Tarkaanfiin ijaarsa seeraan alaarratti fudhatamu kan ittifufu ta’uun ibsame

Finfinnee: Ijaarsi seeraan alaa rakkoo ijoo magaalotaa waan ta’eef tarkaanfiin itti­fufiinsa qabu kan fudhatamu ta’uu Ministeerri Misooma Magaalaafi Konistiraakshinii beeksise.

Ministirri ministeerichaa Obbo Jaanxiraar Abbaay ibsa Kibxata darbe gaazex­eessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, ijaarsi seeraan alaafi saamichi lafaa rakkoo ijoo magaalotaa ta’ee waan jiruuf naannoleenis rakkoo kana dursanii ittisuufi furuur­ratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu. Ijaarsi seeraan alaa um­matas mufachiisaa dinagdee biyyas deegsaa waan jiruuf dhimma xiyyeeffannaan ir­ratti hojjetamaafi hojjetamuu qabu.

Ministeerichi ijaarsa piro­jektota manneenii jalqabama­nii jiranii xumursiisuu, mis­ooma dinagdee magariisaa babal’isuu, balfawwan walitti

 qabuufi dhabamsiisu, ijaarsa man­neen seeraan alaa to’achuu, it­tisuufi tarkaanfii fudhachuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Rak­koon nageenyaa, dafanii gara ho­jiitti galuu dhabuun, beenyaa lafaa dafanii kaffaluu dhabuun rakkoolee guguddoo ijaarsa pirojektootaa du­ubatti harkisan keessaa isaan ijoo ta’uu himaniiru.

Bara bajataa kana gama car­raa hojii uumuu, wabii nyaataa mirkaneessuufi lafa investiman­tiin qabamee utuu hinmisoomin hafe baankii lafaatti galchuun hojii gaariin raawwatameera kan jedhan ministirichi, gara fuulduraattis rak­koolee numudatan furuun bu’aalee fooyya’oo galmeessisuuf kan hojj­etan ta’uu himaniiru.

Namootni dhiyeenya kana car­raan mana waliin jireenyaa Koyyee Faaccee ba’eef gaaffiin daangaa koree daangaa bulchiinsaatiin il­aalamaa jiru akkuma deebii arga­teen manicha kan argatan ta’uu himaniiru.

 Bariisaa Ebla 4/ 2011

Natsaannat Taadddasaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Tarkaanfiin ijaarsa seeraan alaarratti fudhatamu kan ittifufu ta’uun ibsame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *