Dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamuun ummata tajaajiluuf qophaa’uudha

Finfinnee: Dhaabbileen barnoota olaanaa mootummaafi dhuunfaa barattoota idileefi al idileen barnootasaanii hordofaa turan eebbisiisuurratti argamu. Yunivarsiitiin Finfinnees tibbana waliigalaan barattoota kuma sagaliifi dhibba jahaaf soddomii saddeet kan eebbisiise yoo ta’u, kanneen keessaa dhibbantaan 28 dubartootadha.

Wandim Takilee barattoota digrii lammaffaatiin(MA) eebbifaman kuma shaniifi 520 keessaa tokko yoo ta’u, dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamuun ummata tajaajiluuf ykn gargaaruuf qophaa’uu ta’uu dubbata. Barachuu jechuunis hiika kan godhatu sadarkaa barnootaa qabnu fooyyessuu qofaa osoo hintaane ilaalchaaafi amala namummaa duraan qabnurratti waan gaarii ta’e tokko dabalachuu akka ta’es ibseera.

Keessumaa ammoo biyya jiraannu kana keessatti jibbiinsiifi walshakkiin babal’achaa waan jiruuf namootni sadarkaa addaddaatiin dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifaman jijjiiruuf ciminaan hojjechuu akka qaban himeera. Dhalootni barnoota argate kunis waan barachaa ture sirnaan hojiitti jijjiirraan Itoophiyaa haaraafi guddoo taate uumuun kan danda’amu ta’uusaas dubbata. Innis sadarkaa hoggansaarra waan jiruuf, imaanaa ummatniifi mootummaan isatti kenne bahachuuf qophii olaanaa qabaachuusaa dubbateera. Kaawwanis qajeelummaafi amanamummaan ummata tajaajiluu qabuu jedheera.

Balaachoo Jabeessaas akkuma Wandimmuu eebbifamtoota Yunivarsiitii Finfinnee baranaa keessaa tokkodha. Waggoota lamaaf barnoota Afaan Oromoo erga barachaa turee booda digrii lammaffaatiin eebbifamuusaatti daran gammaduusaa dubbata. Yunivarsiitiirraa eebbifamuun imaanaa ummataa dachaan fudhachuuf qophaa’uu jechuu akka ta’e ibseera. Kunis carraafi ulfina guddaa argame waan ta’eef eebbifamtootni dhaabbilee barnoota olaanaa hunduu hubachuu qabu jedheera.

Yeroodhaa yerootti biyyattiin humna nama baratee horachaa jirti kan jedhu Balaachoon, barattootni yunivarsiitiiwwan addaddaarraa eebbifaman beekumsa argataniin ofiifi maatiisaanii, akkasumas biyyasaanii jijjiiruuf tattaafachuu akka qaban dubbata. Keessumaa ammoo wayita Itoophiyaan ce’umsa siyaasaa keessa jirtu kanatti eebbifamtoonni beekumsa gonfataniin tumsuu akka qaban dhaama.

Doktar Birhaanuu Geetinnat ammoo namoota digrii sadaffaan eebbifaman 240 keessaa tokko yoo ta’u, wal’aansa sammuu baqaqsanii hodhuutiin eebbifamuusaatti daran gammaduusaa dubbata; Waaqayyoonis galateeffata. Barnootni haala guutuu ta’een of jijjiiruuf ogummaafi beekumsa dhaabbilee barnoota olaanaarraa bitachuu akka ta’es ibseera. Beekumsa bitatan ammoo ofumaaf itti tajaajilamuu qofaa osoo hintaane ummata ofiif oolchuu danda’uudhaa jedha.

Barattootni dhaabbilee barnoota mootummaafi dhuunfaarraa eebbifamuun bahan beekumsa haaraa waan gabbifataniif, ummatasaanii of kennanii tajaajiluuf haalaan of qopheessuu akka qabanis himeera. Hundarra ammoo jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf qorannoo saayinsawaafi haaraa ta’e adeemsisuu qabu jedha.

Ministirri Muummee mootummaa RFDI sirnicharratti argamuun eebbifamtootaaf kallattii jijjiiramaa biyyattiin qabattee deemaa jirturratti ibsa kan kennan yoo ta’u, hundaa ol biyyasaaniif waan gaarii hojjechuuf dhimmamuu akka qaban hubachiisaniiru. Duudhaalee dhaabbilee barnoota olaanaa kanneen akka kabaja walii kennuu, of fooyyessuu, garraamummaa, qajeelummaa, amanamummaafi heddummina eenyummaa keessummeessuutiin hawaasaaf fakkeenya ta’uu akka qaban hubachiisaniiru.

Barattoota idilee saala lameeniinuu qabxii olaanaa fidaniif mootummaan bilisaan carraa barnootaa kennuusaas ibsameera. Bulchiinsi magaalaa Finfinnees barattoota injinariidhaan qabxii olaanaa qaban kallattiidhaan kan qaxaru ta’uusaa hubatameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Suurri Hadush Abrahaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

3 Comments to “Dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamuun ummata tajaajiluuf qophaa’uudha”

  1. Pingback: swan168

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *