Finfinnee: Gocha sabboonummaafi tokkummaa Oromoo cabsu kamuurratti qabsaa’uu akka barbaachisu Pirezdaantii Ittaanaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibsan. Hojii gama maraan hojjetamuu malurrattis kallattii kaa’aniiru.
Obbo Shimallis Abdiisaa kora sabaa yuuba Oromoo waliin dheengadda Adaamaa, galma Abbaa Gadaatti taa’ameerratti akka jedhanitti, sabboonummaafi tokkummaa Oromoorratti, duudhaan ganamaa ummataa akka deebi’u, seenaan Oromoo sirnaan barreeffamee dhalootatti akka darbuuf ni hojjetama. Kanaafis baajanni olaanaa ni ramadama.
Afaan Oromoo Oromiyaan alatti akka baratamuufi ittiin hojjetamu jalqabbiin eegalame cimee akka ittifufu eeranii, hojiin hojjetamu kamuu karaa fedhiifi faayidaa Oromoo kabachiisuun ni hojjetamas jedhu.
Nageenyaafi olaantummaa seeraa mirkaneessuun, rakkoo daangaa hundeerraa furuun dhimma dursi kennamuuf ta’uu eeranii, tokkummaafi mariin jaarmiyaalee siyaasa Oromoo gidduu jirus akka bal’atuufi guddatu gochuun hojii idilee ta’uu dubbatu.
Akka ibsa Obbo Shimallisitti, aangoo siyaasaa akka warra kaleessaa kan itti saaman osoo hintaane, akka Oromoon duroomee hiyyummaa mo’atuuf kan itti tajaajilamamu ta’uu ibsu. Kanaaf aadaa hojii fooyyeeffachuun carraa jiru hunda dinagdeetti jijjiiruu akka barbaachisu hubachiisu. Investimantii ummanni sheeriin abbaa ta’ee irraa fayyadamu uumuuf akka hojjetamuu kaasanii, daldala seeraan alaa to’achuun carraa gabaa akka babal’atuu akka hojjetamus ni addeessu.
Bu’uuraalee misoomaa bakkawwan maratti guutuuf duraa duuba qabsiifamee ni hojjetama kan jedhan pirezdaantii ittaanaan, maniin inni dhumaa sabboonummaa Oromoo dagaagsuun Oromiyaa dinagdee, beekumsaafi nageenyaan badhaate uumuu ta’uufi kanaafis hunduu tumsuu akka qabu dhaamu.
Hirmaattonni korichaa tokko tokkos yaada kennaniin, ummanni Oromoo seenaa kaleessa keessa darbe osoo hindagatiin jijjiirama wareegama qaalii itti kaffalee argate ciniinnatee qabachuun dinagdeedhaan mul’isuu qaba jedhu. Oromoon lagaan, godinaan, gosaafi kallattiin osoo walhinqoodiin tokkummaan hojjachuun egeree Oromiyaafi hiree dhaloota boruu mijaawaa gochuuf hojjachuun yeroonsaa amma jechuunis ni dhaamu.
Gama biraatiin, bakka bu’oota ummata Arsii Lixaa waliin dhimma wayitawaarratti Magaalaa Asallaatti mariin taasifameera.
Waltajjicharratti Kantiibaa Ittaanaan Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa, Ministirri Galiiwwanii Aadde Adaanach Abeebeefi Ittigaafatamaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Obbo Girmaa Hayiluu argamaniiru.
Akkasumas, hayyoonni, maanguddoonni, qeerroofi qarreewwan godinichaafi Magaalaa Asallaa hirmaataniiru. Kanaanis haala yeroo naannoofi biyyaa, nageenyaafi tasgabbii Oromiyaa, misoomaafi fayyadamtummaa dinagdeerratti mari’atameera. Gaaffiileefi yaadota ka’aniifis deebiin kennamuu Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaarraa odeeffanneerra.
Bariisaa Ebla 18/2011
7 Comments to “Gocha tokkummaa Oromoo cabsu kamirrattuu ni qabsaa’ama jedhame”