Manni barumsaa Afaan Oromoo Finfinnee barsiisoota haaraa kuma tokko qacaruufi

  • Komiin garaagarummaa kiraa manaas ni furama jedhameera

Finfinnee: Manni barumsaa Afaan Oromoo magaalaa Finfinnee barsiisota kanaan dura qacarriif  dorgomsiisee  calale kuma tokko simachuuf qophii xumuruusaa Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Ittaanaa Hogganaan biirichaa Obbo Zalaalam Mulaatuu ibsa gaazexaa Bariisaaf addatti Roobii darbe  kennaniin,  biiroonsaanii barsiisoota dorgomanii calalaman kuma tokko bara barnootaa 2012tti simachuuf qophii xumuruusaa himaniiru.

Misooma manneen barnootaa Afaan Oromoo Finfinnee keessatti dheebotamaa bubbule qabatamaan mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa turuu beeksisaniiru. Hojii kanaan dura hojjetameen simannaan barattootaa mana barumsaa Afaan Oromoo Finfinnee kuma 15 ga’uu ibsaniiru.

Simannaan barattootaa dabaluu qofti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gahaa akka hintaane eeranii, humna barsiisotaa gahaa ta’e ramaduun murteessaa ta’uusaan simannaan barsiisota calalamanii kun hojiirra akka oolu ta’eera jedhaniiru.

Barsiisonni simataman kunneen kanaan dura walakkaa semisteeraatti kanneen dorgomuun calallii darban akka ta’e Obboo Zalaalam himanii, dabaluu simannaa barsiisotaa kana cinatti lakkoofsi simannaa barattootaa akka magaalaa Finfinneetti kan dabalu ta’uullee yaadachiisaniiru.

Lakkoofsi barattootaas ta’e dareewwan barnootaa kutaalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee  mara keessatti babal’isuuf koreen qindaa’ee hojjechaa jiraachuu ibsanii, simannaan barattootaa gara kuma 50tti akka guddatu ta’a jedhaniiru.

Rakkoo bulchiinsa gaarii wajjin wal qabatee garaagarummaan kaffaltii  kiraa manaa barsiisota gidduu jiru komii kaasaa turuu kan eeran ittaanaan kun,  bara barnootaa 2012tti komii kana furuuf hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Akka ibsasaaniitti garaagarummaan kiraa manaa barsiisotaaf kaffalamaa jiru kan walcaalu yoo ta’u,  bara barnootaa 2012tti kan walqixxaatu ta’a. Barsiisonnis kana beekuun barnoota qulqullina qabu lammiileen gahuuf kutannoon socho’uu akka qaban dhaamaniiru.

Manni barumsaa Afaan Oromoo magaalaa Finfinnee bara kana yeroo lammaffaaf qormaata naannoo kutaa 8ffaa kan kennu ta’uu kan himan Obbo Zalaalam, barattoota  qaxalee abdii biyyaa ta’an horachuuf hawaasni mana barumsaa sosochii mootummaan taasisaa jiru cina dhaabachuu akka qabu gaafataniiru.  

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

7 Comments to “Manni barumsaa Afaan Oromoo Finfinnee barsiisoota haaraa kuma tokko qacaruufi”

  1. Pingback: skyjournals.org
  2. Pingback: porn film
  3. Pingback: Bulk Ammunition

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *