnu galmeessisuuf xiyyaara hanga barbaadnu hinarganne. Yoo argannes xiyaara nuu hojjetame otoo hintaane kan dhaabbata biraatiif hojjetame kiraadhaani. Kiraansaas guddaadha. Xiyyaaronnis sadarkaadhaan walfakkeenya hinqaban.

Kanarraa kaanee akka duraa karoora waggoota shaniirra kan waggoota 15 qopheessuuf murteessine. Yoo kun ta’e xiyyaaras ta’e liqii maallaqaa dursinee ajajuufi argachuu, namas sirriitti qopheeffachuu dandeenya.

Kanuma keessa mul’ata 2025s qopheessuu eegalle. Otoon dhaabbaticha gadihinlakkisiin mul’ata kanas baasne. Waantota yeroo karooraa kana keessatti raawwatamuu qabanis waggaa waggaadhaan qoodnee tokko tokkoon tarreessine. Kanas kutaa leenjii kan ture gara sadarkaa akkaadaamiitti guddisne. Sababiinsaas humni namaa hinleenjine homaa hojjechuu waan hindandeenyeef.

Kutaalee hojii hunda of dandeessifnee akka hojjemu taasisne. Mul’ata kana otoo ogeessa lammii alaa hindabalatiin ofuma keenyaan ALA bara 2010 qopheessinee xumurre.  Akkuma kana xumurreen mul’ata kana humni haaraan hojiirra oolchuu qaba jedhee fedhiidhuma kootiin hojii koo gadilakkisuuf boordichatti iyyadhe. Eddii takka walfalminee booda amansiisee ALA dhuma bara 2010tti nama bakka koo bu’u barbaadee qopheessuun Amajjii 2011 umrii waggaa 65tti sooramaan Daandii Qilleensa Itoophiyaatii bahe.

Bariisaa: Otoo humna qabdanii maaliif gadilakkisuu filattan?

Obbo Girmaa: Gadilakisuu kootiif sababoota lamatu jiru. Tokkoffaan waggaan 65 hojii akkanaa fiigichaan raawwachuuf hinmijatu. Ani yoon ittifufe waggaa lama ykn sadiifi. Jalqabanii jidduutti kutanii bahuun sirrii miti. Anarra dargaggeessi waan gaariis hojjeta, ittifufsiisuufis gargaara. Namni fixu yoo jalqabe gaariidha amantaa jedhun qaba ture. Lammaffaa, oggaan hubadhee ilaalu ijoolleen jiran kanaaf kan qophaa’an waan ta’aniif turuun koo hiika hinqabu. Yoon bahe dhaabbatichi hinmiidhamu. Yoo ijoolleen qophaa’an deeman garuu waantota baay’eetu bada. Abdiin jiru dargaggootaaf banamuu qaba jedheen walamansiisnee dhiisee bahe.    

Bariisaa: Gadi dhiistanii eessa dhaqxan?

Obbo Girmaa: Kallattumaan baheen mana koo taa’e. Boqonnaa waggaa tokkoo booda Mootummaan Ruwaandaa daandii qilleensaa hundeessuuf qophiirra waan tureef gargaarsa na gaafatanii dhaqee waggoota sadiif achi turee daandii qilleensaa hundeesseefii deebi’e. Waggoota lamaaf ammoo dura taa’aa boordii Daandii Qilleensaa Ruwaandaa ta’ee hanga bara 2009tti hojjedheera.

Walumaagalatti dhaabbata Ruwaandaa kana keessa waggoota shaniif hojjedheera. Toogoottis aviyeeshiniifi turizimiirratti gorsaa mootummaa ta’een gargaaraan jira. Daandiileen qilleensaa biroonis oggaa rakkatan na waamuu gargaareen deebi’a. Hojiin koo  gorsuudha. Daandiileen qilleensaa akka walitti dhiyaatan gochuudha.

Bariisaa: Turtii waggaa shanii Ruwaandaatti dabarsitaniin jijjiirama akkamiitu galmaa’e?

Obbo Girmaa: Jijjiiramni gaariin galmaa’eera. Oggaan dhaqu xiyyaara afur qabuuyyu. Ennaan gadi dhiisu 12n gahatanii turan. Amman xiyyaarota 15 qabu. Duraan iddoowwan 10tti balali’aa turan. Amma garuu iddoowwan 30 olitti balali’u. sirnaan hojjetaa dorgomaas ta’aa jiru. Sirumayyuu dhaabbileen tokko tokko dorgomaa nutti uumte naan jedhu. Anis, yoo qofaa keessan taatan isinitti qorran jedhaan.

Bariisaa: Isin Daandii Qilleensa Itoophiyaatiif raawwachiisaa hojii meeqaffaadha?

Obbo Girmaa: Nu dura lammiilee Ameerikaa torbatu ture. Ani 14fadha. Lammiilee Itoophiyaa keessaa 7fadha. Tawaldan 8fadhaa. Kan waliigalaa keessaa 15fadha. Ani Kaapteen Bisiraat harkaan fuudhe.

Bariisaa: Badhaasni hojiilee keessan kannaaf argattan maal fakkaata? Maal maalis argattaniittu?

Obbo Girmaa: Tokkoffaa, Waldaan Daandiilee Qilleensaa Afrikaa gargaarsa Daandii Qilleensa Itoophiyaatiin hundaa’e akka jabaatu waanin taasiseef beekamtii argadheera. Daandii Qilleensa Itoophiyaarraas  badhaasota baay’ee argadheera. Galfi Eyir, Bahireen, Abudaabii, Ameerikaafi Awurooppaanotarraas argadheera. Walumaagalatti badhaasota danuu argadheera.

Bariisaa: Badhaasota kanneen keessaa kamtu isiniif hiika addaa qaba?

Obbo Girmaa: Badhaasotan argadhe keessaa hundarra kanin mararfadhu isa tokko. Innis gaafan Daandii Qilleensa Itoophiyaa gadilakkisee bahe hojjetoonni, sooramtoonniifi bulchiinsi dhaabbatichaa konkolaataa bitanii, suuraan oggaan hojiirra ture ka’e walitti qabanii albamiidhaan na badhaasaniidha. Badhaasa hojjetaa naa kennan kana hunda caalaan mararfadha. Ani hojjetaa hundaa ija tokkoonin ilaala. Isa gaarii hojjete jajaa, badhaasaafi guddisaa;  isa balleessetti ammoo balleessaasaa fuuldurumatti itti himaafi gorsaan  ture. Kennaa hunda caalaa kan hojjetaatu na gammachiisa.

Bariisaa: Milkaa’inaafi bu’aa ba’ii keessa dabartan akkamiin ibsitu?

Obbo Girmaa: Bu’aan dhaabbaticha keessatti galmaa’e akkuma hunduu beeku gaariidha. Yeroo tokko tokko qorumsi ni jira. Fakkeenyaaf yeroo tokko hojmaanni ‘BPR’ jedhamu akka biyyaatti eegalamee ture. Hojmaanni waajjiraalee hundatti bifa dirqamaatiin akka hojiirra oolu tattaaffiin eegalame. Hojmaanni kun dhaabbata keenyaa akka hinmijannen hubadhe.

Gara barbaannutti kan nu geessu ta’ees natti hinmul’anne. Waajjiraaleen biyyattii hundi fudhatanii hojiirra oolchaa jiru fudhachuu qabsu malee jedhamne. Dhimmichi wayita sana Ministira Geejibaa kan turan Obbo Juneyiddii Saaddoo bira qaqqabus biyyi kana filatteetti jedhee fudhachuun dide. Hojmaatichi kan nuti “ASE” (Achieving Service Excellence) jennee hojjennurraa daran kan bu’e waan ta’eef dura waajjiraalee birootti bu’aa qabeessa ta’uunsaa haa beekamu jedhee didnaan “dhiisaa isaan hojjetaa jiru. Waan hojjetaa jiru balleessuu dura iddoo biraatti hojjechuusaa haa mirkaneessinu” jedhan, Ministirri Muummeen yeroo sanaa Obbo Mallas Zeenaawwii.

Sirni sun iddoowwan baay’eetti burjaajii hedduu uumee darbus nu bira waan hinseenneef walabummaa keenya qabannee ittifufne. Ofiisarri kominikeeshinii haa hundaa’u jedhamee namni Obbo Barakat Simi’ooniin ramadamee dhufes na dide. Namni ramadamee dhufes baay’ee falmus hojmaata dhaabbatichaa hindiigu jedheen dide.

Barakatis bilbilee natti dheekkamus ejjennoo koo jijjiiruu hindandeenye. Dhimmichi darbee ministira muummee bira qaqqabee akka hafu taasifame. Kun dhimma amantaati. Ani qooda hojii kominikeeshinii akka dabballeettan ilaala.  Dhimmoonni akkanaa akka bu’aa ba’iitti hojmaata keessa kan nama mudataniidha.

Dhugaa dubbachuuf hamman raawwachiisummaa hojiitiin Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessa hojjedhetti mootummaan ebelu mindeessi, ebelu buusi jedhee narratti humna hinfayyadamne. Qondaaltonni yaalanis akkan tole hinjenneen ni beeku. Jidduseenummaan Humna Ibsaafi Telekominikeeshinii keessatti mul’atu daandii qilleensaa biratti fudhatama hinarganne.

Dhaabbileen adda addaa teletoonii qophaa’uuf maallaqa akka baasu jedhamu. Ani teletooniif jedhee qarshii tokkollee kennee hinbeeku. Qarshin eenyuun kenna jedheen dide. Maallaqa haala kanaan bahurratti amantaa hinqabu. Gargaarsa yoo ta’e pirojektiin qophaa’ee dhiyaachuu qaba malee paartii siyaasaa kamiifuu maallaqa hinbaasu jedheen ofirraa deebisa.

Kanarratti komiin narratti dhiyaateera. Daandii qilleensaa keessatti dhimmi paartii siyaasaa akka raawwatamu gonkumaa hinhayyamu. Namni fedhii akkanaa qabu yoo jiraate waanti akkanaa akka hineyyamamne ifatti itti himaan ture. Bulchiinsa keessatti paartii siyaasaa tokkollee hinfudhu jechaan ture. Anis hinfudhuu kan dhiibee dhufes hinturre. Ejjennoon akkanaa dhaabbaticha ni fayyada.

Hojiin paartii achi keessa galii hinqabu. Hojmaanni akkanaa daandii qilleensaa qofaaf otoo hintaane dhaabbatuma kamiifuu barbaachisaa miti. Hojiin siyaasaafi inni kaan adda adda bahuu qaba. Eddiin ani bahee booda gama kanaan rakkataniiru. Muudamni hundi miseensummaa paartii siyaasaatiin geggeeffama taanaan dubbiin bade. Dhaabbatichi ni kufa. Bakka walittiqabama namoota siyaasaas ta’a. Ani adeemsa akkanatti hinamanu. Kanaafis ulaa hinbanu, hineeyyamus ture.

Bariisaa: Bulchiinsarratti ejjennoo cimaa akkanaa fudhachuu haala kamiin gabbifattan?

Obbo Girmaa: Eddiin barnoota koo Yunivarsitii Finfinneetii addaan kutee bulchiina daandii qilleensaatiin walqabatee leenjiilee heddu Awurooppaafi Ameerikaafa’itti fudhadheera. Barumsi waan taa’amee dubbifamu danda’uudha. Beekumsi muuxannoorraa dhufu bu’aa guddaa qaba.

Kan na gargaare aadaafi daandiilee qilleensaa garagaraa keessa hojjechuu kooti. Iddoowwan hundatti miseensa bulchiinsaa ta’een hojjedhe. Kun mataansaa yunivarsitii guddaadha. Amantii keessatti, “Waan akka sirratti raawwatamu hinfeene kan biraarratti hinraawwatiin” jedhu jira. Kun anaaf qajeelfama guddaadha.

Bariisaa: Qondaaltonni mootummaa kamuu oggaa hojiif deeman ni kanfaluu?

Obbo Girmaa: Eeyyee, kanfalaniit deemu. Waantumti Daandii Qilleensa Itoophiyaa kanneen biroorraa adda taasisuyyuu kana. Ministira Muummee dabalatee kanfalanii deemu. Hayilasillaaseenis kanfalaniit fayyadamaa turan. Darginis otuma waraana sana keessa jiruu kanfalaa ture. Mootummaan lafumaa ka’ee kana tolaan hojjedhu hinjedhu, dhaabbatichis tole hinjedhu, seerris hineeyyamuuf.

Mootummaan akkuma kan warra kaanii seericha haquu danda’aayyu garuu hinhaqamne. Ruwaandaattis seeruma walfakkaatun hojiirra oolcheef. Qondaaltonni mootummaa kanfalanii imalu jechuudha. Kanaan dura yeroo lamaa sadii hundeessanii jalaa kufee ture amma garuu guddachaa jiru. Dhaabbanni kamuu ergama kennamuuf qabuuf bulchiinsa kana yaada keessa galchuun karoorfachuu qaba. Biyya gararraa waan hintaaneef waan biyya hinbarbaadne hinhojjennu. Karooraan ala garuu eenyumtuu lafaa ka’ee akkan godhi, achi deemi, koottu nuun jechuu hinqabu. Bu’aa qabeessummaa keenya hubannee haa hojjennuudha ejjennoon koo.

Bariisaa: Istaar Aliyaansi Maalinni?

Obbo Girmaa: Addunyaarra Aliyaansota afurtu jiru. Inni guddaan Istaar Aliyaansi. Waan Worlis kan jedhamus jira. Istaar Aliyaansi waldaa daandiilee qilleensaa Luftaanzaa, Singaapoor, Afrikaa keessaa ammoo Itoophiyaa, Afrikaa Kibbaafi Misir  keessa jiraniidha. Waldaan tokko isa tokko walcimsaa waliin hojjetuuf hundaa’eedha. Miseensa waldaa kanaa ta’uuf bu’aa ba’ii heddu keessa darbameera.

Keessumaa saamichi gabaa waan tureef Misiriifi Afirkaa Kibbaa amansiisuuf danuu dhama’ame. Garuu Waldaan kun biyyoota Ingiliffa dubbataniin kan hundaa’eedha. Tiraafikii hedduu Istaar Aliyaansirraa ni arganna. Sadarkaan daandii qilleensaa miseensota waldichaa daran olaanaa waan ta’eef nutis miseensa waldaa ta’uun miira dorgommii uumuuf daran fayyada.

Ittiquufiinsi imaltootaafi haalli kenniinsa tajaajilaas akka ammayyaa’u waan taasisuuf otoon ani jiruu seenne. Gabaarrayyuu kan barbaadame kana. Har’a miseensota waldichaa adda durummaan eeraman keessaa tokko taane. Waldaa Waan Worlid jedhamu seenuufis tattaaffiin taasifamee ture.

Bariisaa: Dhimma Daandii Qilleensaa Itoophiyaa gara dhuunfaatti jijjiiruuf yaadamee turerratti maal jettu?

Obbo Girmaa: Daandiin qilleensaa tokko hanga kan mootummaa ta’etti mootummaan akka barbaade gochuuf mirga qaba. Sharafa alaa argachuu gurgurama yoo ta’e dhaabbaticha wajjin dubbatamee haala mijeessuun ni danda’ama. Dhimmi kun otoo sirriitti ilaalamee gaariidha. Dhaabbatichi otoo mootummaarraa maallaqa hingaafatiin otoo hojjetaa jiruu maaliif gurguruuf ariifanna?

Faayidaan mootummaafi dhaabbatichi walirraa argataa jiran ittifufumoo ni dhaabatu? Dhimmichi sirriitti otoo qo’atamee gaariidha. Ariifachuu hinbarbaachisu. Dhaabbatichi waan guddaa gumaachuu waan danda’uuf itti yaadamuu qaba, dhaabbatichi bu’aa qabeessa waan ta’eef. Bu’aa qabeessummaansaa kun akka ittifufuuf bakkuma jirutti jabeessuu barbaachisa. Gurguruun faayidaa hinqabaatu.

Bariisaa: Sadarkaa daandiin qilleensichaa irraa jiru har’a akkamitti ilaaltu? Mul’anni qabame haala kamiin hojiirra oolaa jira?

Obbo Girmaa: Dhaabbatichi karoora bara 2025f qabame dursee bara 2021 xumura. Miseensa boordii waanin ta’eef amma karoora 2035 baasaa akka jiran hubadheera. Karoorasaatiin ittifufeetuma hojjetaa jira. Dhaabbatichi imala gaariirra jiraatus guutummaatti mudaa hinqabu jechuu miti. Waantonnni fooyya’uu qaban hedduutu jiru. Garuu akka waliigalaatti bu’aadhaan ilaalamu sadarkaa gaariirra jira jedheen yaada.

Bariisaa: Raawwachiisaan hojii Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Tawaldaa Gabramaariyaam Sanbata darbe oggaa Yunivarsitiin Finfinnee doktareetii kabajaa kenneefitti maqaa keessan dhahanii isin galateeffataniiru. Hariiroon isin jidduu ture maal fakkaata?

Obbo Girmaa: Obbo Tawaldaan oggaa inni dhaabbatichatti mindeeffamurraa eegaleen beeka. Tawaldaan Ameerikaatti ittigaafatamaa gurgurtaa keenya ture. Ciminaafi raawwii hojiisaa ilaaleen ittigaafatamaa kutaa bizinasii ta’ee akka hojjetuuf fide. Na wajjin baay’ee hojjeteera. Kutaalee hojii itti ramadame biroottis sirriitti hojjetaa ture. Oggaan daandii qilleensichaa gadilakkisuuf jedhu akka inni raawwachiisaa hojii ta’uuf natu kaadhime. Ciminasaatu bakka kana kenneef.

Bariisaa: Eddii achii baatanii waa na rakkiseera jedhanii muuxannoo fudhachuuf isinii bilbalanii beekuu?

Obbo Girmaa: Akka inni raawwachiisaa ta’ee ramadameen ani gorsummaan waggaa tokko waanin hojjedheef kun na rakkiseera jedhee naa hinbilbille. Kanaa achi garuu waltajjiilee adda addaarratti oggaa walagarre ni mari’anna. Akkuman ani namoota na dura hojjetaa turan wajjin dubbachaa ture innis na wajjin ni dubbata. Kana jechuun nan ajaja jechuu miti. Yaada waljijjiirra. Inni nama yaadee, of danda’ee hojjetuudha.

Bariisaa: Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa maaltu otoo fooyya’eefii kan caalaa guddachuu danda’a jettu?

Obbo Girmaa: Dhimmi siyaasaa waan hinfayyadneef otoo dhaabbaticha keessa seenuu baateen jedha. Dhimmi siyaasaa yoo seene miira hojjettootaa ni miidha. Hojjetaan tokko ta’ee yoo hojjete gaarii ta’a. Dhimma kana bulchiinsiifi boordiin dhaabbatichaa mariidhaan ni furu jedheen yaada. Kanaa achi adeemsisaa gaariidhaa haaluma kanaan ittifufuu qaban jedha.

Bariisaa: Gama jidduseenummaatiin dhaabbileefi hoggantoota birootiif maal dhaamtu?

Obbo Girmaa: Qabxii kanarratti yaada kanin kennu mootummaadhaafi. Mootummaan oggaa waajira tokkoof geggeessaa muudu ykn ramadu aadaa mana hojichaa beekaa laata? Hojichaaf hoo gahumsa qabaa jechuun madaaluudha malee amantiidhaan, sanyiidhaan, ilaalcha siyaasaatiin filachuu hinqabu. Adeemsi akkanaa gonkumaa dhaabachuu qaba.

Namni muudame sunis akeeka ramadameef milkeeffachuu qaba malee dhaaba siyaasaa dugda duubasaa jiruu yaaduu hinqabu. Namni sun hojii irratti ramadameera waa’ee siyaasa bakka bu’ee dhufee yaada yoo ta’e waajjirichi ni miidhama. Mootummaan hojii nama ramadame karoorasaarratti qeeqee hojii guyyuu namuma ramadame sanaaf dhiisuu qaba.

Hojiilee raawwataman mara namuma sanaaf dhiisuu qaba. Hinhojjenne yoo ta’e achii kaasuu qaba. Mootummaan hojii guyyuu keessa harka galfachuu hinqabu. Yoo kun ta’e dhaabbileen danuun akka garaasaaniitti guddachuu danda’u. Kanaaf ammoo fakkeenyi Daandii Qilleensa Itoophiyaati. Daandiin qilleensaa kun nama addaa qabaatee miti sadarkaa kanarra kan qaqqabe.

Mirga kana mootummaan dhaabbilee hundaaf kennuu qaba. Har’a dhaabbileen misoomaa dadhabaa jiru. Mootummaan dhaabbilee dadhaban kanneen cimsuurratti ciminaan hojjechuu qaba. Biyyi tokko nama dhuunfaarra dhaabbileerratti amantaa qabaachuu qaba. Oggaa dhaabbanni cimuudha biyyi kan jabaattu. Dhaabbanni kan cimatu ammoo oggaa hojmaanni sirriin jiraateedha.

Mootummaan kana gochuu qaba. Yoo kun ta’e dhaabbanni Itoophiyaa kamuu cimaa ta’e abdii jedhun qaba. Biyyoota biroo wajjin walbira qabee oggaan ilaalu biyyi keenya gama kanaan carraa guddaa akka qabdu natti mul’ata. Kanaaf dhaabbileedhaaf bilisummaan kennuun daran barbaachisaadha.

Bariisaa: Waa’ee buufata xiyyaaraa ijaaramuuf yaadamaa tureerratti maal jettu?

Obbo Girmaa: Dhimmi kun sadarkaa qo’annoorra waan jiruuf otoon homaa jechuu baadhee natti tola. Kun dhimma walga’ii boordiirratti irratti mari’annuudha.

Bariisaa: Mul’anni Daandii Qilleensa Itoophiyaarratti qabdan?

Obbo Girmaa: Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Afrikaa keessaa daandii qilleensaa guddaadha. Dhaabbileen qilleensaa hundeessaa jirru tokkummaadhaan ta’anii beekamoo akka ta’aniidha. Daandiin qilleensa Itoophiyaa biyya Afrikaa kamuu oggaa seenu imaltootaataan akka filatame barbaadamu arguudha. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa otoo sarara keessaa hinbahiin Afrikaa waliin gahee akka bahun barbaada. Dhaaabbatichi garasitti ce’uu qaba. Kallattiin qabame kanuma waan ta’eef kanumaan ittifufuu qaba. Daandiin qilleensaa hundeessaa jirru kanaaf gumaachuu qabu.

Bariisaa: Jijjiirama siyaasaa biyya keenyaarratti maal jettu?

Obbo Girmaa: Ani nama siyaasaa miti. Waa’ee siyaasaa baay’ee hinbeeku. Garuu ani yaada addaan qaba. Dimokraasiin anaaf namni hundi bakka jirutti waan barbaade hojjeta, raawwata, dubbata jechuu miti.  Anaaf dimokraasii jechuun addummaa yaadaarratti ifaan dubbatanii furuu danda’uu jechuudha. Tokko isa biraa sodaatee otoo yaadasaa qabatee hinhafu.

Kanaaf, namni bilisummaadhaan dubbachuu ni danda’a. Kun dhimma barbaachisaadha. Paartiileen siyaasaa sanyummaa keessaa bahuu qabu. Siyaasni sanyiirratti hundaa’e eessaanuu nu hingahu. Paartiileen siyaasaa gaafa tokko yaadarratti qofa malee sanyiirratti kan hundaa’an akka hintaane nan abdadha. Hanga sana keessaa hinbaanetti Itoophiyummaarratti cimina qabaanna jedhee hinamanu.

Milkaa’inni kan dhufu yoo lammiin Itoophiyaa kamuu kallattii biyyattii hunda keessa naanna’ee hojjechuu, gaa’ela  dhaabbachuufi dubbachuu danda’e qofa. Daangaa daangessee, moggaasa naannoo jedhamu qabannee karaa dheeraa deemuu waan dandeenyu natti hinfakkaatu. Oggaa Afrikaan gara tokkummaatti dhufti jennee eegaa jirrutti nuti asumatti walqoqqoodna.

Kun sirrii natti hinfakkaatu. Siyaasni sanyiirratti hundaa’e baduu qaba. Amma inni hinbadnetti rakkachuun keenya hinoolu. Haallitti aadaan sabootaa guddaturratti malli barbaadamuu qaba.  Hundumtuu mirga aadaasaa guddifachuufi beekuu akka qabaatu gochuun barbaachisa malee kun sanyiinsaa kana, sana waanti jedhamu dhaabachuu qaba. Miira tokkummaa fiduuf siyaasni sanyiifi amantiirraa bilisa ta’uu qaba. Heerichis kan biraatiin bakka bu’uu qaba. Dhimmoota kanneenirratti mootummaan Doktar Abiyyi Ahmad hojjechuu qaba. Oolmaansaaniis biyyattii tana jijjiiruudha.

Charinnat Hundeessaatiin

Suurri Daanyee Abarraatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Mootummaan walabummaa dhaabbilee misoomaa mirkaneessuu qaba” -Obbo Girmaa Waaqee”

  1. Pingback: reiniging
  2. Pingback: cardetaling

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *