Waliigalteen irra gahame haa tikfamu

Sirni Gadaa mallattoo walabummaa Oromiyaa qofa osoo hintaane, hundee qaroomina ilmaan namaa keessaa kan hangafaa ta’uunsaa ragaadhaan mirkanaa’ee, sadarkaa addunyaatti beekamtii argachuun galmaa’eera.

Aadaa bulchiinsa sirna Gadaa keessaa inni guddaan tokko, garaagarummaa ilmaan namaa jidduutti uumamu humnaan dhabamsiisuu otoo hintaane, garaagarummaa yaadaa sirnaan keessummeessuun walitti araarsanii nagaafi tasgabbii ummataafi biyyaa mirkaneessuudha.

Haaluma kanaan waldhabdee mootummaafi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) jidduutti mul’ataa ture ilmaan Oromoo jidduutti lola uumee Oromiyaa dirree waraanaa taasisa yaaddoon jedhu ummata biyyattiifi naannichaatti uumamee ture.

Kanaanis tattaaffii cimaa Haati Siiqqee, Abbootiin Gadaafi Hayyoonni  Oromoo taasisaniin yaadni araaraa Amajjii 14 bara 2011 Finfinneetti dhiyaate, Amajjii 16 bara 2011 Magaalaa Ambootti firii godhatee gara hojiitti seename.

Tattaafii taasifameen lolaafi olola tokkummaa Oromoo diiguuf aggaamame fashaleessuun, waldhabbii uumame haala qaroomina qabuun furuun danda’ame. Kunis ummata Oromoo biratti abdii guddaa kan uumeefi darbees akka injifannootti kan fudhatamuudha.

Otoo kun kanaan jiruu waliigaltee seena qabeessi Roobii darbe Mootummaafi ABO jidduutti irra gahame ummata biratti dinqiisifannaafi abdii guddaadhaan fudhatamaa jira.

Kanananis Mootummaan, ODPfi ABOn nageenya Oromiyaa, fayyadamtummaafi tokkummaa ummata Oromootiif kan waliin hojjetan ta’uu beeksisan. Hayyudureen ABO, Jaal Daawud Ibsaa dhaabnisaanii kana booda humna waraanaa hidhatee socho’u kan hinqabneefi karaa nagaatiin socho’uuf qophii ta’uus ibsaniiru.

Pirezidaantii ittaanaan BMNO, Obbo Shimallis Abdiisaas, miseensota raayyaa addichaa waamicha mootummaa fudhatanii deebi’aniif deggarsi akka taasifamu, gara fuulduraattis mootummaan qabsoo nageenyaatiif karrisaa banaa ta’uufi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti xiyyeeffannaan akka hojjetamu mirkaneessaniiru.

Egaa waliigaltee irra gahame  nageenya waaraa Oromiyaafi biyyaa mirkaneessuu keessatti iddoo olaanaa qabaata. Kana booda ilmaan Oromoo jidduufi Oromiyaa keessatti lolli hinbarbaachisne ejjennoo cimaan qabatamuu qaba.

Injifannoon kun nageenyaafi dinagdeedhaan utubamee fuulduratti akka tarkaanfatuuf ammoo paartiileen lamaanis ta’an ummanniifi hayyoonni waliigalticha dammaqinaan tiksuurratti qoodasaanii bahachuu qabu.

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

2 Comments to “Waliigalteen irra gahame haa tikfamu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *