“Banamuun waldaa Maccaafi Tuulamaa diina birattiillee hiika olaanaa qaba” -Piroofesar Asafaa T. Dibaabaa

Finfinnee: Adooleessa 14 bara 2011, Wiirtuu Egzibishiinii Finfinneetti walarguuf Beellamameera. Sababnisaas gaaffiin deebi’ee banamuu Waldaa Walgargaarsaa Maccaafi Tuulamaa yeroo dheeraaf rarra’ee ture waan deebii argateef isa iftoomsuufi. Waldichi si’a sadii cufamee yeroo afraffaaf sagantaa ho’aafi ifaan hojiisaa eegala.

Pirezdaantiin waldichaa Obbo Dirribii Damissee saganticha ilaalchisuun ibsa kaleessa Bariisaaf  kennaniin, guyyichatti hundeessitoota  waldichaa keessaa, bakka buutota paartiilee siyaasaa Oromoo, abbootii qabeenyaa Oromoofi bakka buutonni waldichaa Ameerikaa jiran keessummaa kabajaa ta’uun kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru.

Guyyicha konsartiin muuziqaa artistoota Zarihuun Wadaajoo, Saaliyaa Saamii, Hacaaluu Hundeessaa, Caalaa Bultumeefi kanneen biroo irratti hirmaatan kan geggeeffamu ta’uu eeranii, walumaagala miseensota, jaalattootaafi deggartoota waldichaa dabalatee namoonni kuma afurii hanga shanii ni hirmaatu jedhamee akka eegamu ibsu. Kunneenis irreessa irreeffatanii akka seenan eeru.

Namoonni akka haaraatti miseensa ta’uu barbaadanis guyyicha unki miseensummaa waan qophaa’uuf achumatti guutuun waraqaa eenyummaa qophaa’ee waajjira waldichaa Muujjaa (Shiroo Meedaa), Imbaasii Ispeen biratti argamurraa qarshii 100 kanfaluun fudhachuu akka danda’an himu.

Hayyuun seenaafi miseensa waldichaa, Piroofeesar Asafaa Tafarraa Dibaabaa gamasaaniin akka jedhanitti, deebi’uun waldaa kanaa gaaffiilee  Oromoon kaasaa ture keessaa isa hangafa. Akkuma beekamu sochiin Oromoo waa afurirratti xiyyeeffatee deemaa ture. Isaanis, mirga abbaa biyyummaa, dhimma qabeeya ofii bulchuufi abboomuu danda’u, mirga demokraasii guutuu “anatu siif beekaa malee” qabaachuufi nagaa waaraa qabaachuun bir’annaafi sodaa tokko malee jiraachuu; walumaagalatti gaaffii bilisummaati.

Kunis seenaa waggoota 50 ykn 60 osoo hintaane umurii dheeraa lakkoofsiiseefi bakka gargaraatti gaaffii kaasaa ture ta’uu eeranii, waldaan kunis kaayyoo hawaasummaa qabaatee haa ka’u malee sababootuma kanneentu akka hundaa’u isa taasise jedhu.

Waldichi seenaa qabsoo Oromoofi Oromiyaa keessatti iddoo guddaa qabaatus yeroowwan adda addaatti abbootiin waldicha bu’uureessan gaagaa’ama hedduutu irra ga’uu kaasanii, sababuma kanaan kaan fanniifaman, kaan hidhamanii ajjeefaman, kaan ammoo achi buuteensaanii wallaalamu ibsu. Ergasiis hojii Oromoo barsiisuufi walbarsiisuu, aadaa Oromoo cimsuu, barnootaafi fayyaarratti qulqullina fiduufi kkf irratti sochii itti fufus akka yaadametti fulla’ee deemuuf hedduu rakkataa turuusaatiin qabsoon hidhannoo ABOf illee ka’umsaa akka ta’e ibsu.

“Ammas gaaffiin Oromoo hinxumuramne. Gaaffiilee hafan tokkummaadhaan deebisuuf gargaaara. Ammas Oromoof deebiin Oromummaa (eenyummaa),  Oromiyaa (lafaafi biyya), Sirna Gadaatiin buluu, bilisummaafi dhimma Finfinneetiin walqabatan deebii hinarganne. Bakka kunneen guutuutti hindeebineetti waldaan kun as ba’ee ummata kana walitti akka fiduuf yeroo dheeraa eegamaa ture” jedhu.

Akka Piroofesar Asaffaan jedhanitti, deebi’ee banamuun waldichaa diina birattillee hiika qaba. Warreen tokkummaa Oromoo jibban kan abdii kutachiisuudha. Oromoonis waldaa aarsaan olaanaa itti kanfalamee dhufe kana kunuunsuufi waan barbaadamuun bira dhaabachuu qaba. Oromoon cimee dursee ijaaramuun waan dhabe seenaa, aadaa, duudhaafi sonasaa deebifachuun irraa eegama. Inni waggaa 150 diigamee walwallaalees ittiin walbarachuu qaba. Abbaa biyyummaasaa dhugoomsuun waan waliinii addunyaafillee hafuu qabaachuu qaba. Isa argates kunuunfachuun waliin dhaabachuutu irraa eegama.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Banamuun waldaa Maccaafi Tuulamaa diina birattiillee hiika olaanaa qaba” -Piroofesar Asafaa T. Dibaabaa”

  1. Pingback: go
  2. Pingback: blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *