Finfinnee: Guddina hawaas-dinagdee saffisiisuuf bu’uuraalee misoomaa guutamuu qaban keessaa tokko uwwisa daandii ammayyaa diddiriirsuudha.
Tattaaffii waggoota kurnan lamaan darban keessa taasifamaa tureen sadarkaa magaalaafi baadiyaatti uwwisi daandiiwwanii hanga tokko akka babal’atu ta’eera. Kanneen keessaa daandiiwwan sadarkaasaanii eeggatan magaalota addaddaatti ijaaraman keessaa kumni 30 mootummaa federaalaatiin hogganamaa kan jiran yoo ta’u, fedhii jiruu garuu hanga kuma 500 ta’uu ragaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walgahii idilee 35fa Kibxata darbe adeemsiseen raawwii hojii sektara geejibaa kan ji’oota saglan darbanii gamaggameera. Kanaanis Ministiri Geejibaa Aadde Daagimaawwit Mogosiifi Daarektarri Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa, Obbo Yohaannis Xilaahun gabaasasaanii mana marichaaf dhiyeessaniiru.
Akka Obbo Yohaannis ibsanitti, waggoota kurnan lamaan darban keessa mootummaan Itoophiyaa humna bajataa qabuun misooma daandii ammayyaa babal’isaa tureera. Ta’us, fedhiin hawaasaa yeroodhaa yerootti dabalaa waan jiruuf humna dinagdee biyyattiin qabdu waliin walsimuu hindandeenye.
Maallaqa liqaafi gargaarsaan dhaabbilee faayinaansii alaarraa argameen garuu naannolee hundatti pirojektota daandii bocuun hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, bara baajata kanallee pirojekonni 300 ta’an eegalamuusaanii dubbataniiru
Rakkooleen nageenyaa biyyattii addaddaatti mudachaa turaniin pirojektotni kunneen yeroo qabaman keessatti akka hinxuuramneef sababa ta’eera kan jedhan Obbo Yohaannis, wayita ammaa garuu haalli nageenyaa waan fooyya’eef kanneen hafan xumuruuf tattaaffiin ni taasifamaa jedhan.
Aadde Daagimaawit Mogos gamasaaniin akka ibsanitti, ji’oota saglan darbanitti hojiilee guguddoon hojjetamaa kan turan yoo ta’u, ijaarsa daandiiwwan haaraa, sadarkaa daandiiwwan guguddoo walqunnamsiisan suphuun karoora qabame keessa dhibbantaa 60 hojjechuun danda’ameera.
Daandiiwwan qaxxaamuraa kanaan dura ijaaraman suphuufi eegumsa gochuuf hojiilee bal’aa hojjetamaniin bu’aa barbaadamu galmeessisuun kan danda’ame ta’uus himaniiru. Haa ta’u malee, daandiiwwan kanaan dura ijaaraman hedduu ta’aniyyuu qulqullina waan hinqabneef diigamaa jiru.
Daandiiwwan kanneen suphuuf ammoo bajatni qarshiin biliyoonni sadii ramadamuyyuu baay’ina daandiiwwan eegumsaafi suphiinsa barbaadan waliin yoo ilaalamu gahaa ta’ee hinargamnee jedhu. Kanaaf ammoo gaaffii, ‘baajata dabalataa’ Ministeera Maallaqaaf dhiyeessaneerra jedhan.
Manni marichaa garuu hanga pirojektonni daandii waggoota darban keessa eegalaman xumuramanitti gaaffiin baajata dabalataa barbaachisaa akka hintaane hubachiisuun fudhatama dhabsiiseera. Uwwisi daandii naannolee biyyattii keessa jirus walqixxaataa waan hinturreef eeggannoon hojjetamuu akka qabu yaadachiiseera.
Sadarkaa biyyaatti fedhiin misooma daandii yeroodhaa yerootti dabalaa waan jiruuf Ministeerri Geejibaafi dhaabbileen ministeerichaaf waamaman (Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaafi Fandiin Daandii Federaalaa) qindoominaan hojjechuu akka qaban Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa hubachiiseera.
Wixineen labsii 7/2011 Dhaabbata Abbaagar Itoophiyaa fooyyessuuf bahe akkaataa gabaasaafi yaada murtee koreen dhaabbii dhimmoota haqaafi dimokraasii mana marichaaf dhiyeesseen sagalee guutuudhaan ragga’eera.
Takkaalliny Gabayyootiin
Bariisaa Ebla 18/2011
6 Comments to “Fedhii misooma daandiifi uwwisasaa”