Hanqinni ogeeyyotaa qormaata Indaastirii Keemikaalaa ta’ee itti fufeera

Finfinnee: Teknooloojii  barbaachisu hunda maallaqni jiraannaan bituun kan danda’amu ta’uyyuu, ogeessa teknoloojichi sochoosu  argachuun dirqama.

Biyyattiin bu’aawwan teknooloojii yeroon gaafatu bal’inaan gara biyyaatti galchaa kan jirtu ta’us, humni namaa teknoolojii kana sochoosus walumaan biyya alaatii galaa jira.

Keessattu kaarikulamii barnootaa keessatti of danda’ee kan hin kennamne teknooloojiin kemikaalaa kanneen akka simiintoo, ogeeyyota gahaa dhabuudhaan qoramaa jiraachuu Inistitiyuutiin Misooma Galtee Indaastirii Keemikaalaa ni ibsa.

Rakkoo kana furuuf ogeeyyonni indaastirii simintoo keessa tajaajilan hundi leenji’anii madaalamuu akka qabaniifi  haala dhimma kana fiixaan baasuun danda’amurratti  indaastiriiwwan simintoo waliin mariin taasifameera.

Warshaan Simintoo Mugar gama ogeeyyota ciccimoo leenjii gahaa qabaniin warroota birootiif fakkeenya ta’uu kan himan Daarikterri Olaanoon Inistitiyuutichaa Obbo Saamu’el Halaala, ammaan tana immoo warshaan Simintoo  Masooboo duubaa dhufuudhaan hojii fakkeenya qabu hojjachaa jiraachuu dubbatu.

Rakkoo kana hundeedhaa furuuf giddu galli leenjii teknoolojii kemikaalaa akka hundaa’uuf gaaffiin indaastiriiwwanirraa dhihaachaa jiraachuu himanii,  hunduu giddugalichi isa biratti akka dhaabbatu waan fedhaniif eessatti dhaabbachuu qabaan gaaffii biroo ta’uu ibsu.

Hundaa’uun  giddugalichaa kun immoo bu’a qabeessummaa warshaalee qofaaf osoo hin taane damichis ogeeyyota beekumsa qabaniin akka durfamuuf carraa kan uumu ta’uu eeru.

Giddugala leenjii hundaa’uuf warshaaleen hundi fedhii qabaachuunsaanii baasii dhimma kanaaf barbaachisu walitti baasuudhaaf kutannoo isaan qaban kan agarsiisu ta’uu kan himan immo Pirezdaantiin Waldaa Damee Simintoofi Gaggeessaan Hojii simintoo Darbaa Medrok Obbo Hayilee Asaggidee, giddugalichi iddoo fedhettis hundeeffamu kan irraa fayyadamu garuu warshaalee simintoo hunda ta’uu dubbatu.

Leenjii ogummaa damichaa sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaatti jiru ogeeyyota biyya keessaatiin kenname xumuramuusaa himanii, leenjii sadarkaa 5ffaa garuu dandeettii ogeeyyota biyya keessaatii ol waan ta’eef  gara alaatti erguun dirqama ta’uu himu.

Rakkoo kana furuuf immoo yunvarsiitii keessatti teknoloojii simintoo of danda’ee akka kennamuufis gaafatameera.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

One Comment to “Hanqinni ogeeyyotaa qormaata Indaastirii Keemikaalaa ta’ee itti fufeera”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *