Qabeenya bosonaa irra deddeebiin gubachaa jiru yaaddoo misooma turizimiiti

Finfinnee: Wantoota qabeen­ya bosonaa mancaasan kees­saa tokko naannawa bosonaatti balaan abiddaa mudachuudha. Yeroowwan adda addaatti bal­aan abiddaa mudachaa kan ture yoo ta’u, irra caalaatti sababoota jijjiirama haala qilleensaafi nam­tolcheetiin mudachaa turuusaati ogeessotni damee kanaa kan dubbatan.

Wayitii bonaa balaa abid­daatiin paarkiiwwan bi­yyaalessaa kanneen akka gaarawwan Baaleefi Kaabaa, ak­kasumas Nacci Saar yeroowwan addaddaatti gubachaa tureera; barana ammoo hammaachaa kan dhufe ta’uusaati kan hubatamu.

Daarektarri Abbaa Taayitaa Misoomaafi Eegumsa Bineen­sota Bosonaa Itoophiyaa, Obbo Kumarraa Waaqjiraa ibsa Kibxa­ta darbe waajjirasaaniitti gaazex­eessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, paarkiiwwan biyyaal­essaa hedduun bakka jireenyaa bineensota bosonaa ta’uun yoo tajaajilanillee waggaa waggaad­haan balaa abiddaatiin gubachaa turaniru; baranas iddoowwan tokko tokkotti mudateera.

Kanarraa kan ka’e baay’inni bineensota bosonaa biyyattiitti qofa argaman yeroodhaa yeroot­ti hir’achaa dhufuun sadarkaa yaaddessaarra gaheera jedhan. Kunimmoo galii Itoophiyaan misooma turizimiirraa argachuu malturratti dhiibbaa geessisaa waan jiruuf mootummaan ka­roora tarsiima’aa baasee ittisuuf

 hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Lafti bosonaa keessumaa gaarrawwan paarkii biyyaalessaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti argaman waggaa wag­gaadhaan balaa abiddaatiif saax­ilamoodha kan jedhan daarek­tarichi, fedhii hawaas-dinagdee kutaalee hawaasaa naannawa bo­sonaa jiraatanii wajjin kan walqa­batu ta’uu ibsaniiru.

Kunis namootni dhuunfaa lafa qonnaa haaraa uummachuuf, lafa margaafi damma argachuuf, ak­kasumas albuudota barbaaduuf abidda qabsiisaniin bosonni gu­bachaa tureera jedhan. Kunim­moo bakka jireenya bineensota bosonaa mancaasuurra darbee ha­waasa naannawa paarkiiwwan bi­yyaalessaa jiraatanirratti dhiibbaa uumaa tureera. Galiin turistoo­tarraa argamus daran akka hir’atu godheera jedhan.

Balaa abiddaa bosona mancaasaa jiru guutummaatti to’achuun humna dinagdee biyy­attiirraa kan ka’e rakkisaa ta’uu eeranii, ta’us, hirmaannaa kutaal­ee hawaasaa maraafi qaamolee dhimma ilaallatu cimsuun mur­teessaadha jedhan.

Hundarra ammoo abbaan taayitichaa abidda bosonatti qaba­tu gama danda’ameen to’achuuf paarkiiwwan biyyaalessaa hun­datti sararoota balaa abiddaa it­tisan qopheessaa jiraachuu Obbo Kumarraan eeraniiru.

Ga’umsaafi dandeettii hog­gantootaafi hojjettoota paarkii­wwan biyyaalessaa cimsuufis mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus himanii, qaamoleen dimmi ilaallatus qa­beenya bosonaa kunuunsuun ga­heesaanii bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Qabeenyi bosonaa bakka jireenya bineensota bosonaa ta’uurra darbee misooma din­agdee biyyattii keessatti gahee guddaa qaba. Qabeenyi kun gubannaan ammoo galiin turizi­miirraa argamu daran kan hir’itu ta’a. Kunimmoo yaaddoo gud­dina dinagdee biraa waan ta’eef paarkiiwwaniif eegumsa gochuun murteessaadha jedhaniiru.

 Bariisaa Ebla 4 /2011

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

7 Comments to “Qabeenya bosonaa irra deddeebiin gubachaa jiru yaaddoo misooma turizimiiti”

  1. Pingback: cock
  2. Pingback: free chat
  3. Pingback: chat rooms

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *