Arbaa Mincitti dhibee saree maraatuu

Arba Minci: Yuunivarsitii Arba Mincitti barsiisaa Wal’aansa Bineensotaa Doktar Idgat Abbaayinee akka jedhanitti, dhibeen saree maraatuu bineensotarraa bineensotatti, bineensotarraa namatti kan darbuufi lubbuu namaa kan galaafatuudha.  Dhibichi ajjeesaa ta’us hubannoon  hawaasni dhukkubicharratti qabu garuu gadaanaa ta’uu himu.

Itoophiyaatti bara  2001 hanga bara 2009tti  namootni 386 sababa dhibee saree maraatuutiin du’aniiru. Dhibeen kun  kan irraanfatame fakkaatee garuu  miidhaa guddaa qaqqabsiisaa jira. Kun haalli saree ittiin qabnu daran gadaanaa ta’uu agarsiisa jedhu.

Bineensotni bosonaa kanneen akaakuu sareefi adurree baattuu dhibee kanaa waan ta’aniif saroota waliin akka wal hinquunnamne taasifamuu qaba kan jedhan Doktar Idgat, naannoo Kibbaatti,  Godinni Gaamoo paarkiilee biyyaalessaa lama waan qabuuf balaa kanaaf daran saaxilamaadha. Hawaasni harki caalaan saree ni horsiisa, garuu hinhidhu; hintalaalchisus. Kanaafuu saroonni salphumatti bineensota bosonaa waliin walquunamuun dhibee kanan faalamanii namatti dabarsuu kan danda’an ta’uu dubbatu.

Bara 2010  namoota  sareedhaan ciniinamanii Hospitaala Arbaa Mincitti yaalaman   586 keessaa  57 saree maraatuudhaan kan ciniinamaniidha. Kun dhibichi sadarkaa yaaddessaarra jiraachuu agarsiisa. Akka godinichaattis ta’e Magaalaa Arbaa Mincitti waggoota 15 oliif talaalliin sarootaa kennamee  hinbeeku.  Haalli qabiinsaafi eegumsa sarees daran gadi bu’aa ta’uun dhibichi akka babal’atu waan taasisuuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu akka qabu himu.

Keessumaa  daa’imman waggaa tokkoo hanga ja’aatti jiran saree waliin waan taphataniif carraan dhibichaan qabamuusaanii bal’aadha kan jedhan  Doktar Idgat, namootni daandiirra jiraatan yeroo hedduu saree waliin waan jiraataniif salphaatti dhibee kanaaf saaxilamuu danda’u. Sareen tokko bara jiraatu keessatti yeroo tokkoo hanga 20tti  carraa nama ciniinuu waan qabuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu yunivarsiticha waliin ta’uun rakkoo kana ittisuufi to’achuu irratti akka hirmaataniif gaafataniiru.

Qoricha dhibee kanaa argachuun keessumaa baadiyyaatti daran rakkisaadha.  Dhibee kana ofirraa  ittisuuf  saroota hundumaa talaalchisuufi akka isaan bineensota bosonaa waliin wal hinquunnamne taasisuufi hubannoo hawaasni dhibee kanarratti qabu gabbisuudhaan dhibicha %70n  ittisuun kan danda’amu ta’uu himu.

Yunivarsitichi bara 2011 Magaalaa Arba Mincitti saroota 850fi adurroota 349 akkasumas aanaa Daramaalootti saroota 737fi adurroota 440  talaaluun danda’ameera. Bara 2012ttis  hojiin  kun daran cimee kan itti fufu ta’uufi qaamoleen dhimmichi ilaallatus yunivarsiticha waliin dhimma kana irratti xiyyeeffatee akka hojjetuuf gaafataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

2 Comments to “Arbaa Mincitti dhibee saree maraatuu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *