Daddabarsi meeshaalee waraanaa seeraan alaa hanga yoomiitti nageenya lammiileef yaaddoo ta’aa?

Itoophiyaatti daddabarsi meeshaalee waraanaa seeraan alaa babal’achaa jiraachuun nageenya lammiileefis ta’e biyyattiif sodaa ta’aa dhufeera.  Meeshaaleen waraanaa seeraan ala utuu daddarbanii qabamaafi yakkoonni ajjeechaafi saamichaa yeroo gara yerootti dabalaa deemuun rakkinichi hagam yaaddessaa ta’aa akka dhufe mul’isa.

 Obbo Abalaa Umad jiraataa Magaalaa Gaambeelaati. Akka isaan dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaatti himanitti, daddabrsi meeshaalee waraanaa seeraan alaa naannoo Gaambeellaatti daran babal’atee argama. Koolugaltoonni Sudaan Kibbaa irraa gara Gaambeellaa dhufan hedduun meeshaa waraanaa qabatanii galu. Daddabarsi meeshaa waraanaa seeraan alaa naannichatti babal’achuun jiraattota biratti sodaa guddaa uumeera. Baayinni koolu galtootaas daran dabaluun jiraattota naannichaaf yaaddoo biraa ta’eera jedhu.

Hogganaan Pirees Sekireeteriyaatii  Naannoo Gaambeellaa Obbo Udool Aguwaa gamasaaniin akka jedhanitti, dadabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa naannichatti mul’achaa jiru itti fufiinsaan ittisuuf Sudaan Kibbaa waliin hojjechuun barbaachisaadha. Nageenyi Sudaan kibbaa yoo mirkanaa’eedha lakkoofsi koolugaltootaas ta’e daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa hir’isuufi  ittisuun kan danda’amu ta’uu himu.

Daangaa Sudaan Kibbaafi Gaambeellaa hunda irra raayyaa Ittisa biyyaatiin eeguun akka hindanda’amne kaasanii, ummannis sochii mootummaan rakkoo gama kanaan jiru furuuf taasisaa jiru irratti bal’inaan akka hirmaatuuf gaafataniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gaaf-deebii dhiyeenya kana ‘VOA’ waliin taasisaniin akka jedhanitti, waggoota darban daddabarsi meeshaalee waraanaa seeraan alaa daran biyyattiitti babal’achaa dhufuu isaa irra kan ka’e namoonni baay’een seeraan ala meeshaa waraanaa hidhatanii jiru. Namoonni seeraan ala hidhatan kunneen gareedhaan yeroo tokko tokko ammoo yuunifoormii loltuu uffatanii namoota utuu saamanii, sodaachisaniifi ajjeesanii mul’atu. Rakkoo gama kanaan mul’achaa jiru furuufi ittisuudhaan biyya nageenyi ishee mirkanaa’e ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

 Mariifi opireeshinii rakkoo kana furuufi ittisuuf taasifamaa jiruun namoonni meeshaalee waraanaa seeraan ala naannessan qabamaa jiraachuu eeranii,  namoonni meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii namoota saamuufi ajjeesuu irratti bobba’an qabamanii dhimmi isaanii adeemsa seeraatiin ilaalamaa jira. Rakkoo gama kanaan jiru furuufi ittisuuf hojiin opireeshiniifi rifoormii eegalame itti fufiinsaan kan adeemsifamu ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

3 Comments to “Daddabarsi meeshaalee waraanaa seeraan alaa hanga yoomiitti nageenya lammiileef yaaddoo ta’aa?”

  1. Pingback: bad links

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *