Gaaf tokko oggaa doktarri tokko laaqana nyaachuuf ba’u waardiyyaadhaan hangan dhufutti namoota naaf keessummeessi jedhee deeme. waardiyyichis tole, doktar rakkoo hinqabu jedheen. Akkuma doktarichi demeen namichi tokko dhufee ol seene. Waardiyyichis maaltaate si dhukkubamoo jedhee gaafate. Namichis “Eeyyee na bowwaafata” jedhee deebiseef. Yeroo kana waardiyyichi paaraastaamoolii kenneefii geggeesse.
Akkuma namichi ba’een dubartiin tokko seente. Yeroo kana waardiyyichi maal akkam sigodha jedhee gaafata. Dubartittiinis “Utuun dhiira ijaan hinargin waggaa 10 ta’eera” jettee deebifteef. Yeroo kana namichi qoricha ijaa ‘xabbitaa’ kenneefii geggeesse.
Doktarichi laaqanasaa nyaatee yeroo deebi’u, “Yeroon laaqanaaf ba’e namni dhufe jiraa?’’ jedhee waardiyyicha gaafannaan, waardiyyichi, “Eeyyee doktar! Namicha tokkoofi dubartii tokko dhufanii turan. Namichi na bowwaafata jennaanan ‘Paaraastaamoolii’ kenneefii geggeesse. Dubartittiin ammoo utuun dhiira hinaraggin waggaa 10 ta’eera naan jennaanan qoricha ijaa ‘Xabbitaa’ kenneefii geggeesse jedhee doktorichatti hime. Doktarichis, “Kanaaree qorichi dhibee ishee?” jedhee gaafate jedhama.
Natsaannat Taaddasaatiin
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011
6 Comments to “Kanaaree qorichi dhibee ishee?”