Faayidaa lagni Baaroo kennuufi kunuunsi lagichaaf taasifamaa jiru wal hinmadaalu

Gaambeellaa: Pirezidaantiin Yunivarsitii Gaambeellaa Doktar Ujuluu Ukkook waltajjii hariiroo ummattoota Oromoofi Gaambeellaa caalaatti cimsuuf dhiyeenya kana Gaambeellaatti adeemsifame irratti akka jedhanitti, Magaalaan Gaambeellaa bara 1902 hundoofte. Lagni Baaroo magaalattii bakka lamatti addaan qoodee keessa darbuudhaan gara Sudaan Kibbaatti yaa’a.

Obbo Abla Umad Jiraataa magaalaa Gaambeellaati. Akka isaan jedhanitti lagni Baaroo ummata magaalattiifis ta’e magaalattiin ala jiraataniif qabeenya guddaadha. Lagichi ummata Gaambeellaatiif jireenya. Ummatichi lagicha malee jiraachuu hindanda’u. Lagichi omisha qurxummii, misooma jallisii, bishaan dhugaatiif ooluudhaan tajaajila guddaa kennaa jira. Haalli Qilleensa Gaambeellaa daran ho’aa waan ta’eef ummanni lagicha daakuun bashannana. Lagichi ummata Gaambeellaaf bu’uura jireenyati jedhu.

Akka isaan jedhanitti, lagichi ummataaf faayidaa olaanaa kennaa kan jiru ta’us lagichaaf kunuunsiifi eegumsi barbaachisu taasifamaafii hinjiru. Lagichi balfawwan adda addaatiin faalamaa jira. Konkolaataanis lagicha keessatti miicaama. Peestaaliifi qaruuraan bishaan  keessaa dhugamee gatamus ta’e, lolaan  lagicha daran faalaa jiru.   Kanaafuu mootummaan dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennee hojjechuu akka qabu gaafataniiru.

Ittigaafatamaan Pirees Sekireeteriyaatii Naannoo Gaambeellaa Obbo Udool Aguwaa Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, lagichi ummata magaalaa Gaambeellaa qofaaf osoo hintaane hawaasa magaalattiidhaan ala jiraataniif faayidaa guddaa kennaa jira. Ummanni Gaambeellaa laga Baaroo irraa adda bahee  jiraachuu hindanda’u. Lagicha eeguufi kunuunsuu keessaatti hawaasni gumaacha olaanaa taasisuu qaba. Lolaa gara lagichaatti yaa’u hir’isuudhaaf Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaas dhimma kana irratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu yaadachiisu.

Akka Obbo Udool jedhanitti, lagichi irra caalaa balfawwan hawaasni bakka argetti  gatuun faalamaa jira. Kanaafuu hawaasni balfawwan seeraan walitti qabee dhabamsiisuu qaba. Kunuunsaafi eegumsa laga kanaa mirkaneessuuf hawaasniifi mootummaan waliin hojjechuu akka qaban eeranii, pirojektiin lageen Shaggar misoomsuuf Finfinneetti eegales gara Gaambeellaatti babal’achuu akka qabu dubbataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

One Comment to “Faayidaa lagni Baaroo kennuufi kunuunsi lagichaaf taasifamaa jiru wal hinmadaalu”

  1. Pingback: lsm99live.net

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *