Maallaqniif qabeenyi mootummaa ukkaamfamee jiru dinagdee biyyaa hubaa jira jedhame

Finfinnee: Maallaqniifi qabeenyi mootummaa maal nadhibdeen seeraan ala qisaasa’aa jiru dinagdee biyyaa hubaa jiraachuu Manni Hojii Oditara Federaalaa beeksise.

Hogganaan mana hojichaa Obbo Gammachuu Dubbisoo gabaasa raawwii odiitii dhaabbilee mootummaa bara 2010fi 2011 ji’a sagalii mana mareef kaleessa dhiyeessanirratti maallaqniifi qabeenyi mootummaa seeraan ala qisaasa’aa jiraachuu himaniiru.

Qisaasa’uun maallaqaafi qabeenya mootummaa kun dinagdee biyyaarratti miidhaa geessisa jiraachuu kaasanii, tarkaanfiin barsiisaa yoo fudhatameen alatti haalichi yaaddessaa ta’uu dubbataniiru.

Rakkoolee gama kanaan jiran sakatta’uuf manni hojiichaa sakatta’insa taasisaa turusaafi maallaqni gurguddaa dhimma hojiif baasii ta’e achi buuteensaa kan dhibame jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbilee mootummaa garagaraa keessatti bittaa doqdoqqeefi ijaarsawwan garagaraaf maallaqni baasii ta’e hojiitti osoo hinhiikamiin bittaan sun akka raawwateetti gabaafamuusaa yoo ibsan gabaasni bittaa dhiyaate soba ta’uu himaniiru.

Kun ta’us, dhaabbileen kunneen maallaqa ukkaamfame kana akka deebisaniif qaamni itti gaafatama itti kennuu dhibuusaaniitiin qabeenyiifi maallaqni kun bakkeetti hafuuf ta’uu yaadachiisaniiru.

Kana malees, sakatta’insaafi odiitii kanaan dura gaggeeffameen waajjiraaleen mootummaafi dhaabbileen misoomaa garagaraa durgoo isaaniif hinmalleef qajeelfamaan hindeggaramne fudhachuun saamicha gaggeessaa turuu Obbo Gammachuun ibsaniiru.

Mallaqni qajeelfamaan qisaasa’e kun maqaa hojjettoota jajjabeessuu, waraqaa qorannoo qopheessuufi bittaa meeshaalee ijaarsaa jedhuun baasii ta’aa turuu hogganichi eeraniiru. Kun ammoo rakkoo bulchiinsa gaarii wajjin walqabatee qabeenyi ummataa akka ukkaamfamuufi lammiileen gadadoo keessatti akka kufan taasisaa waan jiruuf dhimma furmaata hatattamaa barbaadudha jedhaniiru.

Maallaqni seeraan ala ukkaamfame akka deebi’uuf hoggantoonni itti gaafatamummaasaanii akka ba’an gaafatamanis duubdeebiin quubsaa akka hinargamne  himaniiru. Hoggantoonni odiitii wajjin walqabatee wayita gaafataman maallaqaafi qabeenya qisaasa’e deebisiisuurratti daran laafoo dha kan jedhan Obbo Gammachuun mana hojii jijjiirrachuun qabeenya mootummaa ukkaamsaa jiraachuun irra ga’amuusaas kaasaniiru.

Qabeenyawwan ukkaamfaman kan hedduummatan dhaabbilee barnoota olaanaa mootummaa keessattii ta’us eeraniiru.   Kana malees ijaarsawwan garagaraa wajjin walqabatee bittaan meeshaalee ijaarsaa caalbaasiin ala raawwachaa turuullee kan bira ga’ame ta’uu hogganichi himaniiru.

Gochaan kunimmoo qajeelfamaafi hojmaataan ala ta’uu hubachiisuun  tarkaanfiin sirreessaafi qabeenya deebisuu akka fudhatamu gaafatamus dhageettii kan hin arganne ta’uu dubbataniiru.

Miseensonni mana marees dhimmichi yaaddessaa ta’uusaa ibsuun qaamni dhimmisaa ilaallatu tarkaanfii sirreessaaf irraa baratamuu danda’u fudhachuu akka qabu kallattii kaa’aniiru.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

9 Comments to “Maallaqniif qabeenyi mootummaa ukkaamfamee jiru dinagdee biyyaa hubaa jira jedhame”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: sex boy
  3. Pingback: https://vhnbio.com
  4. Pingback: Sevink Molen

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *