Lammilee Oromoo mil.1.4 qe’eefi qabeenyasaaniitti deebisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Lammilee Oromoo qe’eefi qabeenyasaanirraa buqqa’an miliyoona 1.4 bakkatti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa beeksise.

Komishinarri Ittaanaa Komishiniichaatti,  Obbo Garramuu Hulluuqaa ibsa Gaazexaa Bariisaaf Roobii darbe laataniin, lammileen Oromoo shira harcaatotaatiin buqqa’aan eeggattummaa jalaa akka ba’aniif hojjetaa jiraachuusaanii dubbataniiru.

Shira harcaatonni mul’atni siyaasaa harkaa bade xaxaniin qe’eef qabeenyarraa buqqa’uun Oromoo Wallagga Lixaa, Wallaggaa Bahaa, Gujii, Harargee Lixaa Harargee Bahaa, Baaleefi Boorana keessatti dabalaa tureera jedhaniiru.

Rakkoon kun mudachuu erga eegalee waggoota lama kan fixe yoo ta’u, lakkoofsi buqqaatotaa miliyoona qaqqabuu eeranii, yeroo ammaatti hojii bakkatti deebisuuf hojjetameen bu’aan jajjabeessaa galmaa’uu danda’eera.

Akka ibsa Obbo Garramuutti, hojii buqqaatota bakkatti deebisuu ammaan tana hojjetameen lammileen Oromoo Naannoo Beenishaangul Gumuziifi daangaarraa buqqa’aan akka deebi’an ta’aniiru.

Miidhaan hawaasa kanarratti qaqqabe ulfaataa ta’us, deggarsa lammiileeniifi mootummaan taasisaa jiruun hojiin jajjabeessaa hojjetamaa jiraachuufi hojii kana keessatti ummanni Beenishaangul Gumuz Oromoo cinaa dhaabachuun buqqaatonni kunneen hundee akka jabeeffatan taasisaa jiraachuu addeessaniiru. Kun ammoo waljibbi saboota lamaan gidduu akka hinjirre mul’isuusaafi isaan biroof fakkeenya gaarii ta’uu ibsaniiru.

Akka komishinarichi jedhanitti, buqqaatonni yommuu qe’eesaaniitti deebi’an rakkoon nageenyaa akka hinmudanneefis humni nagaa eegsistuu ramadamee hawaasa waliin hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojii deebisanii dhaabuu keessatti qaawwi buqqaatotaa yeroo gabaabaa keessatti hunduu guutamuu baatus qe’eesaaniitti deebi’anii deeggarsa mootummaafi lammiileen taasisaa jiraniin bu’uura jireenyasaanii kan jabeeffatan ta’u himaniiru.

Buqqaatota hafan mara itti fufiinsaan bakkatti deebisuuf sochiin jalqabame cimee itti fufaa jiraachuu eeranii,  ummannis aantummaa sabasaaf qabu agarsiisuufi deggarsa barbaachisu taasisuu akka qabu dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

One Comment to “Lammilee Oromoo mil.1.4 qe’eefi qabeenyasaaniitti deebisuuf hojjetamaa jira”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *