Adoolessa 22 bara 2011: Guyyaa duudhaa ashaaraa magariisaa

Finfinnee: Bara kana akka biyyaatti biqiltuuwwan biliyoona afur dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Adoolessa 22 bara 2011 ammoo guyyaa tokkotti biqiltuuwwan milyoona 200 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, akka Oromiyaatti ammoo guyyaa sana karoora akka biyyaatti qabamee ol biqiltuuwwan miliyoona 250 hanga 300tti dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Hogganaan Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee ibsa dheengadda miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, naannichatti barana biqiltuuwwan biliyoona lamaa ol dhaabuuf karoorfame hojjetamaa jira. Karoora kana milkeessuufis biqiltuuwwan gosa adda addaa biliyoona 1.9 ol kan qophaa’an yoo ta’u, kanneen hafan ammoo bittaadhaan yeroo hafe keessatti kan dhaabaman ta’u. Hanga ammaatti biqiltuuwwan akaakuuwwan adda addaa biliyoona 1.1 kan dhaabaman ta’uu himu.

Karoora akka biyyaatti Adoolessa 22 bara 2011 biqiltuuwwan miliyoona 200 dhaabuuf qabame milkeessuuf akka naannoo Oromiyaatti guyyaa sana biqiltuuwwan miliyoona 250 hanga 300tti dhaabuuf boolli miliyoona 250 qophaa’uusaa himaniiru. Dhaabbiin biqiltuu kun guyyaa tokkotti rikardii addunyaa Hindiin guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miliyoona 60 dhaabuun qabatte  kan fooyyessu ta’uu himu.

Guyyaa duula biqiltuu dhaabuu kana namni tokko biqiltuuwwan 60-65 waan dhaabuuf meeshaalee dhaabbiif isaan barbaachisuufi waan nyaataniifi dhugan  qabatanii akka dhiyaataniif dhaamsa dabarsaniiru.

Hojii kana milkeessuuf koreen teeknikaa naannoodha hanga gandaatti dhaabbatee hojii dadammaqsuu hojjechaa jiraachuu himanii, sagantaa biqiltuu dhaabuu Adoolessa 22 bara 2011 qabame irratti ummanni Oromoo hundi, hoggantoonni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran, hojjettoonni mootummaa, Abbootiin Gadaa, abbootiin amantii, hayyoonni, artistoonni, qeerroofi qarreen, qonnaan bulaan, jiraataan magaalaa hundi, dippiloomaatonni biyyoota garagaraa biyyaafi kanneen hafan kan irratti hirmaatan ta’uu himaniiru.

Daarektaarri Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaa Obbo Didhaa Dirribaa akka jedhanitti, bosona misoomsuufi magaalotas ta’e baadiyyaa qulqulleessuufi magariisa taasisuun amala biyyoota qaroomaniiti. Kanaafuu ummatni biyyattii biqiltuuwwan lafa ciccitaa, daandiiwwan cinaa, mooraa manneen barnootaafi dhaabbilee amantii akkasumas maasaafi mana isaanii cina dhaabuudhaan kunuunsuufi eeguu akka qaban dhaamaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

One Comment to “Adoolessa 22 bara 2011: Guyyaa duudhaa ashaaraa magariisaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *