“Hanga Itoophiyaa keessa jiraannetti biqiltuu dhaabuun nu ilaallata” -Lammiilee biyya alaa

Mugar: Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad lammileen biyyattii ganna kana biqiltuuwwan biliyoona afur akka dhaabaniif waamicha taasisuun ofiis keessatti hirmaataa jiru. Kanaanis namni tokko biqiltuuwwan 40 akka dhaabuuf imaanaa kennaniiru. Bu’uuruma kanaan lammiileen guutummaa biyyattii keessa jiran xiqqaadhaa hanga guddaatti imaanaa kana fudhachuun ashaaraasaanii ka’aachuurratti argamu.

Dheengaddas hojjettoonni Warshaalee Simintoo Daangooteefi Mugar biqiltuuwwan kuma 25 dhaabuun waamicha Doktar Abiyyiif deebii kennaniiru. Sirna dhaabbii biqiltuu kanarratti argannee kan dubbisne Mistar Osibeemee Imaanu’eel Aliyuu lammii biyya Naayijeeriyaayoo ta’an, hojjetaa Warshaa Simintoo Daangooteeti.

Akka isaan jedhanitti, kaayyoon biqiltuu dhaabuu haalli qilleensaa qulqulluufi mijataan akka jiraatuuf waan ta’eef ajandichi kan biyya tokkoo qofa miti. Haalli qilleensaa Itoophiyaa jijjiiramuun kan Afrikaas jijjiiramuudha. Darbees kan addunyaati. Kanaaf namni kamuu bakka jiruutti biqiltuu dhaabuu qaba.

“Hanga Itoophiyaa keessa jiraannetti qaama Itoophiyaa waan taaneef nus waamichi ministirri muummee taasisan nu ilaallata. Anis ashaaraa kaa’uuf tokko jedhee jalqabeera. Kanaa boodas irra deddeebiin dhaabuun 40 sana nan guuttadha jedheen yaada. Dhaabuu qofa osoo hintaanee kununsuufillee qophiidha” jedhu.

Lammiileen biyyoota biraa Itoophiyaa keessa jiraatan kaanis waamichichaa ala of taasisuu akka hinqabneefi eessattiyyuu haa ta’u faayidaa biqiltuu dhaabuun qabu hubachuu dhaabuufi kunuunsuu akka qaban dhaamu.

Mistar Ajee Singi ammoo lammii Indiyaafi hojjetaadhuma warshichaa yoo ta’an, sirna biqiltuu dhaabuurratti hirmaataniiru. Isaanis qaama waamicha kanaa ta’uusaaniitti gammaduu eeranii, hanga Itoophiyaa keessa jiranitti wanti biyyattiif taasifamu isaanis waan fayyaduuf ani lammii biyyattii miti osoo hinjedhiin lammiileen biyyoota biroos waamicha gaarummaatiif deebii kennuu qabu jedhu.

Daarektarri Inistitiyuutii Misooma Indaastirii Leecalloo Keemikaafi Konistirakshinii Obbo Saamu’el Halalaa, industiriiwwan, keessumaa warshaaleen simintoo kaarboonii baay’inaan qilleensatti kan gadlakkisan waan ta’eef kunuunsa naannawaarratti adda durummaan hirmaachuun dirqamasaanii ta’uu ibsu.

Sagantaan kunis kan jalqabaa ta’uu eeranii, warshaaleen simintoo kaanis bifuma walfakkaatuun kan dhaaban ta’uu addeessu. Warshaalee simintoo lamaan qofatti hojjettoonni kuma afuriifi 200 ol jiraachuu kaasanii kunneen ganna kana mata mataatti biqiltuu 40 kan dhaaban ta’uufi dhiheenyasaaniitti waan argamuufis kan kunuunsan ta’uullee ni himu. Indistiriiwwan keemikaalaa biroonis qaamuma waamicha kanaati jedhu.

Saganticharratti kan argaman Ministir De’eetaan Ministeera Daldalaafi Industirii Obbo Yohaannis Dinqaayyoo gamasaaniin, warshaaleen simintoo dhagaa cilee waan fayyadamaniif  kaarboonii hedduu qilleensatti dabaluun turtii keessa qilleensa naannawaa garmalee akka faalan ibsu. Kanaaf ministeerichifi inistiitiyuuticha waliin ta’uun qaamolee dhimmichi ilaallatu mariisisanii warshaaleen kamuu leecalloo omishasaanii qabeenya uumamaarraa fayyadamuu qofa osoo hintaane misoomsuu akka qaban kallattiin taa’uu dubbatu.

Gama kanaan Warshaan Simintoo Mugar fakkeenyummaa akka qabu kaasanii, warreen kaanis kanuma akka ittifufsiisan taasisuufi waamicha Doktar Abiyyiif deebii kennuuf sagantaan kun eegalamuu ibsu.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Hanga Itoophiyaa keessa jiraannetti biqiltuu dhaabuun nu ilaallata” -Lammiilee biyya alaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *