Jijjiiramoota eegalaman milkeessuuf deggarsi hawaasa dippilomaatotaa gaafatame

Finfinnee: Jijjiiramoota siyaas-dinagdee Itoophiyaa keessatti mul’achaa jiran fiixa baasuuf hawaasni dippilomaatota biyya keessaa tumsa barbaachisaa ta’e gochuu akka qaban Ministeerri Haajaa Alaa mootummaa Rippablikii Federaalawaa Dimokiraatawaa Itoophiyaa(RFDI) gaafate.

Ministirri haaraa 28fa ministeerichaa Obbo Gadduu Andaargaachoo Roobii darbe hoteela Iskaayilaayit Finfinneetti argamutti si’a duraaf hawaasa dippilomaatoota biyyoota addaddaa biyyattii keessa jiraatan waliin walbaraniiru.

Saganticharratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti,  Itoophiyaan waggaa tokko keessatti keessumaa adeemsa siyaasa biyyattii fooyyessuuf tarkaanfiiwwan addunyaa raajeffachiise fudhatteetti; hawaasni idil-addunyaas itti gammadeera.

Keessumaa ammoo dirree dimokiraasii bal’isuuf tarkaanfiiwwan guguddoo hoggansi jijjiiramaa fudhateen paartileen siyaasaa waggoota digdamaa oliif mootummaan akka shororkeessitootaatti fudhatamaa turan karaa nagaatiin akka qabsaa’aniif guutummaatti haallii mijateera jedhan.

Haalli qabiinsaafi eegumsa mirga namoomaas biyyattii keessatti daran yaaddessaa waan tureef, hatattamaan tarkaanfiin sirreessaa fudhatamuusaa ibsaniiru. Kanaanis hoggantoonni paartilee siyaasaafi lammiileen sababoota addaddaatiin mana sirreessaa keessatti dararamaa turan haalduree tokko malee gadi akka lakkifaman taasifamuusaa eeraniiru.

Dhaabbileen dimokiraasii kanneen akka Boordii Filannoo Biyyaalessaa, miidiyaalee, dhaabbileen haqaafi waldaaleen siivikiis adeemsa ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti dhiibbaa tokko malee bilisaan qoodasaanii akka bahataniif rifoormiin taasifameera jedhan.

Gaaffilee misoomaafi walqixxummaa sabootni, sablammoonniifi ummattoonni biyyattii irra deddeebiin kaasaa turan deebisuuf mootummaan yeroo kamiyyuu caala miira xiiqiifi kutannoon hojjechaa jiraachuusaa dippilomaatotaaf ibsaniiru.

Walitti bu’iinsa Itoophiyaafi Eertiraa waggoota kurnan lamaaf tures furuuf tarkaanfii hoggansi jijjiiramaa fudhate bu’aa guddaa buusuu dandaa’eera jedhanii, hundarra ammoo hariiroon obbolummaa ummattoota biyyoota lameenii bakka duraatti akka deebi’u gochuusaa dubbataniiru.

Jijjiiramoota hawaas-dinagdeefi siyaasa Itoophiyaa keessatti galmaa’aa turaniifi jiran keessatti gaheen hawaasa dippilomaatotaa olaanaadha kan jedhan Obbo Gadduun, kanaaf ammoo dinqisiifannaafi kabaja qaban ibsaniiruuf.  Caalatti itti fufsiisuuf ammoo deggarsa walirraa hincinne gochuu akka qaban gaafataniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

2 Comments to “Jijjiiramoota eegalaman milkeessuuf deggarsi hawaasa dippilomaatotaa gaafatame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *