Ummatni Affaariifi Oromoo ulee tokkoon loon tikfatu

Adaamaa: Itoophiyaa keessatti ummatni Oromoo hundee hinsochoone ta’uusaa ragaaleen seenaa ni mul’isu. Waltajjiin hariiroo obbolummaa adeemsifamaa turaniifi jiranis kanuma mirkaneessaniiru.

Hariiroon obbolummaa ummattoota Affaariifi Oromoos har’a kan adeemsifamu yoo ta’u, hoggantoonni olaanaa mootummoota naannolee lameenii, abbootiin, Gadaafi amantii, akkasumas kutaaleen hawaasaa addaddaa irratti hirmaachuuf magaalaa Adaamaa seenaniiru.

Waajjira Giddugaleessa ODPtti Hogganaan Damee pabilisiitiifi Yaada Ummataa Obbo Taayyee Danda’aa sirna simannaa jila ummattoota Affaar kaleessa Adaamaatti taasifamerratti Bariisaaf akka ibsanitti, saboonni lameen ilmaan kuushiifi madda laga tokkoo hanga ta’anitti dhimmarratti waldhaban akka hinqabne himaniiru.

Ummattoonni lameen madda laga tokkoo ta’uusaaniitiin ulee tokkoon loon tikfachaa jaarraa hedduu lakkoofsisuusaanii eeranii, shira siyaasaa diinni xaxeen waljifachaa turaniiyyuu walirraa adda bahuu hindanda’an jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Affaar Obbo Ahmad Kalihotaa gamasaaniin akka jedhanitti, ummattootni lameen aadaa boonsaa qabaniin waliin jiraachaa turaniifi har’as jiraniidha. Ummanni Oromoo akkuma sirna Gadaan ofgaggeessu, Affaar ammoo aadaa Mada’aa jedhamuun karaa dimokiraatawaatiin saba of gaggeessudha.

Sabni aadaa Mada’aan jiraatu kun ummata Oromoo waliin durirraa kaasee ulee tokkoon loon tikfachaa, laga tokko waraabbachaafi daakaa waan guddataniif shira siyaasaa xaxameen yeroo addaddaatti walitti bu’aa turaniiru; fulla’uu garuu hindandeenyee jedhaniiru.

Hariiroon ummattoota lameenii caalaatti hundee hinsochooneerra dhaabuuf hoggantoonni naannolee lameenii walitti dhiyeenyaan hojjechuuratti kan argaman ta’uusaaniis dubbataniiru. Fuuldurattis cimee kan itti fufu ta’uusaa himaniiru.

Hariiroon obbolummaa ummattoota lameenii alanuma adeemsifamee kan dhaabbatu osoo hintaane dhimmoota misooma hawaas-dinagdeefi siyaasaa fayyadummaa isaanii mirkaneessuu danda’urratti ni hojjetama jedhaniiru. Keessumaa ammoo misooma laga Awaashirratti ummattoota naannolee lameenii akka fayyadutti qindoominaan kan hojjetan ta’uusaa ibsaniiru.

Waasihuun Takileetiin

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

4 Comments to “Ummatni Affaariifi Oromoo ulee tokkoon loon tikfatu”

  1. Pingback: https://lllhk.org/

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *