Komii qonnaan bultoota Guduruu dhageettii dhabe

Finfinnee: Giddugaleessi Qorannoo, Horsiisaafi Tursiisa Beeyladaa Guduruu ALI bara 2001 irraa eegalee Yunivarsiitii Wallaggaan kan hogganamaa jiru ta’uu ragaaleen Bulchiinsa Horro Guduruu Wallaggaafi ogeessota yunivarsiiticharraa argaman ni ibsu.

Yunivarsiitii Wallaggaatti Diiniin Kaampaasii Shaambuu Doktar Kaasahuun Gurmeessaa Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, kanfaltii beenyaafi jijjiirra lafaan walqabatee komiin qonnaan bultootaa bara 2004 irraa kaasee si’a  hedduuf dhiyaachaa tureera.

Gaaffiin ykn iyyannoon qonnaan bultoota kanneenis qabiyyeen lafaa yunivarsiitichi irratti qorannoo taasisaa jiru akka dhaabatuuf osoo hintaane durumaa kaasee beenyaan ykn jijjiirraan lafaa waan hinkennamneef  jireenya ofiifi maatiisaanii gaaga’uusaa ibsachaa turanii jedhu. Kanaaf ammoo Yunivarsiitiin Wallaggaa mootummaa naannoo Oromiyaa waliin ta’uun rakkoosaanii furamuu akka qabu gaafataa turaniiru; wayita ammaas gaafachaa jiraachuusaanii ibsan.

Qabiyyeen lafaa Mana Beenyaa bara 1978 irraa eegalee harka mootummaa federaalaa gale kan jedhan Doktar Kaasahuun, Yunivarsiitiin Wallaggaa garuu komii qonnaan bultootaa waliin bara 2001tti hubannoo malee of harka galfachuusaa dubbatu. Kunimmoo komiin  qonnaan bultootaa yeroo gabaabaa keessatti akka hinfuramne taasiseera jedhan.

Yunivarsiitiin Wallaggaa rakkoo kana furuuf tattaaffii olaanaa taasisaa tureera jedhanii, yaadota furmaataa dhiyaatanirratti garuu waliigalteerra gahamuu hindandeenye. Beenyaa kaffaluuf ykn jijjiirraa lafaa dhiyeessuuf yaalamullee bu’uura seeraa waan dhabeef kufaa ta’uu danda’eeraa jedhan.

Kunimmoo qonnaan bultoota komii kaasaa turan biratti gaaffiifi aarii biraa waan uumeef, madda fedhii walitti bu’iinsaa ta’uu danda’eera. kunimmoo yeroodhaa yerootti qabeenyi giddugaleessichaa (yunivarsiitichaa) akka manca’uuf ykn saamamuuf  ka’umsa ta’eera jedhu.

Rakkoo kana furuuf yunivarsiitichi bulchiinsa godinaafi mootummaa naannoo Oromiyaa waliin marii’ateera jedhanii, hangasitti hawaasni naannichaa obsaan eeguu akka qabu yaadachiisaniiru.

Hogganaa ittaanaan Biiroo Bulchiinsa Lafaa Oromiyaa Obbo Shallamaa Imaanaa gamasaaniin akka jedhanitti, qabiyyeen lafaa  ‘Mana Beenyaa’ yeroo dheeraaf qonnaan bultootaafi Yunivarsiitii Wallaggaa gidduutti madda fedhii walitti bu’iinsaa ta’uun falmisiisaa tureera. Sababa rakkoo nageenyaan garuu qaamoleen dhimmi ilaallatu yunivarsiiticha waliin ta’uun furuu hindandeenyee jedhu.

Gaaffiin bu’uuraa qonnaan bultootaa beenyaan akka kaffalamuuf ykn ammoo jijjiirraan lafaa akka isaaniif kennamuuf iyyachaa turan; ammas gaaffiinsaanii kanumaa jedhu. Qabiyyee lafaa sirnoota darban keessa misoomaaf jecha harka mootummaa galanitti beenyaa kaffaluus ta’e jijjiirraa lafaa dhiyeessuun  garuu hindanda’amuu jedhu.

Dhaabbanni mootummaa ykn miti mootummaa tokko qabiyyee lafa ummataafi mootummaa ta’e tokko misoomsuuf wayita fudhatu sirnaan misoomsuu qaba; hawaasa naannoos fayyaduu akka qabu hubatamuu qaba. Yunivarsiitiin Wallaggaas gama kanaan of ilaalee hojii misoomaatti seenuu akka qabu hubachiifameera  jedhan. Fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuufis koreen tokko hundaa’ee hojiitti seenuusaa ibsaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

4 Comments to “Komii qonnaan bultoota Guduruu dhageettii dhabe”

  1. Pingback: LAVA555
  2. Pingback: trustbet
  3. Pingback: bk8
  4. Pingback: junk search engine

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *