Buqqaatonni kuma 875 qe’eesaaniitti deebi’an

Finfinnee: Rakkoo nageenyaa bakkeewwan garagaraatti mudateen lammiilee qe’eefi qabeenyasaaniirra buqqa’an keessaa kumni 875 gara q’eesaaniitti deebi’uu Ministeerri Nageenyaa ibse.

Ministirri ministeerichaa Aadde Mufriyaat Kaamil gabaasa raawwii hojii ji’oota sagalii Kibxata darbe miseensota mana mareetiif wayita dhiheessan akka jedhanitti, bu’aan kun akka argamuuf namoota kuma 500 ol wajjin hojiin araaraa hojjetameera. Buqqaatonnis fedhiisaaniin akka deebi’aniif maniin taa’ee socho’amuunsaa bu’aa gaarii argamsiiseera.

Deggarsii buqqaatotaaf taasifamu bu’uura istaandaardiidhaan waan ta’eef rakkoo dabarfachuuf yoo ta’e malee quubsaa akka hintaane kaasanii, gama kanaan deggarsi nyaataafi nyaataan alaa taasifame ga’aas ta’uu baatuu rakkoo muraasa salphisuusaa ibsaniiru.

Deggarsa yeroo caalaa kallattii xiyyeeffannaa isa duraa gochuun socho’amaa kan jiru haala dhaabbii ta’een deebisanii ijaaruu ta’uu eeranii, kanaafis sadarkaa naannoofi federaalaatti komaandi poostiin hundaa’e jiraachuu dubbataniiru.

Akka ibsa Aadde Mufariyaatitti, rakkoo buqqa’iinsaa mudateen qabeenyiifi lubbuun hedduu badeera, dhaabbilee barnootaa, fayyaa, waajjiraalee dabalatee waliigalaan dhaabbilee 450 irra miidhaan qaqabeera. Ummanni gara qe’eesaatti yommuu deebi’u dhaabbileen kunneen guutamuufi akka qaban ibsaniiru.

Gama kanaan hamma bal’inasaa ta’uu baatus hojiin eegalamuu kaasanii, kanarrattis naannoleen gama galii walitti qabuutiin hojiin hojjetaa kan jiru yoo ta’u, kana ta’uu baannaan humna mootummaatiin qofa hiikuun rakkisaa ta’uu himaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Caamsaa 2/2011

Recommended For You

131 Comments to “Buqqaatonni kuma 875 qe’eesaaniitti deebi’an”

  1. Pingback: hotmart login
  2. Pingback: Baz Luhrmann
  3. buy semaglutide pills [url=https://rybelsus.shop/#]rybelsus cost[/url] rybelsus coupon

  4. semaglutide cost [url=https://rybelsus.shop/#]buy rybelsus online[/url] semaglutide online

  5. buy ozempic pills online [url=http://ozempic.art/#]ozempic cost[/url] buy ozempic pills online

  6. пин ап казахстан [url=https://pinupkz.tech/#]pin up kz[/url] pin up казино

  7. pin up [url=http://pinupru.site/#]пин ап официальный сайт[/url] pin up казино

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *