Duudhaalee naamusaa jireennya fooyya’aaf

Shamarreen maqaanshii Kiristiinaa jedhamu al tokko maallaqa guddaa festaalii gurraachaan hidhamee bu’e oggaa lafatti argitu ijashii amanuu hindandeenye. Maallaqni kun mindaashii waggoota 20f hojjettee argattu caala. Maallaqa kana eenyu akka gate ni beeknti. Kanaaf maal gochuu qabdi ree? Otoo si ta’e maal goota? Deebiin ati gaaffii kanaaf kennitu ilaalchaafi dhuudhaa naamusaatiif  qabdu kan agarsiisuudha.

Qajeelfamawwan naamusaa keessaa amanamummaa, dhiifama, haqummaa, bilisummaa nama biraa eeguu, jaalala, kabajaafi of to’achuun ni eeramu. Kanaafuu duudhaaleen naamusaa ittiin bullu amaloota keenya, waantonni dursa kenninuuf, hariiroon namoota wajjin qabnu akkasumas qajeeltoowwan naamusa dhala keenyaaf dabarsinurratti dhiibbaa uumu. Duudhaaleen kunniin daran barbaachisoo ta’anillee wajlalaa gadi bu’aa dhufaniru.

Bara 2008 Ameerikaatti dargaggoonni dhuudhaalee naamusaarratti ilaalcha akkamii akka qaban hubachuuf qorannoon geggeeffamee ture. Qorannoo dargaggoota dhibbootaan lakkaamanirrattis geggeeffame kanaan ilaalchi dargaggoonni duudhaalee naamusaarratti qaban gadi bu’aa akka dhufeedha kan mirkanaa’e.

Kunis dirqisiisanii gudeeduudhaan, lubbuu balleessuudhaan, machaa’anii oofuu, hannaan, mooksuufi ejjuu fa’iin kan ibsamuudha. Dhimma kanarratti dargaggoon tokko, “Waanti tokko sirriidha miti jedhee hin yaadu” jetteetti. Namoonni baay’een ejjennoo, “Yoo sirrii sitti fakkate  raawwadhu. Waan keessi kee siin jedhu dhaggeeffadhu”  jedhu.

Dhugaa kana gara biyya keenyaatti deebisnee haala qabatamaa keessu turreefii jirru wajjin walbira qabnee oggaa ilaallu duudhaaleen naamusaa daran baduusaaniiti kan hubatamu.

Duudhaan kun keessumaa dhaabbilee amantii waa’ee naamusaa, jaalalaa, dhiifamaa, tokkummaa, gaarummaa, garalaafinaafi kkf barsiisanillee otoo hinhafiin dhuunfachuusaati kan nama gaddisiisuufi yaachisu.

Waltajjii ministirri muummeen Mootummaa RFDI, Doktar Abbiyyi Ahmada akkuma kanaan dura rakkoo keessoo dhaabbilee amantii Musliimaafi Ortodoksiifi jidduutti uumame ture mariidhaan hiikan Kamisa darbes hoggantoota waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa (Pirotestaantii) wajjin marii bal’aa taasis) wajjin dhimma tokkummaa isaan walqabatanirratti mariisisaniiru.

Kanaanis dhaabbileen amantii duudhaafi naamusasaanii duriitti deebi’uun haala Macaafni Qulqulluun ajajuun waliigalanii hordoftootasaaniif fakkeenya ta’uu akka qabaniifi ummataafi mootummaa dursuu akka qabaniidha kan gorfaman.

Kanaaf dhaabbileen amanti marti alnaamusummaan ammaan tana biyyattiitti mul’ataa jiru bu’aasaanii ta’uu hubatanii ofiifis hanqina naamusaa, jaalalaafi dhiifamaa keessaa bahanii dhalootas baasuuf tattaafachuun qabu. Duudhaalee naamusaa jireenya fooyya’aarrattis of kennanii hojjechuu qabu.

Bariisaa Waxabajjii 15 bara 2011

Recommended For You

One Comment to “Duudhaalee naamusaa jireennya fooyya’aaf”

  1. Pingback: jarisakti

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *