Naannoleen sadeen walta’insaan hojjechuuf karoora qopheeffatan

Adaamaa: Oromiyaa, Beenishaangul Gumuziifi Gaambellaan bulchiinsa mootummaa naannolee sadeenii Itoophiyaa Lixaatti waldaangessaniidha. Ummattoonni naannolee sadeenii jaarraawwan hedduuf nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa waan turaniif seenaan, aadaan, afaaniifi jireenya hawaasummaa walkeessa galaniiru.

Waggoota shanii asitti garuu duudhaaleen waliin jireenya ummattoota naannolee kanneenii laafaa waan dhufeef, iddoowwan addaddaatti walitti bu’iinsi uumamaa tureera. Kunimmoo hariiroo obbolummaa ummattootaa diiguurra darbee misoomaafi guddina hawaas-dinagdee daran miidhuu danda’eera. Kana furuuf ammoo mootummootni naannolee sadeenii karoora baasanii walta’insaan hojjechaa jiraachuusaanii tibbana beeksisaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Qindeessaa Sagantaa Nageenyaafi Misooma Waliinii Oro-Beenii(Oromiyaarraa kan bakka bu’an) Obbo Tashoomaa Dassaalany akka jedhanitti, mootummaan naannoo Oromiyaafi Beenishaangul Gumuz dhimmoota nageenyaafi misoomaarratti walta’insaan hojjechuuf ALI bara 2009rraa eegalee tattaaffii guddaa gochaa tureera. Haa ta’u malee sababa rakkoo nageenyaa uumamee tureen hojiileen karoorfaman gara hojiitti hiikamuu hindandeenye jedhan.

Erga hoggansi jijjiiramaa siyaasa biyyattii qajeelchuu eegalee as garuu walitti bu’iinsoota hawaasa daangaa Oromiyaafi Beenishaangul Gumuz gidduutti ka’uun balaa qaqqabsiisaa turan marii hawaasaatiin gara araaraatti akka dhufu taasifamuusaa ibsaniiru. Nageenyi hawaasaas bakka duraatti akka deebi’uuf waajjirrisaanii qaamolee nageenya hunda waliin tumsaan hojjechaa jiras jedhan.

Gama misoomaanis ummattoota lameen walitti hidhuuf karoorri waggaa shanii qophaa’ee hojiitti galameera jedhanii, kanaanis ijaarsi daandii Haroo Limmuu ganda Sogeefi Yaasoo walqunnamsiisu km19.5 dheeratu xumurameera. Bara dhufu ammoo hundarra nageenya mirkaneessuuf hojiin caasaalee gandaa cimsuu xiyyeeffannoon ni hojjetamas jedhaniiru. Hawaasni garuu hariiroo obbolummaafi ollummaa uummachuun waliin jiraachuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Ittigaafatamaa Ittaanaan Waajjira Qindeessaa Nageenyaafi Misooma waliinii Oro-Beenii (Beenishaangulirraa kan bakka bu’an) Obbo Komaandar Warquu gamasaaniin akka ibsanitti, dhimma nageenyaafi misooma waliiniirratti naannoleen lameen waliin hojjechuuf erga waliigalteerra gahanii booda karoora dhaabbatummaa qopheessuuf ciminaan hojjetamaa tureera.

Hojiilee nageenya fulla’aa mirkaneessuuf hojjetameenis walitti bu’iinsotni turan furamaa akka jiranis dubbataniiru. Nageenya qofaarratti cichanii hojjechuutiin guutummaatti rakkoolee jiran furuun ammoo ulfaataa waan ta’eef, misooma waliiniirrattis walta’insaan hojjechuuf karoorri qophaa’eraa jedhan. Kanaanis naannoleen sadeenuu (Oro-Beenii-Gaambellaa) manneen barnootaa, keellaawwan fayyaafi daandii gandoota baadiyyaa walqunnamsiisu hojjechuuf karoorfamuusaa dubbataniiru.

Obbo Asaffaa Musxafaa ammoo Ittigaafatamaa ittaanaa Biiroo Dhimma Nageenyaa Naannoo Gambeellaa yoo ta’an, nagaafi tasgabbii hawaasa daangaa naannolee sadeenii jiraatan mirkaneessuuf karoorri qophaa’uunsaa kutannoo hoggansa jijjiiramaa kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru. Bulchiinsi mootummaa naannoosaaniis yeroo kamiiyyuu caalaa nageenyaafi misooma waliiniirratti kutannoon kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

(Suurri Gabaaboo Gabreetiin)

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

4 Comments to “Naannoleen sadeen walta’insaan hojjechuuf karoora qopheeffatan”

  1. Pingback: bdsm videos

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *