Yaa’ii idilee Caffee Oromiyaa 10fafi dhimmootasaa

Finfinnee: Yaa’iin Caffee 10fa  bara hojii 5fa boruurraa  kaasee Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti kan gaggeeffamu ta’uu Waajjirri Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksise. Yaa’icha dura har’aa tokko tokkoon miseensota Caffee magaalaa Adaamaati biqiltuu digdama digdama kan dhaaban ta’uunis ibsameera.

Daarektarri Dhimmoota Kominikeeshiniifi Bulchiinsa Odeeffannoo waajjirichaa, Obbo Habtaamuu Damissee ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 10fa waggaa afraffaa bara hojii 5fa Dilbata boriirraa kaasee guyyoota sadiif adeemsifata. Yaa’icharratti gabaasni raawwii karoora hojii qaama raawwachiistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 2011  dhiyaachuun bal’inaan erga irratti mari’atamee booda kan raggaasifamu ta’a.

Dhimmootni guguddoon raawwii karoora qaama raawwachiistuu keessatti ilaalamanis milkaa’inaafi gufuuwwan haala nageenyaa, misooma hawaas-dinagdeefi ijaarsa sirna dimokiraasii Oromiyaa ta’uu eeranii, kallattiin gara fuulduraas ni kaa’ama jedhan.

Raawwiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaafi Mana Hojii Odiitara Muummichaas erga gamaggamamee booda haaluma walfakkaatuun kallattiin bara dhufuu kan kaa’amu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Argannoo odiitii waliin walqabatee hojiileen barana hojjetamaa turanis yaa’ichaaf dhiyaachuun kan madaalaman ta’uus himaniiru.

Wixineewwan labsii sadii yaa’ichaaf dhiyaachuun kan raggaasifaman ta’uus eeranii, isaan kunneenis wixinee labsii kenniinsa tajaajila lammummaafi bajata dabalataa bara 2012, akkasumas gurmaa’inni naamusa miseensotaafi sirna ittiin bulmaata Caffee lak. 201/2009 ta’uusaanii eeraniiru.

Dura taa’aan Koree Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsaafi Seeraa Obbo Isaa Boruu gamasaaniin akka jedhanitti, wixineewwan labsii yaa’ii idilee 10farratti dhiyaachuun raggaasifaman sadii keessaa wixineen labsii, ‘kenna tajaajila lammummaa Oromiyaa’ xiyyeeffannoo olaanaadhaan kan ilaalamuudha. Kaayyoonsaa inni guddaanis namni kamuu akka dhuunfaasaattis ta’e gareedhaan ta’uun tajaajila lammummaa akka kennuuf kan jajjabeessuufi karaa banuudha jedhan.

Misooma hawaas-dinagdee itti fufsiisuutiin haala jiruufi jireenya ummata Oromoo fooyyessuu keessattis gahee guddaa kan bahatuudha jedhanii, lammiileen marti humnaan, beekumsaafi qabeenyasaaniin kaffaltii malee hawaasasaanii akka tajaajilan kaka’umsa kan uumu ta’uus dubbataniiru. Yaa’icha milkeessuufis jiraattotni magaalaa Adaamaa tumsa gochuu akka qaban waamichi dhiyaateera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

3 Comments to “Yaa’ii idilee Caffee Oromiyaa 10fafi dhimmootasaa”

  1. Pingback: ai ดูดวง
  2. Pingback: blote tieten
  3. Pingback: The Deb

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *