Doktar Abiyyi buqqaatoota Gujiifi Geedi’oo qe’eetti deebi’an daawwatan

Finfinnee: Jilli Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin durfamu Gujii Lixaa aanaa Qarcaa ganda Gurraacha Jalduutti lammiilee qe’ee isaaniitti deebi’an daawwate.

Akkasumas, Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufriyaat Kamiil, Pirezdaantii Ittaanaan Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi Pirezdaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Miliyoon Maatiwoosis daawwiicharratti argamaniiru.

Lammileen bakkatti deebi’an, amma nageenyi fooyya’aan akka jiru kaasanii, mootummaan caalaatti nageenya lammiilee eegsisuurratti akka hojjetu gaafataniiru.

Deggarsi buqqaatoota deebisanii dhaabuuf dhihaachaa jiru ga’aa akka hintaaneefi  ganni seenaa waan jiruuf hojii qonnaatti akka deebi’an tumsi akka taasifamuufis gaafataniiru.

Doktar Abiyyi gamasaanitiin mootummaan deggarsa barbaachisaa akka taasisu, sanyiifi galteewwan qonnaa akka dhiyeessu waadaa seenaniiru.

Naannichatti namoonni  buqqa’an kuma 99fi 295 yoo ta’an, bu’uura marii araara baatii darbe taasifameen,ummata Gujii qe’ee isaaniirraa buqqa’an kuma 26fi 499, akkasumas,  Geedi’oon Gujii keessa buqqa’aan kuma 72fi 796 qe’ee isanitti mana yeroof ijaarameefitti deebi’aniru.

Doktar Abiyyi daawwannaasaaniitiin biqiltuu dhaabuun ummanni ganna dhufu duula dhaabbii biqiltuurratti akka hirmaatu jajjabeessuusaanii Waajjira Ministira Muummeerraa odeeffanneerra.

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

One Comment to “Doktar Abiyyi buqqaatoota Gujiifi Geedi’oo qe’eetti deebi’an daawwatan”

  1. Pingback: go88 tài xỉu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *