“Sirnoota darban keessa misooma siyaas-dinagdeen miidhamneerra” -Ummata Oromoo Baalee

Roobee: Sirni mooticha Haaylesillaasee qabsaa’ota Baalee dhabamsiisuuf humna biyyattiin qabdu hundumaa fayyadameera. Goototni siyaasaa Baalee keessa bahan hedduun garuu waraana lafoofi qilleensaanuu kan hindanda’amne ta’uusaanii falmiifi fincila garbummaarratti taasisaa turaniin mirkaneessaniiru. Yaadni, ejjennoofi kutannoon ummata Oromoo Baalees sabboonummaa Oromoorratti tokkuma ta’uusaa firatti diinaafis mul’isaa turaniiru; har’as akkasuma.

Kanarraa kan ka’e ummatni Oromoo Baalee guutummaatti misooma siyaas-dinagdeetiin miidhamaa turuusaanii waltajjii marii magaalaa Roobeetti hoggantoota olaanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin taasisanirratti ibsaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Giddugaleessa ODP Obbo Addisuu Araggaa waltajjii marichaarratti akka ibsanitti, Baaleen biyya gootota siyaasaa hedduuti, goototni kunneen ammoo ummata Oromoo bilisa baasuuf qabsaa’ota Oromoo kaawwan waliin aarsaa guddaa kaffalaniiru. Bilisummaan har’a arganne kunis kan ODP qofa osoo hintaane bu’aa qabsoo ummata Oromoo waggoota dhibba tokkoofi shantamaati jedhan.

Gootummaa abbootii keenyarraa dhaallenis hiyyummaa mo’achuurratti harka walqabannee hojjechuu qabnaa jedhaniiru. Dhaabni isaanii ODPnis siyaasni ummata Oromoo walcabsanii darbuu keessaa akka bahuuf kutannoon kan hojjetu ta’uu himanii, falmiin qabsoo Oromoo ittaanu warraaqsa dinagdee finiinsuudha jedhan.


Pirezidaantiin ittaanaa BMNO Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniin akka jedhanitti, ka’umsiifi galmi qabsoo Oromoo jaarraa tokkoofi walakkaa tokkummaa ummata Oromoo fiduudha; ittis milkaa’aa jira.
“Oromummaan keenya waan qabnu hunda caala, abdiifi hawwiin diinota keenyaa garuu tokkummaa ummata Oromoo gosaan, amantiin, lagaafi afaaniin qooduun injifannoo siyaasaa Oromoon ofharka galfate qolachuudha” jechuun ummatni Oromoo ammallee tokkummaasaa eeggachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ummatni Oromoo Baalees gootummaa qabsaa’otasaa duraarraa dhaale dinagdeetiin dabaluuf mootummaa waliin hojjechuu qabaa jedhanii, BMNOs bu’uuraalee misooma hunda guutuuf keessumaa ammoo daandii konkolaataa magaalota godina Baaleefi Booranaa, Sumaaleefi Moyyaalee walqunnamsiisu ijaarsisuuf pirojektootni bocamuusaanii ibsaniiru. Gariin ammoo qorannoo kan barbaachisan waan ta’eef, bara dhufu ni eegalamuu jedhan.


(Takkaalliny Gabayyootiin)
Suurri Gabaaboo Gabreetiin

Recommended For You

2 Comments to ““Sirnoota darban keessa misooma siyaas-dinagdeen miidhamneerra” -Ummata Oromoo Baalee”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *