“Doktar Nagaasoon ummata Oromoo biratti hayyuu seenaa iddoo olaanaafi murteessaa qabaniidha. Yeroo dhimmi Oromummaa kaasuun akka yakkaa guddaatti lakkaa’amaa turetti baratanii barnootasaaniitiin jireenya dhuunfaasaanii fooyyeffachuuf otoo hintaane gidiraafi cunqursaa ummata Oromoorra gahaa ture balaaleffachuudhaan hayyuu gatii qabsichi gaafatu kanfalaniidha.”
“Jijjiirama sirnaa taasifame keessattis akka hayyuufi dhala Oromoo tokkootti maloota adda addaa dhahuudhaan sadarkaa ittigaafatamummaa guddaa qabu ykn pirezidaantii biyyattii mootummaan kenneefiin wayita hojjetaa turanitti dhimmoonni faayidaafi dantaa ummata Oromoo dhiban ni jiru jedhanii waan itti amananiif nama aangoof, iddoosaaniifi faayidaasaaniif dursa kennan miti. Waan ta’aa ture mil’achuun faayidaalee argachaa turan hunda dhiisuun gaaffiin Oromoo qabsaa’aafii ture hindeebine jedhanii nama qabsoo boqonnichi gaafatu kallattiinis ta’u alkallattiidhaan taasisaa turaniiru.”
“Mootummaa haaromsaa kanaan gaaffiin Oromoo deebii argachuu jalqabuusaatiin fuuldurri keenya ifa, egereen Oromoo abdiqabeessa jechuun nama karaa raashinaal ta’een dubbii fageessanii ilaalanii qabsoo bifa haaraatiin taasifamaa ture keessatti gahee adda durummaa bahachaa turan.”
“Kanaafis koreen jiddugaleessaa ODP waantota ilaaluu qabu sakatta’ee namoota seeraan ala dhiibamanii sababa gaaffiifi fedhii ummata Oromoo deebisuufi guutuuf qabsaa’aniif daraman keessaa isaan tokko. Kanaafis tajaajila argchuu qaban akka dhaban waan taasifamaniif bifa addaatiin isaan fayyaduuf otoo hintaane waanuma seeraan argachuu otoo qabanii dhaban sana, rakkoo fayyaa isaan mudate akka wal’aanamaniif, jireenya guyyuusaanii akka ittiin geggeeffataniif fala kaa’uuf baay’ee deemamee akka tureera. Deggarsis taasifamaafii ture.”
“Kanaanis abdii guddaan ittihoramee ture. Kanarraa ka’uunis mootummaa haaromsaa kana maddii dhaabachuun beekumsaafi muuxannoo dilbii qabaniin halkanii guyyaa dhama’aa turan.”
“Yeroon Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa hogganaa turetti aalatti aadaafi seenaa Oromoo guddisuun danda’amurratti dhiyeenyaan mari’achaafi wajjin hojjechaa turre. Abbootii Gadaa wajjin waan guddaa hojjetaa turan.”
“Eddiin gara Caffee Oromiyaatti dhufeeyyis keessumaa dhimma qarodhabeeyyii wajjin walqabaterratti, “Abbaan koo Luba Gidaadaan waa heddu hojjechaa turan. Manni barnootaa qarodhabeeyyii biyya kanatti akka banamuuf jalqabaaf nama gatii guddaa baasaniidha. Kanaaf hojii isaan jalqaban sana anis milkeessuun barbaada. Miidhamtoota qaamaarrattis hojjechuun fedha” jedhanii haalatti Caffeen isaan gargaaruratti na wajjin mari’ataa turan.”
“Mul’anni isaan ummataafi biyyasaaniif qaban nama umriisaaniirra jiruu otoo hintaane kan dargaggoo fakkaata. Waliigalaan quuqamni isaan sabasaaniifi biyyasaatiif akkasumas Oromiyaa jijjiiruuf qaban daran guddaa ture. Isuma amma wal’aansaaf deemanillee bilbilaan walargaa turre. Xiqqoo dhukkubsadheen wal’aansaaf deemaa jira, gaafan deebi’e walarginee waantota tokko tokko sirreessina naan jedhan.”
“Kanaafi Doktar Nagaasoon jireenyasaaniitiif otoo hintaane nama jijjiirama biyyaafi sabaatiif halkanii guyyaa yaadaafi dhama’aa turaniidha. Kanaaf anis akka nama dhuunfaatti sababa hojiitiin keessumaa waggoota lamaan darbanitti baay’ee walargaa turre. Kanin isaan beekaa tureen olittin eenyummaasaanii hubadhe.”
“Akka Caffeettis beekaafi hayyuu Oromoo dhabuu hinqabne karaa hin yaadamneen yeroo hin yaadamnetti eeyama Rabbii ta’ee dhabuu keenya daran nu gaddisiise. Kanaaf maqaa koofii maqaa Caffee Oromiyaatiin maatiisaaniitiif jajjabina guddaan hawwa.”
Charinnat Hundeessaatiin
Bariisaa Ebla 25/2011
4 Comments to “Aadde Loomii Badhoo du’a Dr. Nagaasoorratti waan jedhan”