Gaaffii ummata Sidaamaafi heera RFDI

Finfinnee: Heerri Rippablikii Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaa (RFDI) keeyyata 47/1fi2 jalatti miseensotni mootummaa federaalaa bulchiinsa mootummoota naannolee saglanii (Oromiyaa, Amaaraa, Tigraayi, Somaalee, Affaar, Beenishaangul Gumuz, Ummattoota Kibbaa, Gaambeellaafi Hararii) ta’uu tumeera.

Sabootni, sablammootniifi ummattoonni naannolee kanneen keessatti hammataman yeroo barbaadanitti naannolee mataasaanii hundeffachuuf mirga guutuu kan qaban ta’uunis eerameera.

Ummatni Sidaamaas heeruma kana bu’uureffachuun godinarraa gara naannootti guddachuuf Adoolessa 11 bara 2010 mootummaaf gaaffii dhiyeessuusaa ibsaa tureera. Mootummaanis hanga har’aatti gaaffiisaanii fudhachuun ala deebii gahaa waan hinkennineef, Adoolessa 11/11/2011 ofumaan murteessanii labsachuuf sochiin jiraachuun beekameera. Kun ija seeraatiin akkamitti ilaalama?

Obbo Wandimmuu Ibsaa ogeessa seeraa yoo ta’an, Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaafi federaalaatti abukaatummaan hojjechaa jiru. Akka isaan ibsanitti, gaaffiin godinarraa gara naannootti guddachuu heera biyyattii irratti tumamee waan jiruuf ija seeraatiin oggaa ilaalamu fudhatama kan qabuudha. Ummatni Sidaamaas waggaa tokko dura fedhii gara naannootti guddachuu mootummaa naannichaafi federaalaaf dhiyeessuunsaa sirriidha.

Bulchiinsi Mootummaa Ummattoota Kibbaas gaaffiin dhiyaate bu’uura seeraa waan qabuuf mootummaa federaalaaf dhiyeessee deebiin akka kennamuuf eeggachaa jira. Gaaffii dhiyaate deebisuuf ammoo adeemsotni seeraa hordofamuu qaban waan jiraniif yeroo gahaa kan barbaaduudha jedhu.

Haa ta’u malee bakka mootummaan gaafficha fudhatee hojjechaa jirutti seeraan ala sochiin ofumaan gara naannootti guddachuuf labsamu heera RFDI kan faallessu waan ta’eef fudhatama kan hinqabne ta’uu ibsan. Heera ittiin bulan cabsuun ammoo jaarraa 21fa keessatti kan balaaleffatamuudhas jedhan.

Adeemsa seera eeggateen raawwatamnaan gaaffii ummatni Sidaamaa dhiyeessaa jiru afoo dhaabbatee kan dhorku hinjiru kan jedhan Obbo Wandimmuun, hanga mootummaan haala mijeeffatutti tasgabbiidhaan eeggachuu akka qaban gorsaniiru. Deebiin adeemsa seeraa qofa hordofee dhufus carraa bal’aafi itti quufinsa kan qabu ta’uu hubachuun murteessaadha jedhan.

Caffee Oromiyaatti durataa’aan Koree Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsaafi Seeraa Obbo Isaa Boruu gamasaaniin akka jedhanitti, heera biyyattiin qabdurratti hundaa’uun saboonniifi sablammootni hedduun godinarraa gara naannootti guddachuuf mootummaaf gaaffii dhiyeessaa jiru. Kun ammoo fedhii sabootaafi sablammootaarratti kan hundaa’uufi heera RFDI keeyyata 47/2 jalatti tumameera.

Gaaffiin ummata Sidaamaas keeyyatuma 47 jalatti ramadamee kan ilaalamuu waan ta’eef mootummaan naannichaas ta’e federaalaa fudhachuun haala mijeessaa jiraachuu irra deddeebiin ibsaa tureera. Deebii gahaa kennuuf ammoo rakkoolee jiraniifi fuulduratti ka’uu malan qorannoo taasisuu kan gaafatu waan ta’eef, mootummaaf yeroo kennuun dirqamaa ta’uusaa ibsan.

Mootummaan federaalaas gaaffichi bu’uuraa seeraa qabaachuu fudhatus sagalee ummataatiin mirkaneessuu kan gaafatuudha. Kana kan raawwatuufi raawwachiisu ammoo Boordii Filannoo Biyyaalessaa waan ta’eef, adeemsarra jiraachuu Ministirri Muummee RFDI Abiyyi Ahmad (‘PhD’) irra deddeebiin paarlaamaaf ibsaa turuusaanii yaadachuun gaariidha jedhan. Kanaaf ummatni Sidaamaa obsaafi tasgabbiidhaan deebii mootummaa eeggachuu akka qaban gorsaniiru.

Qabsoo karaa nagaa gaggeeffamu keessatti gaaffiileen mootummaaf dhiyaatan kamuu karaa adeemsa seeraa hordofeen qofa hojiirra ooluu qabu. Gaaffiin ummata Sidaamaas bu’uura seeraa waan qabuuf marii bal’aafi waliigaltee federeeshinii naannolee biyyattiitiin hojiirra kan ooluudha. Hangasitti garuu jarjaruurra obsaan eeggachuun murteessaa ta’uu ibsa ogeessota seeraa kannenirraa hubatameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You