Doktar Nagaasoo Gidaadaa afaan firootaafi waa’illansaaniitiin

-Obbo Elsaayi Gidaadaa (Obboleessa quxisuu)

“Doktar Nagaasoon akkuma obboleessi kamuu obbalaasaafi maatiisaa jaalatutti maatiifi firootasaatiif jaalala guddaa qaba. Nama hundaa walqixa jaalata. Walbirattis nu jaalata. Hamma danda’etti bakka gaddaattis gammachuutti nu biratti argama. Kan firootasaa qofa osoo hintaane namoota kaaniifis akkanuma taasisa.”

“Bara aangoorra jiru hojiidhaan qabamee utuuma jiruyyuu bilbilaanis ta’u nu dubbisa. Gara manasaa deemnee akka dubbisnuufis nu waama. Yommuu hojiidhaaf gara biyyaa dhufu yoo ofii mana dhufuu dadhabe illee bakka jirutti waamee nu gaafata.”

“Ani Nagaasoo kanin dinqisiifadhu yeroo hundumaa hojiidhaan qabamaadha. Ni barreessa; ni dubbisaas. Yeroo manasaa dhufnu nu waliin buna dhugee, taphatee gara kutaa dubbisasaatti seenuun yeroosaa dabarsa.”

“Erga aangoorraa bu’ee booda jireenyisaa baay’ee nama gaddisiisa. Mana dhimmisaa keessa jiraataa ture. Isumayyuu keessaayyuu “ba’i” jedhanii rakkisaa turan. Inni garuu kanallee himatee, nan rakkadha jedhee hinbeeku.”

“Yeroo dhumaatiif kan walagarre bilbilaan torban sadii dura. Akka gara Jarman wal’aansaaf (chek up) akka deemu malee yeroo akkasiin deema jedhee natti hinhimne. Ani deemuudhuma isaayyuu hinbeekuun ture. Boqochuusaan bilbilaan dhaga’e. kun anaaf madaa dachaadha.”

“Nagaasoon obboleessa Itoophiyaa hundaati. Sanyii, dhiigaafi amantiidhaan utuu nama hinqoodiin hunda jaalalaan tajaajilaa ture. Dhugaan biyyattii keessa akka jiraatus kan qabsaa’e hunda keenyaafi.”

Aadde Asnaaqchi Raggaasaa (Durbii)

“Doktar Nagaasoon anaaf qofa osoo hintaanee nama hundaaf fira. Nama hunda walqixa kan kabajuufi jaallatudha. Abbaa dhugaatis. Hunda keenya immoo walitti kan sassaabu isa. Tokkoon tokkoon maatii maqaadhaan beeka, ni  iyyaafata.”

“Walqixxummaatti waan amanuuf nuti illee nama hunda walqixa akka ilaallu nu gorsa. Dhugaafis bakka guddaa waan qabuuf “ani hamma lubbuun koo jirtutti biyyakoos sabakoos dhugaadhaanin tajaajila” ejjennoo jedhu qaba.”

“Erga aangoo isaa gad dhiisee booda mirga argachuu qabu hunda dhowwatanii rakkina keessa jiraataa ture. Mana qofatu kennameefi ture. Innuu bakka inni ciisuutti keenyan isaa irratti jigeera. Utuu haati warraa isaa wajjiin rakkachuu baattee nama homaa tokko hinqabnedha. Gaafa du’aa ga’ii dhaqu taaksiidhumaan namaa wajjiin deema. Nama biraa hafuu hinbarbaadu.”

“Waan nama dhibu garuu jireenya isaa kana numatu ilaalee irratti beeka malee gaaf tokkollee rakkina isaa himatee hinbeeku. Yeroo hunda “lakki rakkinni hinjiru” jedha.”

“Amma isa ittiin boqote kana dhukkubsatee osoo hintaane carraa dhiheenya mootummaan mijeesseetti fayyadamee ilaalamuudhumaaf deeme. Duraan dhukkubsatee ijoolleen isaa yaalsisaa turan. Isa dura miilasaa, onneesaafi dhukkuba addaddaa dhukubsata ture. Kanumaaf ilaalamuu deeme. Utuu hindeemiin torban tokko dura walga’ii maatii qabna turre, isarratti akka deemu nutti hime malee dhukkuba akkas cimee du’aaf qaqqabsiisu hinqabu. Erga achi deemees wal’aansa isaa xumuruusaa dhageenyee turre”

“Torban kaleessaa galgala Jarmaniidhaa ijoolleen isaa nuu bilbilanii baay’ee dhukkubee hospitaala deebi’ee seenuu nutti himan, jimaatasaa baay’ee itti cimuu nutti himan. Sanbata ganama du’asaa dhageenye. Kun nuf gadda guddaadha. Homaa waanin jedhu hinqabu, Rabbi lubbuusaa Jannata keessa nuuf haa kaa’u.”

Luba Doktar Waaqsiyyuum Iddoosaa (Nama yeroo dheeraa isana beekan)

“Hunda dura gaafan boqachuu isaanii dhaga’uu garmaleen na’e. sababni isaa ani deemuu isaanii illee hindhageenyeen ture. Ergan isaan waliin wal argee ji’a lama caaleera. Ta’us wanti ta’e hundinuu yeroo Waaqayyoo barbaadetti ta’a waan ta’eef umrii isaanii kenname jiraatanii sassaabaman waan ta’eef homaa gochuu hindanda’amu.”

“Doktar Nagaasoon achuumaa as dhufisaanii maatii amantiidhaan guddatani. Abbaan isaanii qaroo dhabeeyyii ta’anii wangeela barsiisaa turan. Keessumaa Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yasuus Itoophiyaa keessatti ga’ee guddaa taphatan. Bara jiraatan keessatti maatii Waaqayyoon sodaataniifi jaallatan turan. Doktar Nagaasoonis maatii sana keessaa waan ba’aaniif duudhaa sana fudhataniitu ba’an. Kunis duudhaa jaalalaa, ofii rakkatanii lammiif quuqamuu akka qabaatan taasiseera.”

“Bara jiraatan keessatti mana barumsaarraa jalqabee keessumaa ummanni Oromoo wanjoo cunqursaa jalaa akka ba’uuf dhuunfaattiifi namoota biroo waliin baay’ee ifaajjaa turan. Erga barnoota xumuranii biyyatti deebi’anii ministirummaafi pirezdaantummaadhaan biyya tajaajilan boodas ofiisaanii aarsaa ta’an malee bu’aasaanii hinlakkoofne. Yeroo hunda nama birmadummaa sabasaanii arguuf tattaafatu turan. Hojiisaanii kana nama galeeftu dhugaa ba’uu danda’a. kanaaf seenaa ummata Oromoo biratti bakka guddaa qabu”

“Biyya ambaatti namni pirezdaantii ta’ee biyya gaggeesaa ture waan itti jiraatuufi keessa jiraatuuf yaaddoo hinqabu; iddoo kabajaa ka’aama. Isaan yeroo haalli biyyattii keessa demaa ture liqimfamuufi didee hojiisaanii dhaaban karaan isaanii salphaa hinturre. Siyaasa yeroo sanaatti gochaa isaaniitti waan itti hingammadamneef hamma iddoo ittigalaniifi waan itti jiraatan dhabanitti rakkatan. Konkolaataa dhabanii miilaafi taaksiidhaan deemaa turan. Kana immoo isaanis dubbataa turan, inni argus argaa ture.”

“Gidiraa kun hundi isaaniif ummata isaanii gidduu waan ta’eef rakkoo qabaachuu dhiisuu danda’a; waan jiruus ni hubatu. Garuu nama ilaaluuf ulfaataadha; maqaa biyyaafis maqaa mootummaafiis gaarii miti. Ta’uus rakkoo sana hunda baatanii darban. Dhiheenya kana wantoonni jiran fooyya’aanii waan ittiin deeman argatanii, wal’aansas argataniiru; kun immoo nama gammachiisa.”

“Namoonni dhuunfaasaaniitiin waan hojjetanii darban yaadatamuu qaba. Dhaloonni dhufu Doktar Nagaasoon maal hojjetan isa jedhu akka beekuuf ta’uu qaba. Nama yartuudha namni akka kanaan ummatasaaf jecha jireenyasaa aarsaa godhu. Dhaloonni amma jirus utuu aboo qabanii akka hinqabneetti gadi jedhanii jiraachuu, inni biraa akka argatuuf ofii dhabuu, rakkoo har’aa osoo hintaane bu’aa boor dhufu fagootti ilaaluufi ummataaf jiraachuu irraa barachuu qabu.”

Piroofesar Mararaa Guddinaa (Nama dhiheenyatti beeku)

“Ani Nagaasoo kanin dhiheenyatti beekuu arga aangoo gadi dhiisee boodadha. Namni kun nama qabsoo Oromoo keessatti bakka olaanaa qabu. Mootummaa waliin hojjechuu erga jalqabes warri kaan hanqina utuu arganii itti hafanii waan dirqama itti kenname hojjechuu yommuu itti fufan inni garuu “adeemsi kun sirri miti, saba koof hojjechaa hinjiru, waa fidaa hinjiru” jedhee aangoo kennameef fedhiidhaan nama gadi dhiisedha. Hoggansi yeroo sana tures nama waan hunda ofiin murteessu waan tureef ejennoo Nagaasoon qabuun ifaan ifatti “Mangistuu Haayilamaariiyaam natti fakkaatte’’ ittiin jechuusaa qaban qaba.”

“Namni yeroo sana mootummaa jala fiigee manaafi konkolaataa bitachuu utuu danda’uu, inni garuu sadarkaa pirezdaantii qaqqabee illee mana tokko, konkolaataa tokko utuu hinqabaatiin achii ba’uun isaa nama garaa ofiif hinbulle ta’uusaa agarsiisa. Kanaaf ammo miidhameera.”

“Erga pirezdaantummaa gadi dhiisee mana mare nu waliin seenee waggaa shan ture. Achittis dhaabbileen Oromoo akka walitti dhufan yaalaa ture. Booda immoo gamtaa ‘Madark’ gara waggaa tokkoo nu waliin walga’ii taa’ee gamtichi akka uumamu gumaachaa ture. Yunvarsiitii Riifti Vaalii keessattis waliin miseensa boordii taanee hojjenneerra.”

“Torban lama yookiin sadii dura waliin walga’ii turre. Waan haaraa irratti hinagarre. Waan gumaache hundatti nama gaabbuufi kanatu natti hafe jedhu miti. Yommuu poolisiin manuma dullomaa inni keessa jiru fudhachuuf yaale illee ‘waanuma barbaaddan fudhadhaa’ jedhe malee gara biraatti hindeemne. Walumaa galatti siyaasa biyya kanaafi siyaasa Oromoo karaatti deebisuu keessatti qooda guddaa ba’aateera.”

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Ebla 25/2011

Recommended For You

4 Comments to “Doktar Nagaasoo Gidaadaa afaan firootaafi waa’illansaaniitiin”

  1. Pingback: 789club
  2. Pingback: myplay168
  3. Pingback: free show

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *