Hayyoonni jijjiiramicha gochaan haa utuban

Oromoon namni nama sadiif tola oole bu’aa guddaa argata; namni nama sadiif tola hinoolle ammoo faallaa saniiti jedha. Sadan tola oolan bu’aa guddaa argatan 1fa gamnaaf dubbiin yoo tumsite, 2fa gootaaf onneedhaan yoo tumsite, 3fa arjaaf qabeenya yoo kennite.

Sadan faallaa dhaabatan ammoo, 1fa gowwaaf haasawaan yoo tumsite, 2fa dabeessaaf onneedhaan yoo tumsiteefi 3fa dondhaaf  qabeenya yoo tumsiteedha jedhee mammaaka. Dhimma kana haala jijjiiramaa biyyi keenya keessa jirtu wajjin walqabsiisnee waa jechuun barbaachisaadha.

Biyyi keenya ammaan tana jijjiirama waggaa tokkoofi ji’oota muraasa lakkoofsise keessa jirti.  Jijjiiramni guddaan biyyattiitti akka seenaatti galmaa’u kun ammaan gufuu adda addaa isa mudataniin marfamee argama. Kun ammoo furamuu kan danda’u yaada mota’aafi tokkummaa ijaarameen qofa.

Jijjiramni ammaan tana ummanni biyyattii marti dhandhamataa jiran kan dhufe wareegama guddaa Oromoon keessumaa qarreefi qeerroon kanfalaniin waan ta’eef akka qaroo ijaa caalaatti eegamuufi kunuunfamuu kan qabus abbichuma injifannichaa, kan ta’e Oromoodhumaani.

Jijjiiramni kun lafa qabatee fuulduratti tarkaanfatatee, gaaffiileen fayyadamummaafi abbummaansaa kamuu deebii akka argatu malliifi falli guddaan tokkummaan akka dhagaa goleetti jabaate qabaachuu qofa. Kanaafis akka kanaan duraa lagaan, ilaalchaan, naannummaan, amantiifi kkfdhaan walqooduu, walxureessuufi walcabsuu, ormatti hirkachuu keessaa bahuun diina akka leenca beela’ee nu nyaachuuf ilkaan qaratee hamuummataa jirutti dammaquun barbaachisaadha.

Jijjiiramni Oromoon dhiigaan fide kun qilleensa bubbisaa jiruun fudhatamnaan warri fudhate sun akka kanaan duraa “Ni bita otoo hintaane kochisee nu nyaata”, qabeenya keenyas saama waan ta’eef hunda caalaa Oromoon shira siyaasaa xaxamu gadifageenyaan hubatee walhubachiisuun irreefi qalbii tokkoon harka walqabatee dhaabachuu qaba.

Kanaafis hayyoonni Oromoo kanneen biyya keessas ta’e ala jiraatan garaagarummaam ilaalcha siyaasaa otoo isaan hindaangessiin waantota hundaaf bu’uura kan ta’e, Oromummaa qofa dursuudhaan qaamolee ammaan tana biyyattiis ta’e Oromiyaa  geggeessaa jiran yaada mo’ataafi furmaata qorannoorratti hundaa’e dhiyeessuun onneerraa hojjechuu qabu. Mootummaanis hayyootaaf karrasaa caalaatti banaa gochuu qaba.

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

2 Comments to “Hayyoonni jijjiiramicha gochaan haa utuban”

  1. Pingback: my website

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *