Qabiyyee lafaa Yunivarsiitii Wallaggaafi qonnaan bultoota Guduruu walfalmisiisaa jiru

Yaada  ka’umsaa

Qabiyyeen lafa Mana Beenyaa naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Guduruu keessatti kan argamuufi magaalaa Komboshaarraa 6km fagaatudha. Bal’inni lafa kanaa hektaara 764.5 yoo ta’u, ALI bara 1978 irraa kaasee kaffaltii beenyaafi jijjiirraa lafaa malee qonnaan bultoota naannawichaa gandoota Guddannee Sirbaa, Haroofi Qobboo keessa jiraachaa turanirraa fuudhamuun harka mootummaa federaalaa keessa akka galu taasifame.

Wayita san mootummaan federaalaa horsiisa hoolotaatiin jiraattotni konyaa Wallaggaa akka irraa fayyadaman gochaa tureera. Waggoota shanii booda garuu sirni dargi waan kufeef, bara 1983tti qonnaan bultootni naannawichaa qabiyyee lafasaaniitti deebi’uun hanga bara 1987tti jiraachaa turaniiru. Biiroon Qonnaa Oromiyaa garuu qabiyyeen lafichaa harka mootummaa federaalaa jala turuusaa waan beekuuf yerum san qonnaan bultoota kanneen dirqamaan buqqisuun of harka galfachuu danda’eera. Waggoota kudhanii oliifis qabiyyee lafichaa wiirtuu horsiisa beeyladaa, akkasumas giddugala qorannoofi raabsaa sanyii filatamaa gochuun jiraattota godinichaa tajaajilaa tureera.

Bara 2001tti ammoo Biiroon Qonnaa Oromiyaa caalatti giddugaleessa qo’annoo, qorannoofi horsiisa beeyladaa akka ta’uuf waliigalteen Yunivarsiitiin Wallaggaatti dabarsuu danda’e. Haa ta’u malee jalqabumarraa kaasee qabiyyeen lafichaa beenyaa gahaan qonnaan bultootaaf kan kaffalame waan hintaaneef ykn ammoo jijjiirraan lafaa waan isaaniif hinkennamneef waggoota hedduuf madda fedhii walitti bu’iinsaa ta’uun falmisiisaa tureera; har’as akkasumatti itti fufeera.

Komii qonnaan bultootaa

Yunivarsiitii Wallaggaa Kaampaasii Shaambuutti Obbo Biqilaa Nagarii Qorataa sanyii beeyladaa damee Guduruuti. Qabiyyeen lafaa, Mana Beenyaa yunivarsiitichaan hogganamu hektaara 764.4 ta’uusaa ragaa of harkaa qaban wabeeffachuun dubbatu.

Bara 2004 irraa eegalees qorannoo horsiisa loonii gaggeessaa waan tureef, bu’aasaa hawaasaaf dhiyeessaa tureera jedhu. Fakkeenyaaf, horiiwwan aannanii akka raabsaman ta’uurra darbee gandootni lama(Guddannee Sirbaafi Haroo) bishaan dhugaatii qulqulluu akka argatan taasifameera jedhu.

Gaaffii, “Komiin qonnaan bultootaa maali?” jedhuufis, jalqabuma wayita qonnaan bultootni qabiyyee lafasaaniirraa buqqaafaman beenyaan ykn jijjiiraan lafaa kan hinkennamne ta’uusaa irra deddeebiin kaasaa turan jedhu.

Keessumaa ammoo qabiyyeen lafichaa waggoota 33f akkaataa hawaasni barbaaduun osoo hinmisoomiin waan tureef qonnaan bultoota biratti gaabbiifi aarii uumuusaa dubbatu. Baay’inni qonnaan bultoota kanneenii saddeettama ta’uus ni ibsu.

Obbo Zalaalam Alamaayyoo jiraataa aanaa Guduruu ganda Guddannee Qobboo yoo ta’an, namoota komii dhiyeessaa jiran keessaa tokkoodha. “Waggoota 30 dura beenyaa malee mootummaan dargiin lafa koo narraa fudhate, ergasii kaasee aniifi maatiin koo hedduu miidhamne. Hanga har’aatti lafa midhaan irratti facaafadhu tokkollee hinqabu. Iyyachaa turruyyuu deebiin naaf kenname hinjiru” jechuun komii qaban ibsatu.

Obbo Jabaasaa Gaja’aa ammoo jiraataa ganda Guddannee Sirbaa yoo ta’an, komiinsaanii inni guddaan mootummaan qabiyyee lafaasaanii hektaara 15 ta’u beenyaa ykn  jijjiirraa lafaa malee fudhachuusaati jedhu.

“Abbaan koo qabiyyee lafaa oolmaa 60 ta’u qaba ture. Aniifi obbolaan koo gandichatti dhalannee guddanne. Qabiyyee lafa keenyaa garuu mootummaan waan nurraa fudhateef ammaan kana harka duwwaa hafneerra; hedduus rakkachaa jirra” jechuun komatu. Qabiyyee lafichaa eenyuyyuu yaa qabatu beenyaan seeraan nuuf akka kaffalamuuf ykn jijjiirraan lafaa akka kennamuuf gaafachaa turuusaaniis eeru. Hanga har’aatti garuu deebii argachuu hindandeenyes jedhu.

Yunivarsiitii Wallaggaa

Doktar Bashaatuu Farradaa Pirezidaantii ittaantuu yunivarsiitichaafi ogeettii tajaajila hawaasummaati. Qabiyyee lafa Mana Beenyaa hektaara 700 ol ta’u qonnaan bultoota naannawichaafi yunivarsiitiisaanii gidduutti falmii uumerratti Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaaf ibsa kennaniiru.

Akka isaan jedhanitti, Yunivarsiitiin Wallaggaa bara 2004 irraa eegalee qabiyyee lafichaarratti pirojektii horsiisa loonii bocuun horiiwwan horsiisaafi hawaasa bal’aaf raabsaa tureera. Horiiwwan aannaniis horsiisuun keessumaa magaalota godinichaa fayyadamaa taasisuu danda’eera.

Qonnaan bultootni muraasa ta’an garuu yeroodhaa yerootti gaaffii beenyaafi jijjiirraa lafaa kaasuun komiiwwan addaddaa kaasaa turaniiru. Irra deddeebiinis bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaatti  iyyachaa turuusaanii dubbatu. Qaamni gaaffilee isaaniif deebii gahaa kennu waan dhabameef, qabeenya yunivarsiitiisaanii  qabiyyee  lafichaarra  jiru mancaasaa turaniiru jechuun komatu.

Akka ibsa Doktar Bashaatuutti, qabiyyeen lafichaa kan namoota komii dhiyeesaa jiran ta’uusaa ragaan hinjiru. Baay’inni namoota kanaas torba ta’uyyuu seeraan ala fedhii beenyaa ykn jijjiirraa lafaa fudhachuu waan fedhaniif  hawaasa naannawichaa yunivarsiitiicharratti kakaasaa jiru jedhan. Ergamni Yunivarsiitii Wallaggaa garuu  bu’aa qorannootiin hawaasa bal’aa  tajaajiluudha malee beenyaa lafaa kaffaluuf ykn jijjiirraa lafaa dhiyeessuuf dirqama hinqabuu jechuun hubachiisu.

Gaaffii, “Yunivarsiitiin Wallaggaa abbaan qabiyyee lafichaa eenyu akka ture osoo hinhubatiin akkamiin wiirtuu qorannoo hundeessuu danda’e?” jedhuuf deebii kennaniiru.

“Qabiyyeen lafichaa durumaa kaasee kan mootummaa federaalaa ta’uusaa ragaa guutuu qabna. Wayita qonnaan bultootarraa fuudhame garuu beenyaan kaffalamuusaafi dhiisuusaa ykn jijjiirraan lafaa kennamuufi kennamuu dhabuusaa garuu wantan beeku hinqabu; ragaanis hinjiru. Kaayyoon keenya garuu hawaasa miidhuu osoo hintaane qorannoo saayinsaawaarratti hundoofnee hawaasa keessaa baane tajaajiluudha” jechuun deebisaniiru.

Rakkoon kun ammoo hanga har’aattillee furamuu waan hindandeenyeef, Yunivarsiitii Wallaggaafi qonnaan bultoota komii dhiyeessaa jiran gidduutti madda fedhii walitti bu’iinsaa ta’eera. Kaayyoon yunivarsiitiisaanii ammoo hawaasa waliin walitti bu’uu osoo hintaane hawaasa giddugaleeffachuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuudha jedhu.

Rakkoo kana furuuf ammoo koreen dhimmicha qulqulleessu hawaasaafi bulchiinsa godinichaa, akkasumas Yunivarsiitii Wallaggaarraa walitti bobba’e hundaa’uun hojii eegaleera. Yaada furmaataa korichi yunivarsiitichaaf dhiyeessuun kan furamudhas jedhu.

Wanti guddaan beekamuu qabu garuu osuma qabiyyeen lafichaa deebi’eeyyuu qonnaan bulaa kamiif kennamuu danda’a? Sababiinsaa yeroodhaa yerootti qonnaan bultootni gaaffii abbummaa dhiyeessaa jiran heddummaachaa jiruu jedhu. Kanaaf hawaasni naannawichaa gadi fageenyaan hubachuutu irraa eegama.

Yunivarsiitiin Wallaggaas  hawaasa  gidduugaleeffatee  qabiyyee lafichaa guutummaatti misoomsuu qaba; nageenyi mirkanoofnaanis kutannoon kan hojjetu ta’a jedhu.

Godina Horro Guduruu Wallaggaa

Obbo Lalisaa Baqqalaa Itti gaafatamaa Dhimmoota Komunikeeshinii bulchiinsa godinichaa yoo ta’an, rakkoo qonnaan bultootaa furuuf Yunivarsiitii Wallagaa waliin mari’achaa turuusaanii dubbatu.

“Bu’uurarraa komiin qonnaan bultoota muraasaan dhiyaachaa jiru dhimma akka komii ummataatti dhiyaatu miti. Sababiinsaa qabiyyeen lafichaa harka mootummaa kan seene dur malee har’a miti. Qonnaan bultoonni har’a komii kaasaa jiran kunneen yeroosan hindhalanne. Kunimmoo bu’uura seeraaniis yoo ilaalamu fudhatama hinqabu” jechuun deebisan.

Gaaffiin qonnaan bultoota kanneenii beenyaan ykn jijjiirraan lafaa akkasaaniif kaffalamu ykn kennamuudha. Kunimmoo seeraan waan hindeggaramneef kaffaluun ykn jijjiirraa lafaa kennuun yakkadhas jedhu.

Kana furuuf bulchiinsi godinichaa akkaataa yunivarsiitichi hawaasa naannichaaf carraa hojii uumuurrattiifi fayyadamummaa isaanii mirkaneessuun danda’amurratti koreen hundaa’ee hojii eegaluusaa dubbatu. Yoo kana hintaane qabiyyeen lafaa deebi’u rakkoo biraa uumuunsaa kan hinoolleedha jedhu.

Qabiyyeen lafaa sun osuma qonnaan bultoota kanneeniif yaa deebi’u jedhamee ragaan abbentaa lafaa mirkaneessuu dhiyaachuu qaba. Namni ragaa kana of harkaa qabu ammoo waan jiru miti jedhan. Koreen hundaa’es rakkoolee jiran qorannoon kan qulqulleessu waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti ni furama jedhanii akka abdatan ibsu.

Biiroo Bulchiinsa Lafa Oromiyaa

Hogganaan ittaanaa biirichaa Obbo Shallamaa Imaanaa akka jedhanitti, qabiyyeen lafaa  ‘Mana Beenyaa’ yeroo dheeraaf qonnaan bultootaafi Yunivarsiitii Wallaggaa gidduutti madda fedhii walitti bu’iinsaa ta’uun falmisiisaa tureera.

Qonnaan bultoonni kunneen ammoo miidhamuusaanii ibsuun yeroo addaddaaatti hanga Waajjira Pirezidaantiifi Caffee Oromiyaatti iyyachaa turaniiru; hanga har’aatti garuu hinfuramne jedhu. Rakkoon kun garuu furamuu waan qabuuf barana koree tokko hundeessanii xiyyeeffanoon hojjechaa kan jiran ta’uu eeru.

Wanti ijoon qonnaan bultoonni hubachuu qaban yoo jiraate, labsiin bulchiinsaafi itti fayyadama lafa  baadiyyaa mootummaa federaalaa lakkoofsa 456/1997fi labsii bulchiinsaafi ittifayyadama lafa baadiyyaa Oromiyaa lakkoofsa 130/1999 bahuun hojiirra oolaa jiru qabiyyeewwan lafaa sirna darbe keessa fudhatamaniif beenyaan akka kaffalamu ykn jijjiirraan lafaa akka kennamuuf kan hineeyyamne ta’uusaati jedhu.

Garuu qabiyyeen lafaa qaama mootummaa ykn miti mootummaa kamiinuu qabame misoomsuun dirqama; fayyadamummaa hawaasa naannawa sanaan mirkaneessuu qabas. Kana gochuuf ammoo hanga ji’a Waxabajjiitti ni furama jedhamee qabamuusaa ibsa kennamerraa hubatameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

479 Comments to “Qabiyyee lafaa Yunivarsiitii Wallaggaafi qonnaan bultoota Guduruu walfalmisiisaa jiru”

  1. Pingback: Homepage
  2. buying prescription drugs in mexico online [url=https://mexicanpharm1st.com/#]mexico pharmacies prescription drugs[/url] mexican rx online

  3. mexican border pharmacies shipping to usa [url=http://mexicanpharm1st.com/#]mexican mail order pharmacies[/url] buying prescription drugs in mexico

  4. vacuum pump for ed [url=https://drugs1st.store/#]canadian drug pharmacy[/url] ed treatments that really work

  5. пинап казино [url=https://biznes-fabrika.kz/#]пин ап казино онлайн[/url] Пин Ап Казахстан

  6. sweet bonanza nas?l oynan?r [url=http://sweetbonanzatr.pro/#]sweet bonanza[/url] sweet bonanza

  7. пин ап зеркало [url=http://pinupzerkalo.fun/#]пин ап вход[/url] бонусы пин ап

  8. пинап казино [url=https://biznes-fabrika.kz/#]pin up kz[/url] Пин Ап Казахстан

  9. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy cheap[/url] reputable mexican pharmacies online

  10. india pharmacy [url=http://indianpharm24.pro/#]medicines from India[/url] reputable indian pharmacies

  11. slot oyunlar? puf noktalar? [url=https://slot-tr.online/#]slot siteleri[/url] en cok kazand?ran slot oyunlar?

  12. deneme bonusu veren yeni siteler [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren yeni siteler[/url] denemebonusuverensiteler.top

  13. rybpharm rybelsus [url=http://rybpharm.com/#]buy rybelsus online usa[/url] buy rybelsus online usa

  14. rybpharm cheap semaglutide [url=https://rybpharm.com/#]rybpharm rybelsus[/url] buy rybelsus canada

  15. mexican mail order pharmacies [url=https://mexicanpharmgate.com/#]mexican pharmacy online[/url] mexico drug stores pharmacies

  16. world pharmacy india [url=http://indianpharmacyeasy.com/#]indian pharmacy[/url] reputable indian pharmacies

  17. india online pharmacy [url=http://indianpharmacyeasy.com/#]indian pharmacy easy[/url] best india pharmacy

  18. lisinopril1st [url=http://lisinopril1st.com/#]buy Lisinopril online[/url] lisinopril 12.5 mg 20 mg

  19. lisinopril 40 mg tablet price [url=http://lisinopril1st.com/#]lisinopril 20mg daily[/url] lisinopril 20mg 37.5mg

  20. buy cytotec online [url=http://cytpremium.com/#]buy cytotec cytpremium[/url] buy cytotec pills online cheap

  21. вавада казино зеркало [url=https://vavada-kazi.ru/#]вавада казино зеркало[/url] казино вавада

  22. Online medicine home delivery [url=http://indianpharmstar.com/#]indian pharm[/url] india pharmacy mail order

  23. order lisinopril online from canada [url=https://lisinoprilus.com/#]zestril 20 mg cost[/url] lisinopril 3972

  24. generic lisinopril online [url=https://lisinoprilus.com/#]lisinopril cost canada[/url] lisinopril 40 mg canada

  25. ed medications cost [url=http://edpills.men/#]buy ed medication online[/url] ed drugs online

  26. oyun inceleme siteleri [url=https://casinositeleri2025.pro/#]en gГјvenilir site[/url] casino gГјncel giriЕџ

  27. deneme bonusu veren seat [url=http://casinositeleri2025.pro/#]casino slot[/url] en gГјvenilir bahis siteleri

  28. mexican drugstore online [url=https://mexicanpharmi.com/#]Legit online Mexican pharmacy[/url] buying from online mexican pharmacy

  29. where can i get cheap clomid pills [url=https://clomidonpharm.com/#]where to get clomid no prescription[/url] where buy cheap clomid without insurance

  30. cost of amoxicillin 875 mg [url=http://amoxstar.com/#]order amoxicillin no prescription[/url] amoxicillin 500 capsule

  31. buy cipro cheap [url=https://cipharmdelivery.com/#]buy ciprofloxacin over the counter[/url] ciprofloxacin order online

  32. amoxicillin 500mg prescription [url=https://amoxstar.com/#]amoxicillin pills 500 mg[/url] generic for amoxicillin

  33. пин ап казино официальный сайт [url=http://gramster.ru/#]gramster.ru[/url] пинап казино

  34. пин ап казино официальный сайт [url=http://gramster.ru/#]Gramster[/url] pinup 2025

  35. пин ап казино официальный сайт [url=http://gramster.ru/#]gramster[/url] пин ап казино

  36. пин ап казино официальный сайт [url=https://gramster.ru/#]gramster.ru[/url] gramster.ru

  37. п»їlegitimate online pharmacies india [url=https://indianpharmacy.win/#]п»їlegitimate online pharmacies india[/url] reputable indian online pharmacy

  38. indianpharmacy com [url=http://indianpharmacy.win/#]п»їlegitimate online pharmacies india[/url] Online medicine home delivery

  39. Online medicine order [url=http://indianpharmacy.win/#]cheapest online pharmacy india[/url] online shopping pharmacy india

  40. top 10 online pharmacy in india [url=http://indianpharmacy.win/#]indianpharmacy com[/url] world pharmacy india

  41. canadianpharmacy com [url=https://canadianpharmacy.win/#]legit canadian pharmacy[/url] online canadian pharmacy review

  42. top online pharmacy india [url=https://indianpharmacy.win/#]india online pharmacy[/url] indian pharmacy online

  43. п»їbest mexican online pharmacies [url=https://mexicanpharmacy.store/#]mexican border pharmacies shipping to usa[/url] mexican drugstore online

  44. cheapest online pharmacy india [url=http://indianpharmacy.win/#]buy medicines online in india[/url] top 10 online pharmacy in india

  45. cheap ed medication [url=http://fastpillseasy.com/#]fast pills easy[/url] buy erectile dysfunction pills

  46. Cheap Sildenafil 100mg [url=http://fastpillsformen.com/#]FastPillsForMen.com[/url] viagra without prescription

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *