Fiichee Cambalaalaan walitti hidhamiinsa ummattootaa cimsa

Hawaasaa:  Fiichee Cambalaalaan ayyaanota ummataa guguddoo akka biyyaalessaatti kabajamaa turaniifi jiran keessaa tokkodha. Sirna kabaja ayyaanichaa har’a magaalaa  Hawaasaatti adeemsifamurratti hoggantoonni olaanaa mootummaa federaalaafi naannolee, abbootiin Gadaafi amantii, keessummoonni biyya alaafi bakka buu’onni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ni argamu.

Ittigaafatamaan Qajeelcha Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Godina Sidaamaa Obbo Jaagoo Aganyoo sirna kabaja ayyaanichaa ilaalchisee Gaazexaa Bariisaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, ayyaanni jijjiirraa baraa ummata Sidaamaa durirraa kaasee wagguma waggaan dhalattoota Sidaamaan kabajamaa tureera.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Damee Barnootaa, Saayinsiifi Aadaatti(UNESCO) akka hambaa kiliyyaatti bara 2008 erga galmaa’ee as garuu akkaataa sabootaafi  sablammoota biyyattii ibsuun akka kabajamuuf murtaa’uusaa ibsan. Ummatni Sidaamaafi mootummaan murtee kana fudhachuun ayyaanni Fiichee Cambalaalaa haala duudhaalee waliin jireenya Itoophiyaanota ibsuufi bakka bu’uun akka kabajamuuf irratti waliigalaniiru; hojiirras oolchaa jiruu jedhan.

Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa irra caalaan qabiyyeewwan aadaa of keessaa qaba kan jedhan Obbo Jaagoon, kunis hariiroon sabootaafi sablammootaa daran cimuun akka walitti hidhaman kan taasisuudha. Duudhaaleen waliin jireenya hawaasaa kanneen akka nageenyaa, jaalalaa, araaraa, waldanda’uufi walkabajuus hawaasa bal’aa keessatti sirnaan hojiirra akka oolan kan jajjabeessu ta’uusaa ibsaniiru.

Sirni kabaja ayyaanichaa lammiileen qabeenya uumamaafis (biqilootaafi bineensota) eegumsa akka taasisan kan kakaasu ta’uu eeranii, hundarra ammoo namni kamuu waan gaariifi fudhatama qabu qofa akka hojjetuuf kan dirqisiisuudha jedhu.

Kanaaf Fiichee Cambalaalaan waan gaggaarii dhala namaaf barbaachisu waan qabuuf ummattoonni biyyattii itti fayyadamuu akka qaban yaadachiisaniiru. Ayyaanichis ummata Sidaamaafi biyyattii maraaf kan jaalalaa, araaraafi badhaadhinaa akka ta’uuf hawwaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Magaalaa Hawaasaa Obbo Malkaamuu Tafarraa gamasaaniin akka ibsanitti, Fiichee Cambalaalaan ayyaana jijjiirraa baraa ummata Sidaamaa ta’us ibsituu aadaa Itoophiyaafi Itoophiyaanotaati. Hambaa kiliyyaa baduufi haqamuu hindandeenye ta’uun ‘yuneeskootti’ galmaa’uunsaa ammoo ummattoonniifi mootummaan biyyattii kunuunsuufi eeggannoo gochuu akka qabu kan mul’isuudhaa jedhan.

Ayyaanni kun magaalitti keessatti rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf qaamoleen nageenyaa marti qindoominaan qophii barbaachisaa gochuusaaniis ibsaniiru.

Ayyaanni kun ummata Sidaamaa biratti guyyoota sagaliif sadarkaa addaddaatti kan kabajamu waan ta’eef, walitti hidhamiinsa aadaa ummattootaa kan cimsuudha. Kunimmoo aadaa gabbataa biyyattiin qabdu hawaasa idil-addunyaatti beeksisuuf gargaara.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

2 Comments to “Fiichee Cambalaalaan walitti hidhamiinsa ummattootaa cimsa”

  1. Pingback: click over here
  2. Pingback: sex boy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *