Waltajjiileen marii nageenya waaraaf bu’uura

Naannolee saglanifi bulchiinsota magaalaa lamaan Itoophiyaan qabdu keessaa akka Oromiyaa marii ummataatti kan amanu hinjiru. Duudhaan marii sirna Gadaa keessatti muuxaneeffamee baroota qaari’ee as gahe kun ammaan tanas ilmaan abbaa Gadaatti ce’ee tajaajilaa jira.

Kanaanis sochiidhuma torbanoota muraasaa as Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru hubachuun gahaadha. Waltajjiin hariiroo obbolummaa Oromaaraatiin Ambotti eegalee hamma Harariitti deeme kun naannichi rakkoon kamuu mariidhaan akka hiikamuufi jaalallis hidda yaafatu hubachuusaa kan agarsiisuudha.

Kibxata darberraa eegalees guyyoota sadan darbaniif magaalota 19tti, aanaalee Oromiyaa 300 oliifi gandoota kuma torbatti waltajjiileen nageenyaafi tokkummaa geggeeffamaniiru.

Waltajjii kanarratti ummata naannichaatiin ala, jiraattonni naannolee biroo daangaarra jiran hirmaataniiru.
Waltajjiiwwan taa’aman hariiroo obbolummaa, duudhaa waliin jireenyaa cimsuufi haaromsa keessatti gumaachaa olaanaa qabu.

Waltajjiin obbolummaa kunniin shira duudhaa waliin jireenya ummatootaa gufachiisuuf xaxaman fashaleessuufi ciruuf akka meeshaa cimaatti gargaaru.

Marii sadarkaalee adda addaatti gaggeeffaman duudhaalee gaggaarii waliin jireenyaa ummattoota walitti hidhaniifi tokkoomsanii dhalootaa dhalootatti ceessisan caalaatti jabeessuufi shira daldaaltoota siyaasaa irraa of eeguun bu’uura nageenyaa, misooma, guddinaafi badhaadhina cimaa buusuuf daran kan gargaaruudha.

Saboonniifi sablammoonni Oromiyaa keessa jiraniifi naannolee ollaa duudhaa cimaa hammachuu, jaalalaafi tokkummaa ummanni Oromoo dhalootarraa qabutti fayyadamuun har’as akkuma durii waliin farreen nageenyaa hafarsaniif otoo gurra hinkenniin jireenyasaanii yeroo kamuu caalaa ittifufuu qabu.

Walitti bu’uufi walbuqqisuun gocha shira daldaaltota siyaasaarraa xaxameedha malee bu’uura ummattoota kamuu kan hinqabne ta’uunis hubatamuu qaba.

Akkuma waltajjiilee adda addaarratti ka’aa turetti mootummaan adeemsa diigumsaa tooftaalee gara garaatiin faca’anitti luugama gochuu qaba. Miidiyaaleefi paartiileen siyaasaa ejjennoosaanii walabummaan akka tarkaanfachiisaniif mirgi hindaangofne kennamus kanneen gama tokkoon qabsoo karaa nagaa jechuun gama biraatiin ammoo ummatoota walittibuusuuf wixxirfatanirratti mootummaan ummatasaa waliin ta’ee olaantummaa seeraa agarsiisuu qaba.

Recommended For You

3 Comments to “Waltajjiileen marii nageenya waaraaf bu’uura”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *