Daandii Qiilleensa Itoophiyaa gurguruuf ariifachuun sirrii miti jedhame

Finfinnee: Karoorri mootummaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa gara dhuunfaatti naannessuuf qabate bu’aa qabeessummaa ammaan tana dhaabbatichi irra jiruun sirrii akka hintaane Obbo Girmaa Waaqee ibsan.

Adeemsisaan hojii duraaniifi miseensi Boordii Daandii Qilleensa Itoophiyaa, Obbo Girmaa Waaqee gaafdeebii Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, dhaabbatichi kan mootummaa waan ta’eef mootummaan akka barbaade gochuuf mirga qabaatullee gara dhuunfaatti deebisuuf ariifatamuu hinqabu.

Sharafa alaa argachuu gurgurama yoo ta’e dhaabbaticha wajjin dubbatamee haala mijeessuun akka danda’amuufi dhimmi kun otoo sirriitti ilaalamee gaarii ta’uu ibsu. Dhaabbatichi otoo mootummaarraa maallaqa hingaafatiin waan hojjetaa jiruuf gurguruuf ariifachuu hinbarbaachisu jedhaniiru.

Dhaabbatichi haaluma jiruun yoo ittifufe misooma biyyattiif waan guddaa gumaachuu waan danda’uuf sirnaan ittiyaadamuu qaba kan jedhan Obbo Girmaan, qabeenyummaansaa akka ittifufuuf bakkuma jirutti jabeessuu akka barbaachisuufi gurguramuunsaa faayidaa akka hinqabne eeran.

Ministira Muummee dabalatee qondaaltonni mootummaa xiyyaarota dhaabbatichaatti kanfalanii akka imalanis ibsanii, kunis Daandii Qilleensa Itoophiyaa dhaabbilee gitootasaarraa kan adda taasisu ta’uu beeksisaniiru.

Dhaabbatichi karoora bara 2025f qabame dursee bara 2021 kan xumuru ta’uu kan eeran miseensi boordii Daandii Qilleensa Itoophiyaa kun, karoorri bara 2035 qophaa’aa jiraachuullee addeessaniiru.

Dhimmi siyaasaa waan hinfayyadneef otoo dhaabbaticha keessa seenuu baatee gaarii ta’uu eeranii, ilaalchi siyaasaa yoo seene miira hojjettootaa waan miidhuuf dhimma kana bulchiinsiifi boordiin dhaabbatichaa mariidhaan furu akka qaban gorsaniiru.

“Mootummaan oggaa waajjira tokkoof geggeessaa muudu ykn ramadu aadaa mana hojichaa beekaa laata? Hojichaaf hoo gahumsa qabaa?” jedhee madaaluun ala amantiidhaan, sanyiidhaan, ilaalcha siyaasaatiin filachuu hinqabu jedhaniiru. Adeemsi akkanaa gonkumaa dhaabachuu akka qabus eeran.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Afrikaa keessaa daandii qilleensaa guddaa ta’uu kan eeran Obbo Girmaan, dhaabbatichi otoo sarara keessaa hinbahiin Afrikaa akka waliin gahuun barbaada jedhan.

Guutummaa gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa Obbo Girmaa Waaqee waliin taasise fuula keessummaa Bariisaarraa dubbisaa.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

2 Comments to “Daandii Qiilleensa Itoophiyaa gurguruuf ariifachuun sirrii miti jedhame”

  1. Pingback: content

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *