Daldalli seeraan alaa hanga yoomiitti ummataafi dinagdee biyyaa miidha?

Daldalli seeraan alaafi kontirobaandiin rakkoo ijoo ummatas ta’e dinagdee Itoophiyaa miidhaa jiraniidha; omishaaleen galii sharafa alaa argamsiisan seeraan ala gara biyya alaatti akka gurguraman taasisuudhaan dinagdee biyyattii daran miidhaa jira.

Daldalli seeraan alaafi kontirobaandiin babal’achuun, shaqaxootni bu’uuraa (sukkaara, daakuu qamadiifi zayitii nyaataa) mootummaan ummataaf dhiyeessu  daldala seeraan alaatiif saaxilamuun, adeemsi bittaafi caalbaasii lafa irra harkifachuun, industiriin manifaakichariingii  humnaa gad omishuun, humni ibsaa addaan ciccituun,  galiin sharafa alaa gad bu’uu, rakkoolee gurguddoo damee daldalaafi industirii keessatti mul’ataniidha akka gabaasni Ministeerri Daldalaafi Industirii ni mul’isa.

Gabaasni raawwii hojii ministeerichaa ji’oota saglan darbanii torban darbe Adaamaatti dhiyaate akka mul’isutti, Ji’oota saglan darban sharafa alaa irraa doolaara biiliyoona 3.1 argachuuf karoorfamee hojjetamaa kan ture yoo ta’u, raawwiin isaa doolaara biiliyoona 1.9. Kunis raawwii bara darbee yeroo walfakkaatu waliin yoo ilaalamu doolaara miiliyoona 187.39n gadi bu’eera.  Omishaaleen qonnaa hangaafi qulqullina barbaadamuun omishamuu dhabuufi gabaan addunyaa gad bu’uun rakkoolee ijoo galiin sharafa alaa akka gadi bu’u taasisaniidha akka gabaasichi mul’isutti.

Shaqaxoonni bu’uuraa mootummaan deggersaan ummataaf dhiyeessaa jiru daldala seeraan alaaf saaxilamaa jiraachuun fayyadamummaa hawaasaa miidhaa jira. Rakkoo gama kanaan mul’atu furuuf to’annoofi hordoffiin hanga dakaatti cimee itti fufuu qaba akka gabaasichi ibsutti.

Daarektarri Pilaaniifi Faayinaansii Biiroo Daldalaafi Industirii Oromiyaa Obbo Solomoon Abarraa akka jedhanitti, kontirobaandii, seeraan ala daldaluu, fedhiifi dhiyeessi shaqaxoota bu’uuraa wal simuu dhabuu, omishaalee alergii sadarkaa barbaadamuun guddachuu dhabuufi kontirobaandiifi saaxilamuun, seeraan ala gatii dabaluu, eyyamaan ala daldaluun, kan eyyama itti argataniin ala daldaluun, meeshaalee safaraa hinsakata’amne fayyadamuun, boba’aa seeraan ala deddeebisuun rakkoolee gurguddoo raawwii hojii ji’oota saglan darban keessa mul’atan ta’uu himu.

Akkasaan jedhanitti, raabsi shaqaxoota bu’uuraa (sukkaara, qamadiifi daakuu qamadii) iftoomina akka qabaatuuf hojiilee jajjabeessoon raawwatamaa kan jiran ta’us fedhiifi dhiyeessi shaqaxoota kunneenii walsimuu dhabuu irraa kan ka’e ammayyuu rakkinni ni jira. Tarkaanfii daldaltoota seeraan alaa to’achuuf taasifameen daldaltoota seeraan alaa kuma 26fi 497 gara seera qabeessaatti akka deebi’an ta’eera. Akkasumas  eyyamni daldalaa 375  kan haqaman  yoo ta’u, 43 ammoo dhorkamaniiru.

Raawwiin karoora hojii Biiroo Daldalaafi Misooma Industirii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee akka mul’isutti, tarkaanfii daldala seeraan alaa to’achuuf ji’oota saglan darban raawwatamaa turaniin nyaatawwaniifi dhugaatiiwwan saamsamani kan yeroon isaanii irra darbe kuma 14fi 581 akka dhabamsiifaman ta’eera. Manneen daldalaa  biddeenitti wantoota adda addaa dabalanii gurguran afur saamsuudhaan himatni akka irratti banamu ta’eera.  Akkasumas manneen daldala Jimaafi shiishaa irratti bobba’an 282 irratti tarkaanfiin fudhatameera.  Akkasumas qarshiin seeraan ala naanna’u miliyoona 12fi kuma 452fi 261 kan to’ataman ta’uu mul’isa.

Ministirri Daldalaafi Indastirii Aadde Fatilawarqi G/Igzaabeer akka jedhanitti, kaayyoon waltajjichaa raawwii hojii ji’oota saglan darbanii gamaaggamuun ciminoota jiran itti fufsiisuufi hanqinoota mul’atan furuun wixinee karoora bara dhufuu irratti mari’achuufi gabbisuudha. Naannoleenis kana irratti hundaa’uudhaan karoora isaanii akka qopheeffatan taasisuudhaaf kan fayyadu ta’uu himu. Akkasumas Wixinee labsii to’annoo boba’aa irratti mari’achuun gabbisuuf gargaara.

Galiin sharafa alaa irraa argamu yeroo gara yerootti hir’achaa waan dhufeef rakkoolee gama kanaan mul’atan qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin furuun barbaachisaa ta’uu kan himan Aadde Fatilawarqi, keessumaa omishaalee qonnaa sharafa biyya alaa argamsiisan gabaa addunyaaf dhiyeessuu irratti rakkoolee mul’atan furuun barbaachisaadha. Bara dhufu gurgurtaa omishaaleen qonnaa sirnaan adeemsisuudhaaf qophiilee barbaachisan taasisaa jiraachuu dubbatu. 

Hojiin omishaalee biyyattii beeksisuus sirriitti hin adeemsifamne kan jedhan ministirittiin,  kunis galii sharafa alaa irraa argamu daran  miidhaa jiruudha. Hundaa ol galiin sharafa alaa irraa argamu akka gad bu’u kan taasise gurgurtaan omishaalee albuudaa daldala seeraan alaafi kontirobaandiif saaxilamuu isaati.  Warqii dabalatee qabeenyi albuudaa haala barbaadamuun dinagdee biyyattii utubaa kan hinjirre ta’uu himu.

Damee industirii manifaakcheriingiitiif guddisuun hojiilee  ijoo ministeerichi irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru keessaa isa tokko ta’uu himanii, keessumaa damee industirii manifaakcheriingii abbootii qabeenyaa biyya keessaa deggeruu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuu dubbatu.

Abbootii  qabeenyaa damee hojii industirii manifaakcheriingii irratti bobba’an  rakkoolee dhiyeessaa, galteewwanii, walitti hidhamiinsa gabaafi nageenyaa isaan mudachuu danda’a kan jedhan Aadde Fatilawarqi, keessumaa   humni  ibsaa addaan ciccituun daran isaan miidhaa jira. Rakkoolee kunneenis ta’e armaan olitti eeraman qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin furuuf hojjechaa jiraachuu dubbatu.  

Daldalli seeraan alaa ykn kontirobaandiinis rakkoo guddaa qaqqabsiisaa jira kan jedhan ministirattiin, rakkoo kana furuuf mootummaan federaalaafi naannolee waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu himu.

Natsaannat Taaddsaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

4 Comments to “Daldalli seeraan alaa hanga yoomiitti ummataafi dinagdee biyyaa miidha?”

  1. Pingback: Dan Helmer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *