Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa akka haaraatti hundaa’uufi

Finfinnee: Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa akka haaraatti hundeessuuf wixinee labsii  qophaa’erratti  Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa kaleessa walga’ii idilee 39fa gaggeesseen mari’ateera. Barbaachisummaa wixinee labsichaa erga sakatta’een boodas yaada murtee 56/2011n Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraafi Dimokiraasiitti qajeelcheera.

Akka wixinee labsichaatti, Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa seenaa miidiyaa maxxansaa biyyattiin qabdu keessatti kan  hangafaa yoo ta’u, waggoota 78f gaazexoota kanneen akka Bariisaa, Addis Zaman, Heraaldiifi Alaalam afaanota addaddaan (Afaan Oromoo, Amaariffaa, Ingiliffaafi Arabiffaa) odeeffannoo hawaas-dinagdeefi siyaasaa wayitawaa ta’an ummataan gahaa tureera; jiras.

Ergamni dhaabbatichaas odeeffannoowwan addaddaa ummataan gahuutiin guddinni misooma hawaas-dinagdeefi siyaasaa biyyattii saffisa barbaadameen akka dhugoomuuf tumsuudha. Seerota heera Itoophiyaa keessatti tumaman bu’uureffachuun yaadotni addaddaa miidiyaa maxxansaatiin akka keessummeeffamaniif mootummaan labsii lakkoofsa 113/87tiin Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa hundeessee ture.

Labsii dhaabbatichaa lakkoofsa 113/87fi seerota miidiyaalee biroorratti hundaa’unis dhimmoota wayitaawaafi bohaarsaa biyya keessaafi alatti raawwataman bu’aalee maxxansaatiin ummataan kan gahuudha. Itti waamamni dhaabbatichaas yeroo yerootti jijjiiramuyyuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ta’eera.

Haata’umalee dhaabbatichi waggoota dheeraaf odeeffannoowwan barbaachisoo ta’an ummataan gahaa turuyyuu sadarkaa miidiyaa maxxansaatiin gurmaa’ee guddachuu hindandeenye. Kunimmoo guutummaatti amaloota mana hojii waliin deemuu waan hindandeenyeef bulchiinsaafi hoggansa faayinaansiirratti rakkoo uumaa tureera.

Keessumaa ammoo sirni bulchiinsi hojjettoota dhaabbatichaa seera sivil sarvisii raawwachiistotni dhaabbilee mootummaa federaalaa ittiin bulaniin gaggeeffamaa waan jiruuf, kaffaltiin mindaafi faayidaawwan addaddaa gaazexeessitootaafi hojjettoota kutaalee deggarsaa gidduutti garaagarummaan bal’aan akka uumamu godheera.

Garaagarummaan mindaafi faayidaa kunimmoo hojjettootni martuu kaayyoofi mul’ata tokko qabatanii ergamni Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa galmaan akka hingeenye taasisuusaa wixinee labsii qophaa’erratti eerameera.

Dhaabbatichi wixinee labsii qophaa’een akka haaraatti kan hundeeffamu taanaanis rakkooleen turan marti kan furaman ta’uu ibsameera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa barbaachisummaa wixinee labsichaa erga fudhateen booda yaada murtee Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraafi Dimokiraasiif qajeelcheera; yeroo gabaabaa keessattis ni raggaasisa jedhamee eegama.   

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Caamsaa 9/2011

Recommended For You

4 Comments to “Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa akka haaraatti hundaa’uufi”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *