GEGGEESSUMMAAFI DARGAGGEESSUMMAA

“The Youth of today are the leaders of tomorrow.” N.Mandella “Dargaggeessi har’aa, geggeessaa boriiti.”jechuudha.

Carraan geggeessummaa borii eenyu harka illee hinjiru. Garuu, harka dargaggeessa har’aa keessa jira. Bor geggeessaa ta’uuf, har’a dargaggeessa sirrii ta’uun dirqama.

“Youth is the best time to be rich, and the best time to be poor.” Kana jechuun duroomuunis, hiyyoomuunis baruma dargaggummaa hafa. Dargaggeessa borii isa ibsate ta’i malee, dargaggeessa borii isaa har’a dukkaneessaa jiru hinta’iin.

Filannoon dogoggoraa bu’aan isaas dogoggora akka ta’u gonkumaa hinshakkamu.

“True leaders don’t create followers…they create more leaders.” J.Sakiya Sandifer.

Geggeessaa dhugaan hordoftoota oomisha osoo hintaane, geggeessaa akka isaa oomisha jechuudha.

Geggeessummaan carraa osoo hintaane, itti gaafatamummaa fudhachuudha. Geggeessaa ta’uuf hawwuun gaariidha. Yoo itti gaafatamummaa sirriitti hin hubanne garuu gatii nama baasisiisa.

Geggeessummaan saayinsii bara 1930’n booda akka gosa barnoota tokkootti of danda’ee dhaabbateedha. Sana dura barnoota hoggaansaa (Management) jalatti waamama ture.

Geggeessummaan hiika dhiibbotaan lakka’amu akka qabu bira ga’eera. Geggeessummaan saayinsii hiika ga’aa fi ifaa ta’e hin arganne jedhamee beekama. Hiika isaa sirriitti beekuun gocha isaaf hawwiifi  kaka’umsa guddaa nama keessatti uuma.

Beektonniifi bulchitoonni addunyaa kanaa geggeessummaa akkuma ilaalcha mataa isaaniitti hiika ga’aa itti kennuuf yaalaniiru. Har’as hiika haaraa baay’ee argataa jira. Boris dabalataan hiika isa har’aa irra fooya’ee ni argata. Haa ta’uu malee, hiikni muraasni kanneen armaan gadiiti.

  1. Gaggeessummaan saayinsii hawaasaa ta’ee barnoota adeemsa giddu galeessa godhachuun geggeessaan tokko dhiibbaa hordoftoota isaa irratti uumuun galma jedhameen ga’uudha. (Jechoota ijoon-adeemsa-geggeessaan- dhiibbaa-hordoftoota-uumuu fi galma- ga’uudha).
  • Geggeessummaan kallattii  hordoftoota osoo isaan hin jaallatiin dhiibbaa qajeelummaan injifachuun jijiirsiisuun bu’aa amansiisaa biraan ga’uudha. (h.truman-usa-president).
  • Barachuu fi geggeessummaan obbolaa lakkuudha. J.F.Kennedy
  • Geggeessummaan dandeetti mul’ata ittiin dhugoomsanidha. Warren Bennis
  • Geggeessummaan abdii dhalootatti horuudha. Napoleon Bonaparte.
  • Geggeessummaan dandeettii dhokataa nama keessaa baasee jireenya fooya’aa nama jiraachuudha. Bill Bradley
  • Geggeessaan hanga lafa dhaqu hin beeknetti geggeessaa hin jedhamu.
  • Geggeessummaa dhugaan haala rakkisaa keessaan carraa guddinaa arga. Reed Markham
  • Geggeessummaan ta’uudha malee taa’uu miti. 
  • Hordoftoota gaarii osoo hin ta’iin geggeessitoota gaarii ta’uun hin danda’amu. Aristotle

Dargaggeessa Jechuun?

Oromoon akkas jedha, “ Dargaggeessaa hangam geessaa” jedha. Deebiin keessan maal ta’aa laataa?

Anaaf, deebiin isaa Hanguma mul’ata kee geessa kan jedhu ta’a.

Addunyaa kana irraa baay’ina uummataan sadarkaa ol’aanaa qabatee kan jiru Dargaggeessa dha. Biyya keenya Itiyoophiyaa keessattis 77% akka ta’an qorannoowwan ni agarsiisu.

Dargaggummaan:-

  • Umrii wanti hundumtuu harka keenya keessa jiru fakkaata.
  • Tulluu dhiibnee akka waan kuffifnuu fakkaata.
  • Gabaa filannoo keessa jiraachuudha.
  • Akkasumatti waan hafu nutti fakkaata.
  • Guyyaan har’aa barabaraa fi guyyaan borii immoo gonkumaa kan hin dhufne nutti fakkaata.

Geggeessaan Eenyuudha?

Namni hundumtuu geggeessadha. Geggeessaa guddaan addunyaa kanaa geggeessaa of geggeessuu danda’uudha. Osoo of hin geggeessiin waa’ee geggeessaa biyyaa fi jaarmiyaalee kamillee dubbachuu hin dandeenyu. Yoo dubbannes ofumaati.

Hundi keenya of waan geggeessaa jirruuf geggeessaa akka taane hubachuun ogummaa guddaadha.

Ofii keenya tasgabbiifi ogummaan geggeessuun geggeessummaa olaanaaf balbala nuuf bana. Namni ofii isaa akka geggeessaa jiru hubannoo gahaa hin qabne, geggeessummaa walxaxaa fi saayinsiin guute kana beekuu fi hubachuun baay’ee itti ulfaata.

Ani geggeessaa ‘MATAA’ kootiiti. Namni jalqabatti na geggeessuuf addunyaa kana irratti dirqama qabu ANUMA.

Ofii kee geggeessitee gaafa galma yaadde biraan geessu, dhaloota baay’eetu sirraa fayyadama. Akkasumas immoo gaafa sirriitti osoo hin geggeessiin haftu dhaloota baay’eetti karaa cufta.

Kanaaf, of geggeessuun geggeessummaa isa jalqabaati. Yeroo hundumaa Geggeessaa dhaabbata guddaa addunyaa kanaa akka taate hin dagatiin. Dhaabbatni kunis SII FI KAAYYOO keeti.

Gargaaraa Pirofesara Mihiratuu Shaanqoo

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

2 Comments to “GEGGEESSUMMAAFI DARGAGGEESSUMMAA”

  1. Pingback: Trustbet
  2. Pingback: Study in Africa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *