Ada’aa Bargaatti biqiltuuwwan miliyoona 9.6 dhaabuuf karoorfame

Ada’aa Bargaa: Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Ada’aa Bargaatti ganna kana biqiltuuwwan miliyoona 9.6 dhaabuuf karoorfamuusaa Waajjirri Qonnaafi Qabeenya Uumamaa aanichaa ibse.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Dajanee Zawudee dheengadda Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, biqiltuuwwan kanneen dhiheessuuf akkasumas, akka ummanni naannawichaa irraa fayyadamuuf  buufanni biqiltuu tokko aanichatti kan qophaa’ee yoo ta’u, ummannis kanarraa ofiifis fayyadamaa naannawaa jireenyasaa mijataa akka taasifatuuf yaadamee kan qophaa’eedha jedhu.

Biqiltuuwwan jedhamanis ganna kana kan dhaabamaniifi sagantaa garagaraatiin kan adeemsiifaman  ta’uu himanii, Adooleessa 22 bara 2011 biqiltuuwwan miliyoona 200 akka biyyaatti dhaabuuf karoorfame bu’uureeffachuun guyyicha qofa biqiltuuwwan miliyoona tokko dhaabuuf karoorfamuusaa addeessaniiru. Kanaafis haalli hundu xumuramuusaafi boollawwanis qotamanii qophaa’uu addeessaniiru.

Kunuunsaaf akka toluufis bakkeewwan itti dhaabuuf yaadaman keessaa kanneen tuttuqaaf saaxilamanitti dallaan dursee ijaaramuu kaasanii,  kanneen kanaan dura dhaabamaniifis abbaan itti kennamuufi warri abbummaan fuudhanis dallaa itti ijaaruusaanii eeranii, kunimmoo sodaa kanaan dura biqiltuuwwan dhaaban kunuunsa argataa hinjiran jedhu akka hambisu himaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

One Comment to “Ada’aa Bargaatti biqiltuuwwan miliyoona 9.6 dhaabuuf karoorfame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *